Inistaagiraam beeksisa waa'ee ulfaatina hir'isuu dhorke

Madda suuraa, PA Media
Instagram waantoota namoonni waa'ee furdinna qaama hir'isuu fayyadaman fi dibata namoonni bareedinaaf itti fayyadaman maxxansan irratti seera jabaa baase.
Maxxansaawwan muraasni immoo fayyadamatoota umuriin isaanii 18 gad ta'ef akka hin mul'anne kan taasifamu yoo ta'u maxxansaan namoonni tokko tokko ulfaatina hir'isuu "raajiidha" jedhanii maxxansanis ni haqama.
Dhiibbaan maxxansaalee kanneen dargaggoota irratti miidhaan isaan gessan yeroodha gara yerootti dabalaa dhufeera.
Taatuu fi roogeettii qaama kan taate Jamiilaa Jamiil murtee kun "injiffannoo guddaadha" jetteetti.
Maaltu jijjiirame?
Maxxansaaleen "furdinna keessan hir'isaa" jedhan kan dhugaa hin taane akka kaafamanii fi dargaggoonni muraasni immoo maxxansaalee gosoota nyaata furdinna hir'isanii fi dibata faana walqabatu arganii fedhii bituu yoo qabaatan ta'e arguurraa ni dhorkamu.
Jijjiiramni kun Feesbuukii kan Instaagiraam dhuunfaterrattiis kan hojiirra oolu jedhameera.
Immaa Kooliinis hogganaa dambii hawaasummaa Instaagiraam kan ta'an akkas jedhaniiru, "Nuti Instaagiraamni akka bakka namoota hundi fayyadamanii ta'uu fi dambiin keenna keessa tokko kan ta'e immoo dhiibbaa miidiyaalee hawaasummaa namarraan gahan hir'isuudha" jedhaniiru.
Gorsi kunis hayyoota dhimmaa dambii miidiyaalee hawaasummaa irratti hojjattan irra akka argamees itti dabaluun himaniiru.
Akkamitti achi geenna?
Yaaddoon maxxansaaleen dibata namoonni bareedinnaaf fayyadamanii fi gosoota nyaata furdinna hir'isan jedhaman kan dhugaa hin taane irratti yaaddoo guddaa ta'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Addee Jamiil, sochii I weigh jedhamu kan hoggantu murtee kana fudhatteetti.
"Fesbuukii fi Instaagiraam murtee fayyummaa sammuu fi qaama namoota marsaalee hawaasummaa irra jiranii eeguun ergaa barbaachisaa addunyaadhaaf ergan," jetteetti.
"Namoota hojii kana keessa jiran waliin hojjachuu kiyyaaf baay'ee gammada. Dabalataanis hayyoota miidhaa kana hambisuuf hojjatan waliin hojjachuunis naaf waan guddaadha."













