Beeksisni namicha foon simbira halkanii nyaatuu dubbii kaase

Madda suuraa, BCF
Beeksisi yeroo namni tokkoo saanduwiichii simbira halkanii nyaatu agarsiisu to’atootta beeksisaa Awustraaliyaan qoratamaa jira.
Beeksisni dhaabbata meeshalee manaa 'Boating Camping Fishing store' (BCF) kun YouTube gubbaatti si’a 250,000 ol ilaalameera.
Namichi beeksisu weerarri koronaavayirasii kun namni tokko simbira halkanii nyaachuu isaa irra kan ka’e dhufe jechuun qoosa.
Weerarri kun jalqaba Chaayina magaalaa Wuhaan gabaa foon bineensotaa keessatti kan argame ta’us, maddii vaayirasichaa maal akka ta’ee fi akkamiin akka tatamsa’e irratti ragaan qabatamaa hin jiru.
Beeksisa BCF kanaa irratti komiin hedduun itti ergamuu kan himu abbaan taayitaa Awustiraaliyaa beeksisoota to'atu, komiiwwan kana xiinxalaa akka jiru BBC'tti himeera.
Dubbi himaan BCF amma dura lammileen Awustiraaliyaa hedduun sababa weerara dhukkuba kanaatiin mana waan turaniif, beeksisa salphaa isaan hawwachuu danda'u qopheessuuf akka ta'e hime.
"Weerarichi hagam hamaa akka ta'e ni hubanna, beeksisichas miiruma kanaan hojjenne" jedhe.
BCF beeksisa falmisiisaa hojjechuun beekama. Bara 2016 fi 2018 beeksisi dhaabbatichi hojjete kan komiin hedduun irratti ka'e ture.
Haariiroon Awustraaliyaa fi Chaayinaa gidduu jiru yeroo dheeraa keessatti wagga darbee hedduu hammaateera.
Beeksisi kunis haariiroon kun ittuu hammaachuu isaa kan mul’isu ta’uu mala.
Eebla darbe Awustiraaliyaan ka'umsi koronaavaayirasii akka sirnaan qoratamu kaka'umsa jiru deeggarte. Chaayinaan ammoo kuni biyyattii loogiif saaxila jetti.
Sana booda meeshaaleen Awustiraaliyaa gara Chaayina ergamanirratti qaraxa dabalte.
Chaayinaan barattoonni fi turiistonni ishee gara Awustiraaliyaa imalan jibba sanyummaaf saaxilamuu malu jechuun akeekkachiifte.













