Suuraa sobaa maxxansiteef Chaayinaan Awustiraaliyaa dhiifama hin jedhu jette

Madda suuraa, AFP
Suuraa sobaa waa'ee Awustiraaliyaa maxxansiteef Chaayinaan dhiifama hin jedhu jette. Kana dura 'Chaayinaan dhiifama na haa gaafattu' jette Awustraaliyaan himtee turte.
Chaayinaan garuu yakka waraanaa loltoonni ishee Afgaanistaan keessatti rawwatan irra Awustraaliyaan "xiyyeeffanaa uummataa jijjiiruuf" yaalaa jirti jechuun himatte.
Dabalataanis Awustraaliyaan " haariroo biyyoota lamaan jidduu jiru hammeessa jirti jechuun Chaayinaa himachuu barbaaddi" jetti Beejing.
Kibxata Imbaasiin Chaayinaa Awustiraaliyaa jiru dhiifama utuu hin gaafatin qeeqa biraan ibsa kenneera.
Ka'umsi maali?
Fuula Tiwitaraa aangawaa mootummaa gubbaatti suuraa sobaa yommuu loltuun Awustraaliyaa daa'ima Afgaan ajjeessu agarsiisu maxxanfamnaan, Chaayinaan dhiifama na gaafachuu qabdi jette Awustraaliyaan.
Ibsa TV irratti kennaniin Ministirri Muummee Iskoot Moorisan Chaayinaan suuraa ''sukkaneessaa akkanaa” maxxansuu isheef ''qaana’uu qabdi” jedhaniiru.
Kun kan ta’e yemmuu waldhabdeen siyaasaa biyyootii lamaan jidduu jiru guddachaa dhufettidha.

Madda suuraa, EPA
Suuraan kun himmannaa yakka waraanaa loltoota Awustiraaliyaa irratti dhiyaachaa jiruun kan wal qabatedha.
Kibxata Imbaasiin Chaayinaa Awustiraaliyaa jiru dhiifama utuu hin gaafatin qeeqa biraan ibsa kenneera.
"Gorsi nuti kenninuu Awustiraaliyaan looltoota ishee yakka kana Afgaanistaan keessatti raawwatan akka isaan seeratti dhiyeessuun, namoota yakka Kanaan miidhamaniif haqa akka kennitudha," jedha.
Akeekkachiisa: Odeessi kun suuraa miira namaa jeequu malu of keessaa qaba.
Jalqaba ji’a kanaatti loltoonni Awustraliyaa 25 bara 2009 fi 2013 gidduutti ajjeechaa lammilee nagaa Afgaan keessa harka qabaachuu isaanii ragaan argamee ture.
Argannoon Humna Ittisaa Awustraliyaan (ADF) dhiyaate kun namoota hedduu guddaa kan dheekkamsiise yoo ta'u, amma poolisiin qorannoo eegaleera.
Wiixata, dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Lijiyaan Zawoo fuulaa Twiitaraa isaa irratti, suuraa soobaan hojjatamee yemmuu loltuun Awustraaliyaa haaduu morma daaa'imaatti qabee jiru mul’isu maxxanseera. Daa’imni kun akka hoolaatti yemmuu qabamtee jirtu agarsiisa.

Madda suuraa, Twitter
Dhaabbati Biroodkaastii Awustraaliyaa shakkii hin mirkanoofne kan looltoonni Awustiraaliyaa dargaggoota Afgaan lama haaduun ajjeessanii jedhu sana ibsuuf kan ba’e fakkaata jedha.
Ta’us maxxansi Tiwitaraa Chaayinaa kun: ''Ajjeechaa loltoonni Awustiraaliyaa lammilee nagaa Afgaan fi hidhamtoota irratti gaggeessaniin naaneerra. Gocha akkanaa guddaa balaaleffanna, itti gaafatummaan akka gaafatamaniifis waamicha dhiyeessina,'' jedha.
MM Moorisan ammoo maxxaansi kun, ''hedduu sukkanneessaa, kan nama aarsuu fi kan akka arrabsoo ta’edha,'' jedhaniiru.
''Mootummaan Chaayiinaa maxxansaa kanaan qaana’uu qaba,'' jedhan.
Dabalataanis maxxansichi ‘oduu sobaadha’ jechuun Tiwiitarri akka fuulicharra kaasuuf Awustiraaliyaan gaafateera.
''Suuraa sobaafi kan humna waraanaa keenya salphisudha,'' jedhan Aabba Iskoot.















