Looltoonni Awustiraaliyaa lammiilee 'nagaa Afgaan ajjeesuu' gabaasni mul'ise

Loltuu Awustiraaliyaa

Madda suuraa, Getty Images

Loltoonni olaanoo Awustiaarilyaa yeroo waraana Afgaanistaanitti lammilee nagaa 39 seeraan alaa ajjeessuu isaaniif “raga qabatamaa” argachuu gabaasni yeroo dheeraaf eegamaa ture ibse.

Humni Addaa Awustraaliyaa (ADF) seera dhabummaa humnoota isaa irratti qorannoo waggaa afuriif gaggeessa tureef argannoo isaa baaseera.

Bu’aan qorannoo kanaa looltonni duraaniis ta’e amma hojiirra jiran 19 ajjeechaa “hidhamtoota, qonnaan bultoota ykn namoota nagaa” bara 2009 fi 2013 rawwatameef poolisiin qoratamuu qabu jedha.

ADF yakka kanaaf ‘aadaa gootummaa’ looltonni isaanii qaban garuu kan to'atamuu dhabe jedhan himataniiru. Qorannoon Meejar Janaraal Pool Bireretaniin gaggeefame, ragaa baatota 400 waliin gaaffii taasiseera.

Ragaaleen argates:

  • Loltoonni haaraa shaakala ‘dhiigsuu’ (blooding) jedhamuun ajjeechaa jalqabaaf hidhamtoota akka ajjeesan godhamaniiru.
  • Yakka kana dhoksuuf reeffa lammilee bira beekaa meeshalee waraanaa fi wantoonni biroo owwaalamaniiru.
  • Gochii dabalataa lama akka “daraaraa hamaa’ yakka waraanaatti ilaalamuu danda’a.

Akka Afgaanistaanitti, Awustiraaliyaan “haqa eegsisuuf” qophaa’oo ta’u waadaa seenteetti.

Qorannoon kun maal argate?

Loltoonni humna addaa 25 ta’an yakka adda addaa 23 keessatti kallattiin ajjeechaa ykn tumsuun harka keessaa qabu jedha.

Hogganaan ADF Jeneraal Angas Kaampbeell gochoota kana keessa tokkoyyu “akka waan sababa miiraa waraanaa keessa seenuun uumameetti ibsamuu hin qabu” jedhu.

“Gocha kana keessaa yeroo itti shakkamtoonni kun dogoggoranii, dalga itti galee ykn ifa waan hin taaneefiif kana rawwatan jedhamu tokkoyyu hin jiru,” jechuun Kamisa gaazexeessitootatti himaniiru.

Jeneraal Kaampbeell akka jedhutti loltoonni Tajaajila Addaa Qilleensaa (SAS) “seera harka ofitti galchuun dantaa ofiif fayyadamaniiru” jedha.

Gaabaasni qorannoo kanaa akka jedhutti hoggantoota ADF “yakka kana ajajani ykn hanga sadarkaa gadi aanaatti akka dhoksamu taasisan” jechuun dogoggora guddaadha jedhaniiru.

Qorannoon kun dhooksaatti kan gaggeefamedha, kana jechuun hanga ammaatti wantoota muraasa qofaatu gabaafame.

Torban darbe Ministirri Muummee Awustraaliyaa Iskoot Moorisan gaabasni kun “lammilee biyyattiif oduu cimaa” waa’ee loltoota isaani kan of keessatti qabatedha jechuun akeekkachiisaniiru.

Wajjirri pirezidantii Afgaanistaan Ashiraaf Gaanii, MM Mooriisan bu’aa qorannoo kanaan “bayyee gadduu isaanii “ bilbilaan ibsuu isaani himaniiru.

Afgaanistan bu’aa qorannoo kanaa irratti yaada hin kennine.

Dhabbata Humaan Raayitis Waach irraa Ileeyin Peersan “kun mirkaneeffannaadha -kun yaakki kun uumamuu isaaf amanuudha,” jechuun BBCtti himteetti.