WhereIsMyName: 'Maqaakoo ogeessa fayyaatti himnaan abbaan warraakoo na reebe'

file photo of Afghan woman at a shelter for women

Madda suuraa, AFP

Dubartiin lixa Afgaanistan tokko, gabaasa kanaaf Raabiyaa jennaani- ho’iinsi qaamashee hedduu waan dabaleef ogeessa fayyaa bira deemte. Ogeessi fayyaas akka Covid-19 qabdu itti hima.

Raabiyaan dhibee kanaan utuu hubamte manatti deebitee, qoricha akka bituufiif waraqaa ajaja abbaa manaasheetti kennite. Garuu maqaa ishee waraqichaa irratti yeroo argu, maqaakee “nama hin beeknetti’ himte jechuun ishee reebe.

Seenaan ishee – kan hiriyyaanshee BBCtti himte- kan addaa miti. Afgaanistaan keessatti, minseensoti maatii dubartoonni maqaa isaanii ogeessota fayyaa dabalatee, nama maatii isaani hin taanetti akka hin himne dirqisiifamu.

Maqaa dubartii alatti fayyadamuun waan akka waan safuufi arrabsootti ilaalama.

Dhiirotiin Afgaan hedduun maqaa obboleettii, haadha warraa ykn harmee isaanii alatti waamuu irraa of qusatu.

Dubartoonni walumaagalatti dhiiroota maatii isaanii keessa jiraniin harmee, intala ykn obboleetti jedhamuun waamamu. Seerri Afgaan ammoo waraqaa ragaa irratti maqaan abbaa qofa akka galmeeffamu eeyyama.

Rakkoon kun kan eegalu, yeroo daa'imni dhalattudha. Maqaa ishee moggaasuun yeroo dheeraa fudhata.

Sana booda yeroo dubarri heerumtu waraqaa waamicha cidhaa irratti maqaan ishee hin barreeffamu. Yeroo dhukkabsattu maqaanshee waraqaa ajaja qorichaa irratti hin barreeffamu, yeroo duutus maqaanshee waraqaa ragaa du’aa irrattis ta’e siidaa awwaala ishee irratti hin barreeffamu.

Dubartoonni Afgaan garuu maqaa isaanii bilisaan fayyadamuuf jecha dhaaddannoo ‘Maqaankoo eessa jira?’ jedhuun sochii eegalaniiru.

Sochiin kun kan eegale waggaa sadii dura Laleeh Osmanii kan dubartoonni wanta ‘mirga bu’uura’ isaaniti jettu kana akka hin fayyadamneef dhorkamuu isaaniitiin yemmuu aartudha.

“Sochiin kun galmi isaa mootummaan Afgaan maqaa hadhooli waraqaa dhaloota irratti akka galmeessu amansiisuu irratti hanga tokko dhiyaateera,” jetti dubartiin ganna 28, Osmanii.

Campaign poster for WhereIsMyName?

Torbanoota darban keessatti sochiin kun gara fuldurratti tarkaanfii guddaa kan fudhate fakkaata.

Maddi pireezidaanti Afgaan Ashraaf Gaaniitti dhiyaatu, pireezidaantichi Abbaan Taayitaa Galmee Hawaasummaa Gidduugaleessa (Accra) qajeelfami galmee biyyatti dubartoonni maqaa isaanii waraqaa eenyummaafi ragaa dhalootaa ijoollee isaanii irratti kawwachuu akka danda’aniitti sirreeffamuu danda’a yoo ta’e gaaffachuu hima.

BBC’n amma akka hubateetti qajeelfamni kun sirreeffamee Waajjiraa pireezidaantiitti ergamee jira.

Miseensa paarlaamaa duraanii Afgaan kan turteefi rogeettiin mirga dubartootaa Fooziyaa Koofi, geddaramsa “waggoota hedduu dura raawwachuu qaba ture’ jettu kana simachushee BBCtti himteetti.

“Dhimmii Afgaanistaanitti maqaa dubartoota waraqaa eenyummaa irra kaa’uu dhimmaa mirga dubartootaa miti – dhimmaa mirga seeraafi mirga namummaadha,” jetti.

“Namni addunyaa kanarra jiru kamuu eenyummaa qabaachuu qaba.”

Sahar Samet holding a poster promoting the WhereIsMyName? campaign

Madda suuraa, Sahar Samet

Namootni sochii kana dursan garuu miseensoti paarlaamaa ilaalcha cichaa qaban, kan tokko tokko yaadicha hin fudhanne, mormii cimaa dhageessisuu danda’u sodaa jedhu qabu.

Osmaani gabaasi ajaja pireezdaantichaa simattus, sochiin kun kanaan akka hin dhaabbanne himti.

''Utuuma paarlaamaan seericha rageessiseefi Pireezdaant Gaaniin maqaan dubartootaa waraqaa irratti jechuun ajaja pireezdaantummaa baasanille, hanga qaaniin maqaa dubartootaarra jiru ka’utti sochii keenya itti fufna,” jetti.

Erga Osmaani sochii kana eegaltee booda, qindeessituufi sirbituu Farhaaf Daariyaafi yaadaloo barreessituu Aryaanaa Sayiid dabalatee namootni bebbekamoo Afgaan, sochii kana deeggaruu eegalani.

Deeggarsa kana biraatti Osmaniin miidiyaa hawaasuummaa irratti qeeqni adda addaa irra ga’u eegale. Dhiiroti hedduu sababni maqaa ijjoollee ishee waraqaa eenyummaa irratti ka’uu barbaaddeef abbaa isaani waan hin beeknefi jechuun himachuuni eegalani.

Dubaartoonni biyyatti hedduunis sochii kana hin deegarani. “Yeroo namni tokko maqaakoo na gaafatu waa’ee kabaja oboleessakoo, abbaakoofi kaadhimaakoo yaaduun qaba,” jetti dubartiin bulchiinsa Heraat irraa BBC’n dubbise.

‘Kan aduufi baatiin ishee hin agarre’

Ibsa waa'ee viidiyoo, Biyya Hindiitti saawatu dubartii caalaa wabii jireenyaa qaba

Afgaanistaan ammallee hawaasa olaantummaa dhiraan bultudha, kana jechuun ‘kabaji dhiiraa’ dubartoonni qaama isaanii qofa osoo hin taane, maqaa isaanii akka dhoksaniif dirqisiisa jedha, ogeessi hawaasummaa Afgaan Alii Kaaveh.

“Hawaasa Afgaan keessatti, dubartoonni gaarii jedhaman kunneen argamanii ykn dhaga’amanii hin beeknedha. Akka mammaaksa:’Kan aduufi baatiin ishee arganii hin beekne’,” jedha Kaaveh

Waggooti digdama dura bulchiinsi Taaliban erga kufee booda hawaasni biyyattiifi addunyaa dubartoota jireenya uummataatti dabaluuf yaala turani. Garuu dubartoonni akka Raabiyaa ammallee maqaa isaanii waan ogeessa fayyaatti himaniif ni reebamu, aadaa kana mormuun namni ifatti dubbate ammo rakkoo keessa seenu danda’a.

Dubartoota Afgaanistaanii ba’aaniif jireenyi ni salphata. Fariida Sadaat ijoollummaan heerumtee daa’imashee jalqaba umrii ganna 15tti deesse. Boodarra isheefi abbaan warraashee wal hiikanii ijoollee ishee afur waliin gara Jarmaniitti godaante.

Sadaat akka BBCtti himtetti, abbaan warraashee jireenya ijoolleesaa keessaa qaamaanis ta’e miiraan waan hin turreef, waraqaa eenyummaa Afgaanii isaanii irratti maqaan isaa maxxanfamuuf mirga hin qabu jettee amanti.

“Ijoolleekoo qofaakoon guddise. Abbaan manaakoo akkan deebi’ee hin heerumneef jecha na hiiku dide,” jetti. “ Pireezdaantiin Afgaan seera geeddaree maqaan harmoolii waraqaa eenyummaafi ragaa dhalootaa ijoollee isaanii irratti akka maxxanfamu akka godhuufan gaafadha.”