Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Maagufuulii talaallii Covid-19 hin feenu jedhan

Pirezidaant Joon Magufuulii

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaant Joon Magufuulii

Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Joon Magufuulii, lammiileen Taanzaaniyaa talaallii Covid-19 haala nama amansiisuun hin mirkanaa'in fayyadamuuf qophii miti jedhan.

Biyyisaanii talaallii kana fayyadamuu murteessuun dura qondaaltonni fayyaa biyyattii of-eeggannoo cimaa gochuu qabu jedhan.

Talaalliin ragaa bu'a qabeessummaasaa mirkaneessuu tokkollee hin qabne yoo uummataaf kenname balaa fiduu danda'a jedhan Magufuuliin.

''Ministeerri Fayyaa of-eeggannoo cimaa gochuu qaba. Osoo qorannoo hin gaggeessine talaalliiwwan jedhaman kunneen fayyadamuu hin qaban.

Talaalliin hunduu nu fayyaduu dhiisuu danda'u. Of-eeguu qabna. Kan talaalliin irratti shaakalamu ta'uu hin qabnu,'' jedhan.

''Talaalliiwwan balaafamoodha. Faranjoonni amma talaallii arganneerra jedhan, kan HIV/AIDS, kaansarii fi TB osoo hin argatin maaliif yoona ga'an?'' jechuun shakkii qaban ibsan qondaalli duree biyyaa ta'an kun.

Pirezidaantichi shakkii qaban haala kanaan haa ibsaniyyuu malee talaalliin Covid-19 garuu akkasaan jedhan osoo hin taane, dhala namaaf akka kennamu kan eyyamame qorannoo fi yaalii hedduu keessa darbeeti.

Talaalliin kun namoota kumaan lakkaa'aman irratti shaakalamee, bu'a qabeessummaa fi nageenyummaansaa erga mirkanaa'ee booda to'attoota dhimma qorichaan eyyama argatee akka gabaarra oolu ta'e.

Lammiileensaanii talaallii kana fudhachuutti saffisuu dura of-eeggannoo cimsuu akka qaban kan cimsanii akeekkachiisan Magufuuliin, talaalliitti ariifachuurra kadhannaa gochuu fi dawaa aadaa fi uumamaa fayyadamuuf dursa kennaa jechuun gorsan.

''Biyyoonni hedduun uggura sochii uummataa labsaniiru. Taanzaaniyaa keessatti garuu kun karoora keenya miti. Uumaan keenya nu eega,'' jedhan.

Pirezidaanti Magufuuliin biyyisaanii Covid-19 irraa walaba ta'uu erga labsanii turaniiru, ta'us garuu ergasii lakkoofsa namoota qabamanii dabalaa jiru irratti gabaasi dhiyaataa hin turre.

Jaarmiyaan isaan miseensa itti ta'an Manni Amantii Kaatoolikii garuu Taanzaaniyaan gara jalqabaa weerara koronaavaayirasii to'achuu dandeessullee, booddana kana garuu facaatiin vaayirasichaa akkaan dabaleera jechuun yaaddoo qabu ibseera.

Ministeerri Fayyaa biyyattiis lakkoofsa namoota qabamanii fi du'anii erga gabaasuu dhiisee bubbuleera.