Filannoo Taanzaaniyaa: Paartileen gurguddoo filannoon waliin dhahameera jechuunakka irra deebiyamuuf gaafatan

Pirezedaantii Taanzaaniyaa Joon Mgufuulii

Madda suuraa, Getty Images

Paartileen siyaasaa lama—Chaadeemaafi Esiitii-Waazaaleendoo jedhaman ibsa waloo kennaniin, hiriirri mormii Wiixata guutummaa biyyattii akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Filannoo warri mormitootaa waliin dhahameera ykn hatameera jechuun morman kana biyyattii bulchaa kan jiran Pirezedaant Joon Maagufuulii garaa garummaa guddaatiin akka mo'atan labsameera.

Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa ammoo gaaffileen filannoon waliin dhahameera jedhu fudhatama hin qabu jedheera.

Komishiniin Filannoo akka beeksisetti Pirezedaant Joon Maagufuuliin sagalee harka dhibba keessaa 84 argachuun yoo mo'atu, morkataan cimaa pirezedaantichaa Tunduu Liisuu ammo harka dhibba keessaa 13 argateera.

Tunduu Liisuu filannoo Roobii darbe kanaan korojoon sagalee itti kennan waliin dhahamuufi bakka buutonni paartii isaanii gara buufata filannoo akka hin seenne dhorkamuu dubbataniiru.

"Duraan dursa filannoon atattamaan akka irra deebiin gaggeeffamu hubachiifna. Gaaffiin keenya hanga deebii argatutti guutummaa biyyatttii keessatti hiriira nagaa walitti fufinsaan ni yaamna," jedhan paartileen lamaan ibsa waliin ta'uun baasaniin.

Kaadhimamaan Paartii Chaandeemaa Tunduu Liisuu bu'aa filannoo hin fudhadhu jechuun ibsanii ture.

Filannichi, "Akka seerota Taanzaaniyaattis ta'e kan idil-addunyaatti filannichi gaggeeffameera hin jedhamu. Adeemsa namoonni tokko tokko karaa sirrii hin taaneen aangoorra turuuf jecha qabeenya mootummaatti fayyadamanidha," jechuun sababii dhiyeessaniiru.

Itti-gaafatamaan Komishinii Filannoo Biyyaalessaa Semistookilas Kahijagee, korojoon sagalee itti kennan waliin dhahameera himannaan jedhu ragaan kan deeggarame miti jedhaniiru.

Bakka buutonni biyyoota Afrikaa Bahaa filannichi, karaa sirrii ta'een gaggeeffameera," kan jedhan yoo ta'u, Imbaasiin AmeerikaaTaanzaaniyaatti argamu garuu filannoo hordofee bu'aa galmaa'e irratti gaaffii kaaseera.

"Hojimaanni filannoo sirrii hin taaneefi bu'aa filannoo irratti garaa garummaan sagalee guddaan jiraachuu amanamummaa bu'aa isaarratti shakkii guddaa uuma," jedhe Imbaasichi.

Joon Magufuuliin bara 2015 irraa kaasanii Taanzaaniyaa pirezedaantummaan bulchaa jiru. Paartiin isaanii CCM jedhamu ammoo bara bilisummaa Taanzaaniyaa 1991 irraa kaasee biyyattii bulchaa jira.