Tiraamp fi Baayidan bulchiinsa Ameerikaa murteessaa taate Filooridaatti morkii jabaa gaggeessan

Madda suuraa, Reuters
Ameerikaa bulchiinsa Filooridaatti Joo Baayideen deeggarsa argachuun morkaataasaanii Doonaald Tiraamp garaa garummaa xiqqoon dursaa jiru.
Filooridaan kutaa Ameerikaa kaadhimatootni Dimokiraatota fi Rippaabilikaanota filannoo yeroo garaagaraatti itti injifatan (swing state) taate fi filannoo Ameerikaa hedduu murteessituudha.
Kanaaf morkattoonni paartilee Rippaabilikaanotaa fi Dimookiraatotaa lamaanu hiriira deeggarsa Filooredaatti gaggeeffataniiru.
Baayiden deeggartoota isaaniitiin ''Yoo Filoreedaatti Dimookiraatonni injifatan isintu aangoo qabata,'' jedhanii dubbatan.
Morkataan isaanii Mr Tiraamp immoo, dinagdeen biyyattii wayya’aa jiraachuu kaasuun, ''Baayiden filannoo yoo injifate manatti isin uggura'' jedhanii qeequ.
Filannoo pirezedantummaa Ameerikaaf guyyoonni sadii hafaniif kanatti, Baayideen yaada uummataa filannoon dursa sassaabameen deeggarsa morkata isaanii caalu argachuun dursaa jiru.
Ta’us, dursummaan argatan kun bulchiinsota akka Filooridaa keessatti garuu ammas taanaan amansiisaa miti.
Amma yoonaatti namoonni miliyoona 81 sagalee kennaniiru, isaan keessaa namoonni miliyoonni 52 karaa poostaatiin filatan. Gama kanaatiin hammi namoota filachuu danda’anii jaarraa tokkoo ol keessattu isa olaanaa ta'a jedhamee eegama.
Deeeggarsa Tiraampiif daqiiqaa 100’f bakkeetti bahameerratti Tiraamp, Dinagdeen Ameerikaa kurmaana kanatti 33.1% guddachuu kaasan, kurmaana waggaa isa darbetti garuu sababa koronaavaayirasiin 31% gadi hir’ate akka ture himame.
Namoota kumaatamaan lakka’aman harki caalaan maaskii otoo hin keewwatiin hiriira irratti hirmaatan kanatti Tiraamp akkas jedhan ''Kaayyoon Baayideen uggura koronaavaayirasiin manatti ol isin dachaasu hojiirra oolchuudha'' jedhan.
Kana malee Tiraamp biyyota Aurooppaa michuudha jedhanii waaman uggura labsaniif qeeqaniiru.
''Uggura sochiitti nuti lammata hin deebinu, maalummaa dhibichaa hubannee daldala banneera'' jedhan Tiraamp.
Tiraamp filannoo Ameerikaa injifachuuf dirqama Filooredaatti injifachuu qabaatu.
Haa ta’u malee, yaadni filannoon dursa sassaabame akka agarsiisutti Joo Baayideen harka 1.4’n Tiraamp dursuurratti argamu.
Haatii warraaan Tiraamp Meelaniyaa Tiraamp duula filannoo kanarratti argamuun, ''Nuti biyya abdii malee biyya sodaa ykn dadhabduu mitii, hogganaa abdii guyyaa hunda nutti mul’isu qabna'' erga jettee booda namoonni achii turan harka walitti rukutaniifi jiru.
Tiraamp bulchiinsota ‘swing states’ jedhamanii kanneen akka Kaaba Kaarolaayinaas akka dhaqanitu eegama.
Baayideen: Tiraamp ‘harka kennateera’
Kamisa Kaaba Miyaamiitti kan argaman Baayideen, namoota hiriira kanarratti maaskii keewwatanii fi Covid-19 akka hin tamsaane ittisuuf konkolaatasaanii keessa turuun hiriira kanarratti qooda fudhatan galateeffataniiru.
Baayidan dhimmaa weerara koronaavaayirasii ilaallatuurratti ''Tiraamp harka kennateera ykn injifatameera'' jedhan.
Ameerikaatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gara miliyoona sagaliitti dhiyaachullee kaasan.
Baayideen maaskii keewwachuu dhimma siyaasaa otoo hin taane, dirqama akka ta’ellee akeekkachiisan.
Tiraampiin wayita qeeqaniis, ''yoo koorniyaa, sanyii fi biyyaan nu qoqqoodee qofa akka filatamu nama beeku'' jedhaniin.
Baayiden Tiraamp abbooti irree addunyaarra jiran nama galateeffatu fi mirgi namoomaa ta’ee dimokiraasiin uummata Kuubaa fi Veenzuweelaa biraatti akka kabajamuuf nama hojjatu akka hin taane qeeqa irratti dhiyeessanii turan.
Jimaata kanas Minisootaatti morkattootni lamaanu hiriira morkii qopheessaniiru. Bara 2016 Minisootaan iddoo Hilarii Kiliinteen itti injifatte yoo taatu, Pirezedanti Tiraamp kana akka jijjiran abdatu.
Baayiden immoo Wiskonsiniifi Ayiwaatti Jimaata kana duula filannoo gaggeessu.
Sambata immoo pirezidantii Ameerikaa duraanii Baraak Obaamaa wajjin Michigaanitti hiriira qopheessuuf jiru.















