Tiraampiifi Baayidan keessaa eenyuutu biyyoota Arabaatiif wayya?

Donaald Tiraamp qondaaltota addunyaa biroo waliin

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni Arabaa kaadhimamtoonni pireezidantii Ameerikaa laamaanuu gidduu gala bahaafi Kaaba Afrikaaf gaarii miti jedhanii akka yaadan, yaadi ummataa biyyoota irraa Arabaarraa sassaabame ibse.

Yaada ummataa garee qorannoo YouGov jedhamuu fi Gaazexaan Sa'uudi Arab News waliin ta'uun biyyoota Arabaa 18 keessaa sassaabaniin harki walakkaa ol kaadhimamtoota lamaanirraayyu gammachuu hin qabnu jechuun ibsan.

Mudde bara 2017'tti Pireezidant Donaald Tiraamp Embasii isaanii Israa'eel jiru Tel Aviiv irraa Jarusaalemitti jijjiiruu isaaniitti biyyoonni Arabaa hedduun mormamee ture.

Sababuma kanarraa kan ka'e harki caalaan namoota yaadaa isaanii kennaniin, kaadhimamtoota lamaaniyyuu kan hin jaalanne ta'us, Baayidan Tiraampirra wayya yaada jedhu kennaniiru.

Kanneen qo'annoo kanarratti hirmaatan 3,000 keessaa dhibbeentaa 40 kan ta'an Baayidan wayyaa jedhan. Kan Tiraamp wayya jedhan ammoo dhibbeentaa 12.

Iraaqii fi Yaman keessatti garuu Baayidanirra Tiraamp filatamaniiru. Biyyoota kana keessatti Tiraamp kan filatamaniif dhimma Iraan, diina biyyoota lamaan kanaa taaterratti tarkaanfii fudhachuuf ija jabina agarsiisaa sababa jiraniifi.

Lammiilee Iraaq yaada isaanii kennan keessaa dhibbeentaan 57 US hoogganaa 'Revolutionary Guards' Iraan Qaasiim Sulimaanii ajjeesuun ishee sirriidha jedhanii kan amanan yoo ta'u, Siiriyaatti ammoo namootni lakkoofsa kanaan qixxee ta'an gochi kun dogoggora jedhanii amanu.

Baayidan bara aangoo pireezidant Obaamaa, itti aanaa ta'anii waggaa saddeetiif waan tajaajilaa turaniif yoo filataman imaammata bara Obaamaa turan irraa of-fageessuu jedhanii yaadu harki caalaan namoota yaada kennanii.

Bara Obaamaa haalli nageenyaa biyyoota Arabaa hammaataa turee jechuun, sun yoo Baayidan aangoo qabatan akka itti hin fufne abdatu.

Waliigalteen Niiwkileeraa Obaamaan Iraan waliin galanii turaniifi Tiraamp keessaa harka fudhatan biyyoota Arabaa akka Sa'uudi hedduu hin gammachiisiin jira.

Immaammata godaansaa irratti yaada akka kennan kan gaafataman lammiileen biyyoota Arabaa garaagaraa keessaa dhibbeentaa 75 kan ta'an bulchiinsi haaraan Waayit Haawus Arabootni US akka daawwatan haala mijeessa abdii jedhu qabu.

Akka ragaaleen mul'isanitti lammiileen biyyoota Arabaa dargaggeeyyii ta'an hedduun keessumaa ammoo warri Libaanoos biyyaa bahuu fedhu.