Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Guyyoota jalqabaa shanan weerara koronaavaayirasii maaltu ta'e?
Waggaa dura mootummaan Chaayinaa magaalaa Wuhaan guutummaatti uggure. Torbanoota muraasaaf aanga'ootni koroonaavaayiras to'annoo jala oolchine jedhaa turan.
Yeroos vaayirasichi namoota muraasa gabaa bineeldotaa Huwaananin qunnamtii qaban irratti qofa ture ifatti kan argame. Haata'u malee keessa keessa vaayirasichi Wuhaan fi guutummaa Chaayinaatti babal'ataa ture.
Odeessi kun guyyoota shanan jalqabaa akkam akka tureefi maaltu akka ta'e hima.
Mudde 30 namootni hedduun gubaa qaamaa fi qufaan dhukkubsatanii hospitaalota magaalaa Wuhaan ciisanii turan.
Namni jalqaba dhukkubsate nama ganna 70moota keessa jiru yoo ta'u Mudde 01 ture kan dhukkubsate.
Namoonni dhukkubsatan hedduun kanneen gabaa bineeldotaa Huwaanaan waliin hariiroo qaban waan turaniif, hakimoonni dhukkubni isaanii qufaa idilee akka hin taane shakkuu eegalan.
Qoonqoo isaanii keessaa saamudni fudhatamee wayita qoratamu SARS kan fakkaatu gosa koronaavaayirasii haaraa ta'uun barame.
Kuni Jiddugala To'annoo Dhukkubaa (CDC) biyyattiif gabaafamullee, uummataaf wanti himame hin turre.
Yeroos namuu beekuu baatullee namoonni 2,300 hanga 4000 ta'an vaayirasichaan faalamanii akka turan qorannoon dhiyeenya bahe tokko mul'iseera.
Mudde 30, 2019: Akeekkachiisa Vaayirasii
Mudde 30 hoggantuun muummee dhibee tasaa hospitaala jiddugaleessaa Wuhaan bu'aan qorannoo namoota haaraa dhukkubsatanii ishee dhaqqabe.
Akkuma bu'aa qorannichaa kan "SARS CORONAVIRUS" jedhu argiteen dafqi qorraan irra yaa'e akka af-gaaffii miidiyaa biyyaalessaa Chaayinaa waliin gooteetti.
"SARS CORONAVIRUS" isa jedhu halluu diimaan itti marsitee marsaa hawaasaa lammileen Chaayinaa fayyadaman 'WeChat' jedhamurratti waahillan isheef ergite.
Namoota ergaan kun qaqqabe keessaa tokko kan ta'e Dr Lii Wenliyaang barattoonni isaa akka of eeganii fi maatii isaaniis akka akeekkachiisan garuu ammoo nama kaanitti akka hin dabarsine jechuun erga kana dabarse.
Ergaan kun garuu sa'aatii gabaabaa keessatti akka malee babal'atee namoota hedduu bira gahe. Namoonnis rifatanii wal akeekkachiisuu eegalan.
Bara 2002 hanga 2004 weerarri koronaavaayirasii SARS jedhamu kan magaalaa Beejingitti eegale addunyaarratti nama 8000 qabee 800 kan ta'an ajjeesee ture.
Yeroos Beejiing odeeffannoo dhoksite jedhamuun akka malee qeeqamtee turte.
Sa'aatiiwwan muraasa keessatti ergaan hospitaala jiddugaleessaa Wuhaan keessaa bahe lammilee Chaayinaa miliyoonaan lakkaa'aman bira gahee, namoonni hedduun intarneetii irratti waa'ee SARS haasa'uu eegalan.
Garuu dhukkubichi SARS osoo hin taane gosa koronaavaayirasii isa fakkaatu haaraa ture.
Guyyaadhuma kana aanga'oonni Komiishinii Fayyaa Chaayinaa Beejing irraa ka'uun Wuhaan galan. Saamudni qoonqoo namoota dhukkubsatanii keessaa fuudhames irra deebiin akka qoratamu laboraatooriiwwan shanitti ergame.
Wayita lammileen Chaayinaa waa'ee SARS haasa'aa jiran kanatti Komiishiniin Fayyaa Wuhaan hospitaalota magaalattiif ajajoota lama kenne.
Tokko namni mallattoo dhukkuba haaraa qabu kamuu komiishinichaaf akka gabaafamu, lammata ammoo wanti tokkoyyuu uummataaf ifa akka hin godhamne kan jedhu ture.
Ajajoonni kun lamaan daqiiqaa 12 keessatti miliqfamanii intarneetii gubbaatti gadi dhiifaman.
Oduun kun gulaaltuu barruu dhaabbata 'ProMed' jedhamuu kan taate epidomolojiist Maarjoorii Poolaak, bira gahe. Dhaabbati kun weerarri dhibee bakka tokkotti oggaa kahu, hordofee kan gaabaasudha.
Guraandhala bara 2003 waa'ee vaayirasii SARS warra jalqaba gabaasaan keessaa Poolaak ishee tokko. Amma irra deebiin gaafa oduu kana dhageessu, "rakkoo keessa jirran jedhe" jechuun BBC'tti himte.
Sa'aatii sadi jidduutti barreeffama waa'ee dhukkuba haaraa odeeffannoo dabalataa gaafatu barreessite 'ProMed' irratti maxxansite.
Daqiiqaa tokkotti kanneen barruu kana dubbisan namoota 80,000 ta'an bira gahe.
Mudde 31: Gargaarsa
Oduun kun babal'atuun wal qabatee hogganaan CDC Chaayinaa pirofeesar Joorji F Gawo addunyaa bakka adda addaa irraa ergaa isin gargaarra jedhu isaan qaqqabuu eegale.
Chaayinaan bara 2019 tooftaa haaraa ittiin dhukkuboota daddarboo to'attu diriirsitee turte. Pirofeesar Gawo salphaadhumatti dhukkuba haaraa kanas akka to'atan hin shakkine.
Saayintiistonni pirofeesar Gawo qunnaman lama akka jedhanitti CDCn Chaayinaa dhimma kanaan badaa hin rifanne ture.
Dhaabbata qorannoo dhukkuboota daddarboo 'EcoHealth Alliance' jedhamu Niwu Yoork buufate kan hogganan Dr Piitar Daszaak, "Joorji Gawoof ergaa barreeffamaa dheeraan ergeef, garee isin gargaaru tokko isinii ergina kan jedhu ture" jedhu.
Deebiin argatan garuu ergaa gabaabaa baga bara haaraa geesse jedhu qofa ture jedhu.
Yuunivarsiitii Kolombiyaatti epidimoolojiistii kan ta'e Aayan Liipkiinis pirofeesar Gawo qunnamuuf yaalaa ture.
Liipkiin bara haaraa kabajuuf daqiiqaan muraasni yoo hafu pirofeesar Gawon naaf bilbile jedha.
"Vaayirasicha adda baafatee ture. Koronaavaayirasii haaraadha. Kan hedduu daddarbu miti naan jedhe. Kuni anaaf hin liqimfamne, sababni isaa yeroo sanatti namni hedduun qabamuu dhagaa'aan ture waan ta'eef," jedha.
"Hammeenyaaf ykn dhoksuuf osoo hin taane dogoggoreetuma natti fakkaata."
BBC'tti dubbachuu kan dide pirofeesar Gawo miidiyaa Chaayinaatti bu'aan maalummaa vaayirasicha ariitii danda'amuun ifa godhamuu himee, namarraa namatti hin daddarbu hin jenne jechuun waakkate.
Guyyaa kana Komiishiniin Fayyaa Wuhaan ibsa baaseen namoota 27 irratti dhukkubni qufaa ykn nimooniyaa argamuu himee namarraa namatti akka darbu garuu ragaan ifa ta'e hin jiru jedhe.
Chaayinaan maalummaa vaayirasichaa qorannoon argame hawaaasa idil-addunyaaf kan himtee guyyaa 12 booda ture.
Mootummaan Chaayinaa gaaffii BBC'n af-gaaffiif dhiyeesse dideera. Haata'u malee Chaayinaan dhukkubicha ittisuuf tarkaanfiin fudhatte iftoominaa fi itti gaafatamummaa kan qabuu akkasumas yeroo sirriitti kan kenname ta'u ibsa kennaniiru.
Amajjii 1, 2020: Ifannaa hawaasa idil-addunyaa
Seeronni idil-addunyaa dhukkubni hawaasa idil-addunyaa yaaddessu kamuu wayita dhalatu biyyi dhukkubichi keessatti argame sa'aatii 24 keessatti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)f beeksisuu qaba jedha.
Haa ta'u malee WHO Amajjii 1 waa'ee dhukkuba kanaa mootummaa Chaayinaarraa wanti dhagahe hin turre.
Qondaalonni WHO Chaayinaa turan guyyaa tokko dura maxxansa 'ProMed' irratti bahee fi wantoota intarneetii gubbaatti haasa'aman dhagahuun Komiishinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaa qunnaman.
Ifatti waa'ee dhukkubichaa yeroon beeksisuu dhabuun Chaayinaa seera idl-addunyaa kan cabsedha jedhu ogeeyyiin fayyaa biyyattii qeeqan.
Chaayinaan guyyaa lama booda WHO'f deebii kennite. Kunis ta'ee gabaasni kennite ifa hin turre - namoonni 44 qufaa hin beekamneen qabaman kan jedhu ture.
Chaayinaan dhimma kanarratti WHO waliin ifatti qunnamtii kan eegale Amajjii 03 akka ta'e himti.
Haa ta'u malee sagaleen walgahii keessoo WHO waraabamee BBC dabalatee miidiyaalee kaan harka gale akka mul'isutti torbee boodayyuu aanga'oonni WHO odeeffannoo gahaa hin qaban ture.
"Namarraa namatti akka darbu ragaan gahaan hin jiru kan jedhu gahaa miti, ragaa qabatamaa arguu qabna," jedhu direektarri sagantaa balaa tasaa WHO Maayik Raayan sagalee waraabame kanarratti.
WHO dhukkubichi namarraa namatti darbuu akka malu shakkii qabaatullee torban sadii ragaa qabatamaan deeggaruu hin dandeenye ture.
Hawaasni idil-addunyaa yeroo kanatti wanti dhagahaa ture waan mootummaan Chaayinaa akka dhagaahamu fedhu qofa ture.
Amajjii 2: Hakimoota afaan qabsiisuu
Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii guyyoota muraasa keessatti dachaan dabalaa ture. Namoonni hedduunis hospitaalota Wuhaan dhiphisuu eegalan.
Yeroo kanatti doktoroonni yaaddoo qaban akka himatan gochuun osoo maluu - miidiyaan biyyaalessaa duula hakimoota afaan qabsiisuu eegale.
Amajjii 2 TVn Chaayinaa odeessa doktoroota waa'ee dhukkuba guyyoota afur dura uumamee odeeffannoo sobaa tamsaasan jedhee qabatee bahe.
Doktoroonni kunneen akkaataa seerri jedhuun tarkaanfiin irratti fudhatamuus hime.
Doktoroota kanneen keessaa tokko hakiima ijaa kan ta'ee fi kan jalqaba ergaan akeekkachiisaa isaa namoota miliyoona hedduu bira gahe Lii Wenliyaang isa tokko.
Doktorri kun Guraandhala keessa vaayirasichaan qabamee du'e.
Mootummaan Chaayina gochi isaa sun doktoroota afaan qabsiisuu miti jedhee falma.
Yeroo kana doktoroonni vaayirasichi namarraa namatti akka darbu sirriitti hubatanii turan garuu akka uummatatti baasanii hin himne dhorkamaa turan.
Aanga'oonni Chaayinaa guyyoota itti aanan 18f namarraa namatti akka darbu ragaan gahaan hin jiru jechuu ittuma fufan.
Amajjii 3: Akeekkachiisa dhoksaa
Ogeeyyiin laboraatoorii biyyattii maalummaa ykn jenetiiksii vaayirasichaa ifa gochuuf halkanii guyyaa dhama'aa turan.
Isaan keessaa tokko qorataa vaayirasii ykn vaayirooloojiist pirofeesar Zhaang Yoongizheen Amajjii 3 irraa eegalee qorannoo guyyoota sadi fudhateen maalummaa vaayirasichaa guutummaatti bare.
Namarraa namatti akka daddarbus ifa ta'e.
Amajjii 5 waajjirri pirofeesar Zhaang Komiishinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaaf dhukkubichi namarraa namatti akka daddarbu himuun, uummanni lafa namni baay'atutti akka of eeggatu barreesse.
Haa ta'u malee bu'aa qorannoo isaa kana uummataaf ifa gochuu hin danda'u ture.
Sababni ammoo Komiishiniin Fayyaa Biyyaalessaa akeekkachiisa dhoksaan laaboraatooriiwwaniif ergeen saayintiistiin hin hayyamamneef vaayirasicha qoratee bu'aa qorannoo isaa kamuu uummataaf ifa akka hin goone ugguree ture.
Sababa kanaaf Chaayinaan ammallee qufaa hin beekamne namarraa namatti darbuun isaa hin mirkanaa'iin jechuun addunyaatti himuu itti fufte.
Guyyoota jaha booda koronaavaayirasii haaraa ta'uu kan addunyaaf himte. Yeroo himtus qorannoo jenetiiksii vaayirasichaa agarsiisu ifa hin goone.
Mootummaan erga kana beeksisee booda Amajjii 11 pirofeesar Zhaang lubbuu isaa balaaf saaxiluun bu'aa qorannoo isaa kan guutummaa jenetiiksii vaayirasichaa agarsiisu gadi dhiise.
Murteen isaa kun gatii isa kafalchiiseera - laboraatooriin isaa jalaa cufame.
Haata'u malee saayintistonni mootummaas ragaa of harkaa qaban akka gadi dhiisan taasise. Kana booda hawaasni saayinsii idil-addunyaa irratti duulee Amajjii 13 meeshaan ittiin dhukkubichi adda baafamu qophaa'e.
Saayintiistonni fi doktoroonni ragaa argatanillee Chaayinaan hanga Amajjii 20 dhukkubichi namarraa namatti akka daddarbu ifa hin goone ture.
Waayita hawaasni idil-addunyaa vaayirasichi namarraa namatti akka daddarbu ragaa argatetti vaayirasichi tatamsa'ee ture.
Silaa osoo battalatti barameera ta'ee carraan vaayirasichaa to'achuu jiraachuu mala ture jedhu ogeeyyiin.
Singaapooritti vaayiroolojiistii kan ta'e Waangi Liinfaa Amajjiin 20 dura Chaayinaan hojii hojjechuu qabdutu ture, Amajjii 20 booda ammoo addunyaan hojii ittisaa fi of eeggannootti cimuu qaba ture jedha.