Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Talaalliin Covid-19 Afrikaa yoom ga’a?
Qondaaltonni aardii Afrikaatti talaallii dhiyeessuuf yaalan akka jedhanitti Afrikaan talaallii Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaan raggaasifame argachuuf ''torbanoota miti ji’oota” turuu dandeessi.
Hanga ammaatti talaalliin doozii miiliyoona 900 ta’u lammiilee ardichaa biiliyoona 1.3 ta’an keessaa %30 talaalchisuu kan danda’u waadaa galameera.
Ofittummaan biyyootii dureeyyii, hanqinni fandii, qajeelfamootaa fi uulaagaleen guutamuu qaban raabsa talaallii kanaa boodatti hambisaa jiru.
''Addunyaan fiixee kufaatii hamileerra jirti, gatiin isaa ammoo jireenyaa fi lubbuu biyyootii hiyeeyyiin kan kaffalamu ta’a,'' jechuun hogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedros Adihaanoom Gabrayyesuus akeekkachiisaniiru.
Walqixxuummaan akka jiraatuuf waamichi taasisamu dabalaa jira. Biyyoota dureeyyii 49 ta’aniif talaalliin miiliyoona 40 ta’an, kan ramadaman yoo ta’u, biyya hiyyeetti tokkoof garuu talaalli 25 qofaatu keenname jedhu Dr. Teedros.
''Miiliyoona 25 miti, 25,000 miti, 25 qofadha,'' jechuun maqaa biyyichaa utuu hin dubbatiin ibsaniiru aanga'aan kun.
Hanga ammaatti, talaalliiwwaa ijoo biyyoota lixaa ji’a lama dura Awuroppaa ga’an keessaa hanga ammaatti Afrikaa kan ga’e hin jiru.
Walta'insi dhaabbilee fi rogeessotaa 'The People's Vaccine Alliance' jedhamu ''biyyootiin dureeyyi ummata addunyaa %14 qofa bakka bu’an, talaallii abdii qaban hunda keessaa walakkaa ol (%53) bitaniru'' jedha.
Kana jechuun talaallii Moderna bara 2021'f qophaa’e hundasaa fi talaalli Pfizer omishamuuf karoorfame keessaa ammoo %96 bitaniiru jechuudha.
Dhaabbati xiinxalaa 'Airfinity' jedhamuutti biyyoota dureeyyi kunneen keessa Kaanadaan dursiitu yoo taatu ''talaalli lammilee Kaanadaa hundaaf si’a shan kennamuu danda’u'' ajajjeetti jechuudha jedha.
Ajaji talaallii isaan taasisan kun ammoo biyyootiin hiyyeeyyii utuu hin argatiin Kaanadaaf kennamuu qaba jechuudha.
'Bu’aa guddaa hin barbaadiinaa'
Afrikaa keessatti hallii kun yaadannoo bara 1990'ootaa, yeroo wal’aansi HIV/Aids ARV jedhamu US keessatti oomishame yaaddachiisa.
Aardiin kun lakkoofsa namoota HIV’n hubamanii isa guddaa qabaattus wal’aansi lubbuu baraaru kun Afrikaa ga’uuf gara wagga ja’aa itti fudhate
Waggaa kudhan keessatti yeroo lammileen miiliyoona 12 ta’an rakkoo Aids’n wal qabateen lubbuu isaanii dhaban US keessatti ammo lakkoofsi namoota du’anii hir’isee akka ture qorannoon Dhabbata To’annoo fi Ittisa Dhibee Afrikaa ni ibsa.
Hooggantuun dhaabata gargaarsa UNAids Winii Biyanyimaa kanneen omishtoota talaallii Covid-19 wal qixxummaan talaalichi akka raabsamuuf gaafatan keessa tokodha.
''Akka isaan kasaaraniif gaafachaa jirra miti,'' jechuun BBCtti himteetti.
''Gatiin wal’aansa ARV nama tokkoof doolaara 10,000 ture wagga tokkotti gara doolaara 100tti hir’ise.''
Dhabbileen qoricha oomishaan talaallii Covid-19’fis mala wal fakkaata akka fayyadamaniifi ''bu’aa guddaa buufachuutiin akka hin durfamne'' akka barbaaddu ibsiteetti.
Utuu foormulaa talaallichaa qoodaniillee bu’aa buufachuu ni danda’u jetti.
'Dabaree eeguu dhiisuu'
Hoogganaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaas walqixxummaan akka jiraatuuf gaafataniiru. ''Utuu wa’ee walqixxummaa haasa’anii biyyoonnii fi dhaabbileen tokko tokko waligaltee offitummaan guute gaggeessu, mala Covax dagatu, gatii qaalessu akkasumas dabaree isaanii eeguu dhiisu'' jedhan.
Covax dhaabbata WHO fi dhaaba 'Vaccine Alliance’n raabsamni talaalli Covid-19 addunyaa maraaf wal qixa akka ta’uuf qophaa’edha.
''Talaalliin ijoo hedduu osoo nageenyi fi ragaan ga’aalle hin kennaminiif biyyootiin gurguddoo dursanii ajajatiiru,'' jedhu hoogganaan omisha talaalli WHO dame Afrikaa.
Covax maaliif kana hin goone gaaffii jedhuuf, fandii argachuun hojii isa jalqabaa akka ture himu.
Hanga ammaatti biyyootii galii gadi aanaa fi giddu galeessaa 92’f fandii karoorfame doolaara biiliyoona 8 keessaa, doolaarri biiliyoon 6 walitti qabamuu isaa 'Vaccine Alliance', Gavii irraa Thabaanii Mafosaa himaniru.
Dhaabbati kun hanga ammaatti biyyootii kana, kan biyyoota Afrikaa hunda of keessatti qabatuuf, tallaallii biiliyoona lama qopheessaniiru. Sana keessa miiliyoona 600 kan ta’an Afrikaafidha.
Gamtaan Afrikaa (AU) miseensonni isaa liqii doolaara biiliyoona 7 akka gaafataniif haala kan mijeesse ta’uu fi kunis talaallii miiliyoona 270 argamsiisuu akka danda’u dura taa'aan Gamtaa Afrikaa (AU) pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosa ibsaniiru.
'Hojii guddaa'
Fandiin kan barbaachisu talaallii bituuf qofa miti.
Biyyootiin talaallii isaanii argachuun dura kutaa kuusaa talaallii qopheessuuf hojjachaa jiru. Kuusaan kun keessumaa talaallii Pfizer kan qorra 70C keessa tursamuu qabuuf barbaachisaadha.
Dhaabbati 'Unicef' raabsa talaallii Covid-19 dhaabbata Covax waliin ta’uun raabsuuf jiru, hojiin kun isa kanaan dura bareerra dachaan ‘hojii guddaa’ jedha.
Kun taasifamuu isaa dura garuu, biyyootiin bakka talaallii kana itti kuusaniifi kennan qopheeffachuu qabu.
Beenjamiin Sikiraayber kan Unicefi’f dhabbata Covax qindeessaa jiru ''raabsa kanaaf fandii fi qophii ga’aa waan gone miti,'' jedhee akka yaadda’u ibsa.
Hanqinni qophii jiraatus talaallii haaraa kana simachuu irratti Afrikaa irraa abdii akka qabu ibsa. ''Afrikaan naannolee biroo irraa muuxannoo qabdi, waggooti 10 darban keessatti talaalliiwwan hedduu simatteetti, duula talaallii irratti muuxannoo gaarii qabdi'' jedha.
Ammatti haalli biyyootiin tokkoon tokkoon isaani irra jiran hin beekamu. Gaavii irraa Mafoosaan akka jedhanitti biyyootiin talaallii simachuuf qophaa’oo ta’uu isaanii ragaa agarsiisu dhiyeessaa jiru.
Talaalli tokko qofaatu WHO'n raggaasifame
Biyyootiin kun utuu qophaa’oo ta’aniiyyu garuu rakkoon qajeelfamaa jira. Dhabbata Covax jalatti tallaalli WHO’n raggaasifame qofaatu bitamuu danda’a.
Hanga ammaatti namaaf kennamuuf WHO’n kan raggaasifamee jiru talaalli Pfizer qofaadha. Talaalli Modernaa fi Astrazenekaa raggaasisuu adeemsarra jira.
Biyyootiin guddatan akka US fi EU dhabbilee WHO ‘bakka bu’uun’ talaallii raggaasisuu danda’an waan qabaniif, kanaaf ragaa barbaachisuun alatti talaallii fayyadamuu danda’u.
Biyyootiin hedduu talaallii WHO’n hin raggaasifne kunneen raabsuu eegalaniiru.
Siisheels, Morokoo fi Masirii talaallii Chaayinaa Sinopharm kan fayyadamaa jiran yoo ta’u, Giiniin ammoo talaalli Raashiyaa Ispuutinik V fayyadamaa jirti.
Hogganaan CDC Afrikaa Joon Nikengasong talaalliwwan kana lamaan bituuf waligalteen adeemsifamaa hin jiru, garuu dhaabbatichi biyyootii oomishaan waliin ‘haasaa’ eegaleera jedhaniiru.