Afrikaan talaallii Covid doozii miiliyoona 270 argachuufi

Afrikaan talaallii Covid-19 doozii miiliyoona 270 tahu waadaa galameef karaa Gamtaa Afrikaa guutummaa ardii kanaatti rabsamuuf jira.

Dooziin kun hundi bara kanaaf faayidaarra oola jechuun kan waadaa seenan hogganaa Gamtaa Afrika Siriil Raamaafoosaa dha.

Inni ammaa kun doozii miiliyoona 600 kana dura waadaa seenamee turetti dabalata yoo ta'u inni duraa kuniyyuu ardii guutuuf waan hin geenyeef dabalataaan gaafatame.

Biyyooti addunyaa hiyyeeyyii tahan talaallii kana argachuuf yeroo dheeraa eegu yaaddoon jedhu jira.

Walumaa galatti Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniif du’anii birqabaan gad-aanaa tahus, ammallee iddoo muraasatti lakkoofsi namoota qabamanii dabalaa jira.

Keesumaa gosti Covdi-19 haaraa Afrikaa Kibbaa biyya namoota vaayirasichaan qabaman guddaa qabdu keessatti rifaatuu uumaa jira.

''Tattaaffii taasisneen talaallii yeroof gahu doozii miiliyoona 270 akka argannu dhiyeessitoota, Pfizer, AstraZeneca karaa dhaabbata qorichaa Indiyaa Seeram jedhamuufi and Johnson & Johnson,’’ jechuun waadaa seenamuusaa himaniiru Raamafoosaan.

Yoo xiqqaate dooziin miiliyoona 50 ''yeroo murteessaa Eblaa-Waxabajjiitti 2021tti ni qaqqaba jedhan.

Haa tahu malee qondaaloti fayyaa haalasaa tokko tokkoon baruuf eegaa jiraachuu himuun, ''furmaata argachuu keenyatti gammadoo dhas,'' kan jedhan Nikeesii Indeembii gorsaa Wiirtii Ittisaafi To’annoo Dhukkubaa Afrikaati.

Raamafoosaan dooziin talaallii waggaa walakkaa 2021tti aragamu ogeeyyii fayyaa qofa talaaluuf fayyada jedhan.

Afrikaan uummata biiliyoona 1.3 qabaachuun namni tokko talaallii al lama waan fudhatuuf doozii talaallii biiliyoona 2.6 yoo argatte qofa nama hunda waliin gahuu dandeessi jedhan.

''Kanaaf tattaaffiin kun talaallii argachuuf kan taasifamaa jiru dha. Kana malees dooziin talaallii gahaa Afrikaa keessatti yeroo gabaabaatti akka argamu gochuu dha,'' jechuun ibsu.

Afrikaan namoota Covid-19n qabaman miiliyoona sadii ol yoo qabaattu, namoonni 75,000 lubbuu dhabaniiru.

Faallaa kanaan Ameerikaatti namoonni miiliyoona 23 dhukkuba kanaan yoo qabaman namooni 383,000 lubbuu dhabaniiru.

Gama kanaan talaallii bituudhaaf dorgommiitu ture biyyooti guddatan dhiyeessii jiru keessaa harka caalu bituun komatamu.