Koroonaavaayirasi: US'tti dhalattoonni Itoophiyaa talaallii Koronaa fudhatan maal jedhu?

Dhalattoonni Itoophiyaa US keessatti hojii tajaajila fayyaa hojjetan talaallii Koronaavaayirasii fudhatan talaallicha gammachuun fudhachuufi yaaddoo har'aa bor qabamna jedhu irraa baraaramuu himu.

Kubbaaniyyaa Ameerikaa qoricha oomishu Faayizariifi kubbaaniyyaan teeknoolojii waldhaansaa Jarmanii Baayoonteek waliin ta'uun talaalliin Covid-19 oomishan US keessatti kennamuu erga eegalee torban lama darbeera.

Talaalliin kun kanneen harka caalaan dhibee kanaaf saaxilamoo ta'aniifi ogeeyyiin fayyaa dursa argachuun fudhachaa jiru.

Kanneen talaallii kana fudhatan keessa ogeeyyiin fayyaa dhalootaan Itoophiyaa ta'an ni argamu.

Dr. Fitsum Haayilamaariyaam Filaadeelfiyaa Hospitaala Yuunivarsiitii Toomaas Jeferseen keessatti hakiima ispeeshaalaayiizdii dhibee keessooti.

Talaallii kana fudhachuu isaanii BBC'tti himaniiru.

Dr. Fitsum namoota dhibee kanaan miidhamanis du'aniis waldhaanaa talaalliin kun hanga argamu eegaa akka turan dubbatu.

Talaallicha fudhachuuf murteessuunis akka isaan hin rakkisne himu.

''Adeemsa talaalliin kun keessa darbe dhiyeenyatti hordofeera. Sadarkaa maaliirra akka darbe, milkaahina isaafii fayyummaan isaa kan mirkanaahe ta'uu ragaa waaniin qabuuf talaalamuuf garaa hin hirre'' jedhu.

Namni biraan talaallii kana fudhatan Daraaraa Daadhii jedhamu Kaalifoorniyaa keessatti gidduugala kunuunsaa Paalmitar jedhamu keessaa ogummaa Narsiin tajaajilu.

Isaanis akkuma Dr. Fitsum talaallicha fudhachuuf garaa akka hin hirre dubbatu.

''Dhugumatti talaalliin kun argamuu isaatti hundi keenyayyuu gammadoodha. Keessumaa dhukkubsattoota waliin tuttuqqaa kan qabnu dhibeen kun har'aa bor nu qabe yaaddoo jedhu qaban ture... amma ogeessi fayyaa kamuu talaallii kanarraa gammachuu qaba'' jechuun gammachuu qaban ibsaniiru.

Namootni dhukkuba kanarraa fayyan talaallicha ni fudhatuu?

Namootni dhibee kanarraa fayyaan qaamni isaanii dandeettii dhibee kana ofirraa qulachuu jabaa waan qabuuf deebi'ee nun qabu jedhanii of dagatu, talaalliinis nu hin feesisu jedhanii yaaduu malu.

Dr. Fitsum namootni dhukkuba kanaan qabamanii fayyan talaallii kana fudhataniiru, fudhachuus qabuu jedhu.

Namootni dhibee kanaan qabamanii fayyan irra deebiin yeroo qabaman argineerraa waan ta'eef dandeettin dhibee qolchuu qaama isaanii yeroo biraa laafuu akka malu qorannooniis waan akeekuuf talaallicha fudhachuu qabuu jedhan.

Talaallichi akkamiin kennama?

Dr. Fitsum akka jedhanitti talaalliin kun saaxilamummaa ogeeyyiin fayyaa qaban irratti hundaa'uun dhukkubsattoota dhibee jabaarra jiraniif kanneen kutaa yaala atattamaa keessa hojjetaniif dursi kenname.

Namni kamuu talaallii kana fudhachuun dura yoo xiqqaate haaldureewwan 10 guutuu qabaa jedhu Dr. Fitsum.

Qaamni ofii talaallii kan hin jibbine(alarjii) ta'uu, garaatti kan hin baanne ta'uu, mallattoondhibee kamuu kan irra hin jirre ta'uu, fi dhukkubsatoota yaala kamiifu Hospitaala jiran ta'u dhabuun fa'aa keessatti argamu.

Talaalliin marsaa duraa fudhatamee daqiiqaa 15'f namni achuma akka turu akka taasifamuufi kuniis qaamni bifa adda ta'een talaalichaaf deebii yoo kenne hordofuufi.

Dr. Fitsum talaallii kana fudhachuun booda rakkoon waan isaan hin mudanneef hojii isaanii itti fufuu dubbatu.

Talaalliin kun akkuma talaalliiwwan biroo lilmoon irreerra kan kennamu ta'uufi talaalliin marsaa duraa tokko erga fudhatamee torbee lammaffaa isaatti kan lammataa akka kennamu himan.

''Talaallicha fudhadhee daqiiqaa 30 boodan gara hojii deeme. bakkan waraannadhe dhukkubbii xiqqoon alatti wanti addaa hin jiru'' jedhu obbo Daraaraanis.

Talaallii erga fudhatanii booda of eeggannoon akka hin barbaachifne namootni hubatan jiraataniis kun sirrii akka hin taane Dr. Fitsum himaniiru.

Abdii talaalliin kun hore

Ogeeyyiin fayyaa talaallii kana fudhachuun damee fayyaaf deeggarsa gaaddaa akka ta'u obbo Daraaraan ni himu.

Ogeeyyiin fayyaa umriin isaanii siiqe dhibee kana sodaachuun soorama bahuu isaaniitiin hanqinni ogeeyyii fayyaa mudachuu obbo Daraaraan ni dubbatu.

Ogeyyiin kun talaallii fudhatanii hojiitti deebi'uu malus jedhanii abdatu.

Kunis tajaajila fayyaa si'ataa gochuun ofitti amanamummaa ogeeyyii fayyaa dabalaa jedhu.

Talaalliin kun akka dhuunfaatti, akka dhaabbataattis ta'e akka biyyaatti abdiin hore jiraatus of dagachuun akka hin uumamne of eeggannoorratti cimuun barbaachisaadha jehu Dr. Fitsum.

Talaalliin kun hanga uummata hunda bira gahutti yeroo kan fudhatu waan ta'eefi dhibeen kun yaaddoo ta'uun isaa akka itti fufullee himan.

Addunyaarratti hanga ammaatti namootni miiliyoona 78 ol Covid-19'n kan qabaman yoo ta'u kana keessa namni miiliyoona 1.7 ol ta'u lubbuusaa dhabeera.

Talaalliiwwan gosa adda addaa amma argaman kana biyyoonni Sooreyyiin doozii hedduu ofii bitanii kan jiran yoo ta'u biyyootni hiyyeeyyiin akka aardii Afrikaa keessa jiran ammallee akkatti kana muraasallee argatan irratti hojjechaa jiru.