Koronaavaayirasiin haguma of geeddaraa deemu ittisi isaa ni cimaa?

Koronaavaayirasiin nama tokkorraa nama biraatti akka darbaa deemeen qaccee sanyii ykn DNA isaa irratti geeddarama agarsiisaa deema.

Saayintiistoonni vaayirasichi akkamiin akka jijjiiramaa jiru hubachuuf tattaaffii godhaa jiru.

Ji’a sadii oliif dhukkubsataan lammii UK tokko dhibee Covid-19’n dhiphachaa ture.

Namni kun gosa kaansarii dhiigaa kan ta'e dhibee Limfoomaa wal’aanamaa waan tureef, dandeettiin dhibee dandamaachuu isaa koronaavayirasiin qabamuu durayyuu guddaa hir’atee ture.

Ogeeyyiin fayyaa manguddoon kun vaayirasii kana irraa akka fayyuuf yeroo gargaaranitti pilaazmaa dhiiga namoota Covid-19 irraa bayyaanatanii kennaafii turan.

Pilaazmaan dhiigaa kun antiibodiiwwan ykn wantoota dhukkuba ittisuuf qaamni namaa maddisiisu vaayirasii kana balleessuu danda’an of keessaa qaba.

Guyyootii 101 maanguddoo kana wal’aanuuf yaalanitti ogeessoti hospitaala Adeenbirooks, Kaambireej saamuda 23 fudhataniiru.

Saamudi kunneen laaboraatorii dhiyeenya jirutti qoratamaa turani.

Ogeessonni samudicha yeroo qoratanitti, wanta isaan aja’ibsiise argan - Covid-19 utuu isaan ilaalanii of geeddaraa ture.

“Yeroo keessa jijjiramaa guddaa vaayirasicha irratti agarre" jedha oggeessi dhibeewwan daddarbanii hospitaalichaa fi maayikiroobayoolojistiin yuunivasitii Kaambiriij saamudicha qorate Raviindaa Guptaa.

“Vaayirasichi wal’aansa pilaazmaa kana jalaa miliquuf akka of geeddaru maallattoowwan agarsiisan jiru. Wanti akkanaa nama keessatti yeroo uumamuu kan agarree yeroo jalqabaafi,” jedha.

Biyya Siwiidin yuunivarsitii Maalardaalanitti barsiisaa fayyaa hawaasaa fi barataa PhD kan ta'e Bantii Galataa vaayirasiin of jijjiiraa deemuun amaluma uumamaa isaati jedha.

Haa ta'u malee vaayirasiin qorichootaa fi keemikaalota gara garaaf yoo saaxilamus jijjiiramuu akka malu dubbata.

Weerarri Covid-19 erga eegale wagga tokko booda, rakkoon jijjiirama vaayirasichaa guddachaa dhufe.

Sababa jijjiirama qaccee sanyii ykn DNA vaayirasichaatiin gosoonni ykn akaakuuwwan vaayirasichaa haaraan kan aariitiin tatamsa’aani fi salphaatti namarraa namatti darban uumamaa jiru.

Kunis gaaffii talaalliiwwan amma dura raggaasifaman akaakuuwwan koronaavaayirasii haaraa sirrittii ittisuu danda'uu jedhu kaaseera.

Hanga ammaatti akka vaayirasichi talaalli haaraa didaa jiru irratti raga muraasaa qofaatu jira.

Talaalliiwwan amma dura hojjetaman qaama muraasa vaayirasichaa osoo hin taane vaayirasicha guutummaatti akka ajjeesu godhamee tolfame kan jedhu Bantiin, jijjiiramni vaayirasichi fidu talaalliin akka hin badne hin dhorku jedha.

Haa ta'u malee saayintistoonni garuu Covid-19 gara fulduraatti akkamiin of jijjiiraa kan jedhuu fi akkamiin to’achuun danda’ama isa jedhu qorachuutti jiru.

Gosi Covid-19 haaraa Afrikaa Kibbaa keessatti argame – koronaavaayirasii isa barameerra %50-%75 caalaatti tatamsa’a jedhamee yaadama.

Gosooti biroo UK fi Biraazil keessatti argamanis amala wal-faakkaataa akka qaban yaadama.

“Koronaavayirasiin akkanaan yoo itti fufe, kana to’achuuf irra daddeebiin talaallichaa foyyeessaa deemuun nurra jiraata jechuudha,” jedha ogeessi baayoolojii yuunivaarsitii Arizoonaa Maayikil Worobeey.

Namootni hedduunis kaampaniiwwan qorichaa Covid-19 omishan talaalliin isaanii akaakuuwwan koronaavaayirasii haaraa akka ittisutti foyyeessuu qabu jedhanii amanu.