Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Talaallii Covid: WHO’n ofittummaan biyyoota badhaadhanii addunyaa rakkoof saaxila jedhe
Sababa qajeelfama talaallii Covid walqixxummaa hin qabneen “kuufaatiin qor-qalbii hamaa’ addunyaa irratti uumamaa jira jechuun hogganaan Dhabbaata Fayyaa Addunyaa (WHO) akeekkachiise.
Dr Teedros Adhanoom Gabrayesuus utuu namootni yaddoo fayyaa qabanii fi biyyoota hiyyeeyyii keessa jiraatan talaallii utuu hin argatiin namootni fayyaa fi dargaggeeyyiin biyyoota dureeyyi keessa jiraataan dursanii argachuun isaanii sirri miti jedhan.
Biyyoota dureeyyii 49’f talaalliiwwan doozii miiliyoona 39 kan raabsaman yoo ta’u – biyyi hiyyeettiin tokko talaalli 25 qofa argatte jedhan.
WHO fi Chaayinaan kana dura haala to’annoo Covid irratti qeeqamanii turani.
Hanga ammaatti Chaayinaa, Indiyaa, Raashiyaa UK fi US talaalliwwaan Covid kan uuman yoo ta’u, kaan ammoo biyyootiin waloon kan oomishamanidha – fakkeenyaaf talaallii Pfizer Ameerikaa fi Jarmaniin oomishame.
Biyyootiin kun hedduun isaanii raabsama talaallii kanaaf dursa biyya ofii isaaniif kennaniiru.
Hogganaan WHO maal jedhan?
Wiixata haasaa marii aanga’ootaa WHO irratti taasisaniin Dr Teedroos, “ Dhugaa dubbachuun qaba, addunyaan kuufaatii qor-qalbii hamaa keessa jirti – gaatiin kufaatii kanaa ammoo jireenya fi lubbuu namoota biyyooti hiyyeeyyii addunyaan kan kaffalamudha,” jedhan.
Dr Tedroos ilaalchi “dursa anaaf” jedhu kun kan of kuufissudha sababiin isaa ilaalchi kun gatii qaaleesse offittummaa kan jajjabeessudha.
“Gochii akkanaa ammo weerara kana kan dheeressu ta’a" jedhan.
Dabalataaniis mala talaallii hirmaachuu idil addunyaa Covax jedhamuu fi ji’a dhufu eegalamuu irratti hirmaannaan guutuu akka jiraatuuf hogganaan WHO waamicha dhiyeessaniiru.
“Waamichikoo yeroo Ebla 7 irratti Guyyaa Fayyaa Addunyaa kabajnu mootummooti miseensa ta’an hundi talaalliin Covid-19 biyyootii hundatti raabsameearguudha jedhan.
Walqixxummaa dhabuu hiddaa rakkoo fayyaa idil addunyaa ta'e mo’achuun barbaachisaa ta'uu dubbatan Dr Teedroos.
Hanga ammaatti mala Covax kan WHO fi gartuulee talaallii idil addunyaan deeggarame kana irratti hirmaachuuf biyyootiin 180 mallateessaniiru.
Kaayyon isaa biyyootiin walitti qindaa’uun warshaalee qorichaa waliin mari'achuuf aangoo akka qabaatan taasisuufi.
Biyyootii galii gadi aanaa fi gidduu galeessaa 92f baasiin talaallii gumaacha biyyooti kanneeniin kan kaffalamuu ta’a.
“Oomishtoota shan irraa talaalliwwaan biiliyoona lama fudhachuuf waliigalleerra, dozii dabalataa biiliyoona tokko dabaluufis filannoo qabna, Guraandhala keessa raabsuu eegaluuf karoorfanneerra,” jedhu Dr Teedros.
Deebii akkamiitu ture?
Akeekkachiisa Dr Teedroos kennaniif Ministirri Fayyaa UK Maat Haankook “UK’n deeggartuu addunyaa ishee guddoodha, sagantaa talaalliin biyyootii addunyaa hunda akka ga’uu bahe ni deeggarti” jedhan.
Mootummaan UK mala raabsaa talaalli Covax kanaaf doolaara miiliyoona 548 gumaacheera.
Akka gabaasa mootummaatti UK keessatti raabsaa talaallii koronaavayirasii jalqabaa namootni miiliyoona afur argataniiru.
Biyyootiin dureeyyiin talaallii Covid ofittuummaan sassaabachaa waan jiraniif, biyyootiin hiyyeeyyi ammo dhabaa jiru jedhamanii qeeqamu.
Biyyootiin galii gadi aanoo 70 ta’an dandeettii namoota 10 keessaa tokkoo qofaaf talaallii kennuu qabaatu.
Keessumaa Kaanadaan, biyyootiin ardii Ameerikaa Kaabaa talaallii lammilee Kaanaada tokko tokko si’a shaniif gargaaru danda’u ajajaniiru jedhamuun qeeqama turte.
Mudde keessa ministeerri guddinaa idil addunyaa Kaanadaa Kariinaa Gowuuld himannaa kana haaluun, Kaanaadaan biyyootii guddataa jiran Covid-19 irratti gargaaruuf doolaraa miiliyoona 380 gummaachuu ishee himaaniiru.