Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namtichi bishaan qaruuraa fi talaallii oomishu dureessa tokkoffaa Eeshiyaa tahe
Galata dhaabbatasaa talaallii fi bishaan qaruuraa oomishuuf haa tahu malee namni kun dureeyyii Eeshiyaa keessaa sadarkaa jalqabaarra taa’eera.
Zhoong Shaanshaan qabeenyisaa bara kana doolaara biiliyoona torba dabaleera. Kanaan, dureeyyii Indiyaa Mukeesh Ambaanii fi Jaak Maa Chaayinaa caaleera.
Qabeenyisaa waliigalaa doolaara biiliyoona 77.8 yoo tahu akka addunyaatti sadarkaa 11ffaa jira jedha dureessota addunyaaf sadarkaa kan baasu 'Bloomberg Billionaires Index'.
Maqaa masoo "lone wolf" jedhamuun kan beekamu Zhoong gaazexeessummaa, qonnaa fi fayyaa irratti hojjeteera.
Zhoong baatii Eblaa keessa dhaabbata talaallii oomishu Beijing Wantai Biological gabaa aksiyoonaaf dhiyeesseera. Baatii sadii booda immoo ishaan qaruuraa Noongfuu Hoong Koongitti dhiyeesseera.
Haala kanaan hundeessaa gabaa onlaayinii Alibaabaa dureessa Eeshiyaa kan ture Jaak Maa caaleera.
Ergasii bishaan qaruuraa Noongfuun fudhtama guddaa argachuun gabaa aksiyoonaa irratti gatiinsaa harka 155 guddateera.
Beijing Wantai Biological's warreen talaallii Covid-19 oomishan keessaa yoo tahu gatiinsaa harka 2000 guddateera.
Guddinni dinqisiisaa kun Zhoongiin gara sadarkaa tokkoffaatti isa furguggiseera. Seenaa addunyaattillee qabeenya saffisa kanaan argame isa jalqabaati jedheere Bloomberg.
Sooreyyii caalaatti sooraman
Dureessoti addunyaa, hundeessaa Amaazoon Jeef Beezoos dabalatee yeroo weerara kanaatti qabeenyi isaanii ittuu dabalaa dhufeera.
Indiyaatti dureessichi Ambaaniin qabeenyisaa doolaara biiliyoona 18.3 irraa 76.9 guddateera. Kanas idastiriisaa gara teeknolojii fi daldala onlaayiniitti jijjiiruun milkeesse.
Haa tahu malee qabeenyi Jaak Maa biiliyoona 61.7 irraa baatii Onkololeessaa keessa gara biiliyoona 51.2tti gadi bu’eera.Kunis sababa Alibaabaan mootummaa Chaayinaan sakatta’amuufi jedhameera.
Alibaabaan gabaa qofummaan to’achuun yoo sakatta’amu dhaabbatnisaa michuu Ant Group gabaa aksiyoonaarraa dhorkameera.
Dureessonni Chaayinaa qabeenya biiliyoonaan lakkaa’amu qaban indastiriiwwan teeknolojii dhuunfatu. Haa tahu malee Huawei, TikTok and WeChat irratti wal-dhabdee Chaayinaa fi US gidduutti uumamuun gatiin gabaa aksiyoonaa teeknolojii Chaayinaa hir’ateera.