Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kanaadaa: Namichi dureessa Chaayinaa ajjeese hidhaan adabame
Namni duressa Chaayinaa ajjeesuun qaama isaa kukkute kanaadaatti hidhaan waggaa 10 fi baatii jahaa itti murtaa’e.
Namni Li Zhaayoo jedhamu Kanaadaatti fira isaa kan tahe Gaangii Yuhaan ajjeesuun erga kukkutee argame.
Kaleessa manni murtii Zhayoo nama jedhamu kanatti hidhaa waggaa 10 fi ji’a jahaa itti murteesse.
Himati kun Kanaada fi Chaayinaa irraa bal’inaan hordofamaa kan ture.
Abbaan Seeraa Terensee Shuultersi Mana Murtii Ol-Aanaa Biriitish Kolombiyaa irraa ajjeechaa kana yeroo raawwatu amala isaa sirriin ala waan tureef amma gocha isaatti hedduu gaabbeera,’’ jedhan.
Namootni waa’ee amala Zhaayoo yoo ibsan guyyaa sana amala addaa agarsiisaa ture. ‘’Nama gaarii, lola kan hin jaalanneefi arjaa tahuu isaa beekna,’’ jedhanii himuu abbaan seeraa kun himeera.
Sammuun koo duwwaa tahaa deeme
Yuhaan durbii haadha warraa Zhaayoo yoo tahu hundi isaanii maatiimaan mana tokko keessa jiraatu.
Yuhaan duressa ganna 42 yoo tahu, boba’aafi dhagaa cilee irratti qabeenya kan horachuu danda’e.
Yeroo baay’ees haadha manaa fuudheera.
Gaafa Caamsaa 2 bara 2015 Yuhaan yaada biizinesii Zhaayoodhaaf dhiyeesse. Kunis intala Zhaayoo tokkittii fuudhuu dabalata.
Kana irraa kan ka’e Zhaayoon aariin dubbachuun‘’horii’’ jedhee itti dubbate akka ragaa mana murtiitti.
Kanumaan wal loluun Zhaayoon rukutee ajjeese. ‘’Asitti sammuun koo duwwaa na tahe. Nan maraadhe,’’ jedhee dubbate.
Ajjeesee qaama Yuhaan bakka 108ttiti kukutuun pilaastikaan mare yoo gatuuf jedhu haati warraa isaafi amaatiin isaa arguun poolisiitti beeksisan.
Akka South China Morning Post jedhamu gabaasetti qabeenyi Yuhaan Doolaara Kanaadaa 21m taha.
Zhaayoonis intala tokkittii qabu waliin qabeenya guddaa kan qabu yoo tahu, shamarran Eeshiyaa qabeenya guddaa horatan keessatti galmoofteetti.