Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Singaappoor daa'imman hedduun akka dhalataniif maatiif maallaqa kennuuf
Koronaavaayirasiin erga bifa weeraraan addunyaa walga'ee jiruufi jireenya hawaasaa keessatti kan hin burjaajessine hin qabu.
Weerara kana qolachuuf tarkaanfiiwwan uggura sochii hawaasaa fudhataman diinagdee, jireenya hawaasummaa fi xiinsammuu dhala namaarratti dhiibbaa guddaa uumeera.
Kibba Baha Ardii Eeshiyaatti kan argamtu Singaappoor weerarri koronaavaayirasii dameewwan hawaasummaa biroorraatti dhiibbaa uumuun alatti lammiileenshee akka dhala hin godhanne taasisuu ibsiti.
Sababa koronaavaayirasiin maallaqaa fi carraa hojii dhabuurraa kan ka'e lammiileenshee dhala godhachuurraa of qusachuu yookiin ammoo tursuun isaanii baayyee akka ishee yaaddesse himteetti biyyi kun.
''Lammiileen kiyya ijasaaniitiin ijasaanii arguu dadhabaniiru'' jechuun yaaddoo gama kanaan qabdu ibsite.
Kanarraa ka'uun lammiileenshee akka dhala gootaniif maallaqa yeroo takkaatti kaffalamu maatiif kennuuf murteessiteetti.
Hammeentaan maallaqa kaffalamuu garuu ifa hin taane,kaffaltii kanaan dura mootummaan daa'immaniif kaffalu akka caalu garuu ibsameera.
Ministirri Muummee Itti Aanaan biyyattii Heengi Siwee Keet, ''Sababa weerara koronaavaayirasiitiin maatiin hedduun karoora daa'imman godhachuu isaanii yeroo biraatti dabarsaa akka jiran odeeffannoon nu ga'eera'' jedhan.
Kaffaltiin si'eessituu kun akka kaffalamuuf kan murtaa'es kana hordofeeti.
Akka qondaalli kun jedhanitti hammeentaan maallaqa kaffalamuu fi akkaan kaffaltii isaa guyyaa itti aanu keessatti ifooma.
Singaappoor biyyoota addunyaa lakkoofsa daa'imman dhalatanii gadi aanaa qaban keessaa tokko.
Kanas fooyyessuuf biyyattii waggoota kurnan darban keessa hojjetaa turteetti.
Biyyattiin sirna kaffaltii si'eessituu maatiif kaffalaa jirtuun, hanga doolaara Ameerikaa 10,000'tti maatii dhala godhachuuf ga'umsa qabuuf ni kaffalti.
Haalli kun biyyoota ollaashee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu faallaadha.
Biyyoota ollaa Singaappoor; Filippiinsi fi Indooneeshiyaa keessatti ammoo sababa uggura sochii hawaasaatiin wayita ummanni qe'eetti deebi'utti lakkoofsi dubartoota da'anii akkaan heddummaateera.
Haalli kun waan Singaappoor keessatti ta'aa jirurraa baayyee fagoodha.
Akka ragaa mootummaatti hanga bara 2018'tti lakkoofsi daa'imman dhalatanii waggoota saddeettan darbaniif akkaan gadi aanaa ture.
Biiyyoonni Eeshiyaa hedduun lakkoofsa daa'imman dhalatanii xiqqeessuun walqabatee yeroo baayyee rakkoon isaan mudata.
Weerarri koronaavaayirasii ammoo rakkoo kana daranuu hammeesse.