Suuraleen durii warraaqsa mirgaa Maartiin Luutar Kiing yeroo suuraa halluutti geeddarman
Jimaanni kaleessaa kabaja guyyaa dhaloota Martiin Luuter Kiing waggaa 92ffaa ture.
Jordaan J Looyid erga qorannoo seenaa bal'aa taasisaniin booda, suuraawwan Dr Kiing fi eeddoowwan uummtaa kan yeroo warraaqsa mirga bara 1960 kaafamanii halluu guurraachaa fi aadii (black and white) qofaan turanitti halluu dijitaalaa dabaluun akkasuun dhiyeessaniiru.

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
“Namoonni seenaa isaanii argachuuf mirga qabu,” jechuun Looyid BBCtti wayita himaniitti.
“Halluun ammoo yeroo baayyee kan sadarkaa fageenya seenaa duurii irraa nu fageessu kan hir’isudha”
“Akkuma tasaatti, suuraan kun dhugaa fi caalaatti mira kan qabu fakkaata.”

Madda suuraa, Library of Congress


Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
Bara 1963tti, haqa dhabiinsa sanyummaa bu'uureeffate mormuu fi Kongrasiin akka wixineen mirga namummaa Pireezdaant Joon F Kenediin dhiyate raggaasisuuf dhibbaa uumuuf jecha hiriirri namoota sanyii adda addaa kan walakkaa miiliyoonaa ta'an irratti argaman nagaan Waashingitaan keessatti gaggeeffameera.

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
Hiriirri sun haguuggii miidiyaalee addunyaa guddaa kan argate ta’us – mootummaan federaalaa garuu dhimmoota ka’an furuuf tarkaanfii siyaasaa homaa hin fudhanne.
“Jijjiramni kan ta'e qabsoo keessaan,” jedha Looyid.
“Har'a namoonni hedduun ammoo walqixxummaa dhabuu hawaasaa fi sanyuummaa bara 1960 fi ammaa jiru wal biratti arguu danda’u jeedheen yaada.”

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
Looyid suuralee kanneen kan argate Mana Kitaabaa Kongiressi keessa yoo ta’u, qorannoon isaa garuu suuraalee hedduu yeroo hiriira sanaatti halluun kaafaman hin baramne akka jiran bare.
“Yeroo sanatti suuraa halluu qabu kaasuun hedduu qaalii ture,” jedha.
“Ammaan tana ammoo, suuraaleen halluu qaban sirrii faayyadamuuf hayyama qaalii ta’e bituu qabda.”

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
“Waa'een bifaa mataduree walxaxaa ta’edha.
“Akkasumas kunis waan wayita suuraa yeroo jalqabaatiif innaa agaruutti uumamaan kan qalbii keenya hawwatudha.
“Halluu googaa namootaa haaluma sanyii qofaan osoo hin taane, umuriinis addaa addummaa qaba. Kun ammo ifa yeroo sana ture fi haalaa qilleensa guyyaa sana ture waliin xiyyeeffannoo kan itti kennamuu qabudha.
“Suuraalee kanneen keessatti, wantoota akka gaaddidduu fi gabaasa haala qilleensa guyya hiriira sanaa ilaaluun haala qilleensa guyyichaa murte taasisuu dandeenyu.”

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd


Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
“Qeeqxoonni hojii halluu dabaluu kanaas hojiin adeemsa teeknolojii kana mormuun kan akka Dandeettii nam-tolchee (artificial intelligence) mormuun kun aadaa balleessuudha jedhu.
“Adeemsii dadhabsiisaan suuralee kanneen deebisuu, qorachuu fi halluu itti dabaluu kun seenaa geeddaruu osoo hintaanee akka seenaatti waan tokko dabaluuti jedheen amana.
“Waanti baramee tokko kallattii adda ta'een arguufi qoratamuu danda’ama.”
“Sochiin mirga uummaticha seenaa Ameerikaa keessa gita barbaachisa tokkoo ta’ee uutuu jiru, kitaabaa fi intarneetii irratti suuraalee gurraachaa fi adii muraasaan qofa bakka buufamee jira.”

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd
Suuraleen Looyid kunneenis bilisaan itti fayyadamamuuf marsariitii Unsplash jedhamu irratti ni argamu.
“Hanga danda'ameettis daree barnotaa keessatti ta'e, poostaroota irratti, haguuggii kitaabaa fi waantoota biroo irrattis yoo ta’e, qaamni seenaa Ameerikaa barbaachisaa kun namoota hedduun ilaalamuufi qoodamuu qaba” jedha.

Madda suuraa, Library of Congress / Jordan J. Lloyd














