Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasi፡ Wuhaaniitti namoonni 500,000 Covid-19'n qabamanii turan jedhe qorannoon
Jiraattoota magaalaa Chaayinaa Wuhaan keessaa harka shan kan ta'an koronaavaayirasiin qabamanii turan jechuun qorannoon Jiddugala To'annoofi Ittiisa Dhukkuboota Chaayinaa ifa taasisee.
Baay'inni ummataa magaalaa Wuhaan miliyoon 11 yoo ta'u isaan keessaa kan walakkaa miliyoonaa ta'an vaayirasichaan qabamanii ture jedha qorannichi.
Qorannoon kun dhugaa ta'ee yoo argamees, kan aanga'oonni Wuhaan qabamaniiru jedheen dachaa 10 kan caalan vaayirasichaan qabamanii turan jechuudha.
Magaalattiin hanga ammaatti vaayirasichaan qabamusaanii ifa kan taasifte namoota 50,354 qofaadha.
Chaayinaa keessatti namoonni vaayirasichaan qabamanii garuu mallattoon dhukkubbii irratti hinmul'atiin hinlakkaa'aman.
Qorannoon kunis ifa kan ta'ees gareen qorattoota idil-addunyaa magaalaa Wuhaan kan Covid-19'f ka'umsa taate dowwachuufi qorannoo gaggeessuuf osoo hindhufiin dura jedhameera.
Mootummaan Chaayinaan qaama qorattoota idil-addunyaa walabaa simachuuf fedhiin kan hinqabne yoo ta'u, marii dheeraan booda amma baatii dhufaa keessa gara bulchiinsichaa imaluuf jiru.
Qaamolee lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniiru jechuun Chaayinaan ibsitu irratti shakkii horatanis, biyyattiin iftoomina hinqabdu jechuun qeeqaa turan.
Qorannoo kanaan ammoo Wuhaan keessaatti namoota kuma 34, Hubee, Beeyishingi, Shangaay akkasumas bulchinsoota biraa afur irraa saamuda fudhachu jiddugalli qorannoo kun beeksiseera.
Qorattoonnis saamuda Wuhaan qofaa fudhatameen humna dhukkuba ofirraa ittisuu %4.43 kan argatan yoo ta'u, magaalaa daangaa Hubeeyiitti ammoo haalli facaatii vaayirasichaa %0.44 ta'uun barameera jedhan.
Akkasumas namoota Hubeeyin alatti qorataman kuma 12 keessaa namoota lama qofatu humna dhukkuba ofirraa ittisuu ummate jedheera qorannichi.
Qorannoon kun kan gaggeeffames erga Chaayinaan weerara marsaa tokkoffaa to'attee baatii tokkoon booda ture jedhame.
Wuhaaniin alatti lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii gadaanaadha kan jedhe qorannichi, kanaafis hojiin to'annoo bulchiinsa sana keessa ture vaayirasichi gara naannoolee biraatti akka hindabarreef gargaareera jedheera.
Dhuma bara kanaatti Wuhaan lafa gabaatti vaayirasiin argamunsaa ni yaadatama.
Isaan boodas koronaavaayirasiin lafa gabaatti bineensota irraa gara namaatti darbunsaa hinollee shakkii jedhamutu himamaa ture.
Haata'u malee amma oggeessoonni vaayirasichi naannicha ka'umsa godhachuun namoota hedduutti darbee ta'u danda'a jechaa jiru.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras