Akaakuun Covid-19 haaraa saffisaan tamsa’uu biyyoota addunyaa garaa garaatti mul'ate

Akaakuun Covid-19 haaraa saffisaan tamsa’uu UK keessatti argamee ture biyyoota Awurooppaa hedduu, akkasumas Kaanaadaa fi Jaappaan keessatti mul'ate.

Imaltoota UK irraa gara Ispeen, Siwizerlaand, Siwidinii fi Firaansitti dhaqan wajjin tamsa’inni vaayirasii kun hidhata qaba jedhameera.

Kanaadaattimmoo abbaan warraa fi haatii warraa Ontariyootti vaayirasiichaan qabamaniiru, garuu lamaanuu biyya hambaatti akka hin imalle qondaalonni biyyattii himaniiru.

Namoonni lamaan addatti tursiifamaniiru.

Tamsa’ina vaayirasiin sodaachuun Jaappaan lammileen biyyoota hambaa ji’a tokkoof biyyashii akka hin seenne Wixatarraa qabdee dhorkuuf jirti.

Jaappaan imaltoota UK irraa biyyattii seenan shaniifi nama biyya biraatti hin imallee tokkorratti argamu gabaaste.

Kanneen vaayirasichaan qabaman keessatti balaliisaan xiyyaara ganna 30 keessa Landanii deebi’e ni argamu.

Haaluma wal fakkaatuun namoonni afur Ispeen magaalaa Maadiriiditti gosa vaaayirasii haaraan qabamaniiru.

Siwizerlaand lammiilee Biriiteen lamaa fi nama biroo tokkorratti vaayirasichi mul’achuu beeksifteetti.

Ayyaana bara haaraa kanatti biyyi Awurooppaa turistootaaf karra bante Siwizerlaand yoo taatu, torban darbe keessa lammileen Biriteen kumaataman lakkaa’aman biyyattii seenaniiru.

Akaakuun vaayirasii haaraan argamuu oduun isaa erga dhaga’amee addunyaarratti torban darbeerraa qabee imalli daangeeffameera.

Kun otoo haala kanaan jiru, biyyoota Awurooppaa hedduutti namoota talaaluun eegalameera.

Oggeeyyiin fayyaa Kaaba Baha Jarman maanguddoota giddugaleessa kunuunsaa Halberistat keessa jiran talaaluun eegalan.

Miidiyaan biyyaleessaa Hangaarii akka himeetti biyyattii keessatti hakiimota hospitaala Del- Peest hojjatanitu talaalli dursa fudhate.

Saayintistoonni akka himanitti, gosti vaayirasii haaraan UK'tti kan argameef biyyattiin sirna tamsa’ina dhibichaa ittiin hordoftu cimaa waan qabduufi jedhan.

Gosti vaayirasii haaraan kun kan duraanii caalaa saffisaan kan tamsa’u yoo ta’u, namoota duraan qabeerratti hin hammaatu jedhanii yaadu ogeeyyiin.