Ameerikaan guyyaa lama keessatti sirreeffammaa biraa du'aan adabde

Namichi waggoota 20 dura mucaasaa xiqqoo ajjeessuun murteen du'aa itti murtaa'ee ture kaleessa ajjeefamuun adabamaa lammaffaa murteen du'aa irratti raawwate tahe.

Kanaanis biyyattii keessatti yeroo kaaniin addatti guyyoota lama keessatti addabbiin du'aa nama lammaffaa hojjiira olfameera.

Alfireediin duras Kamisa darbee gaheessi waggaa 40 kan ture Biraandon Beernaard achuma Ameerikaa bulchiinsa Indiyaanaa keessatti du'aan adabameera.

Aangoon Pirezidaantummaa Tiraamp osoo Ammajjii 20 dhufutti hin xumuramiin dura adabbii du'aa dabalataa namoota sadi irratti akka raawwatamu ibsameera.

Ameerikaatti addabbiin du'aa waggoota 17 adda cite ture. Jalqaba bara kanatti garuu adabbichi akka raawwatamuuf Tiraamp ajajaniiru.

Namoota duutii itti murtaa'ee hunduu kan du'aan adabaman yoo ta'e, pirezidaantoota US kaaniin adda haala ta'een bara aangoo Tiraampiitti namoonni hedduun kan itti du'aan adabaman ta'uusaati.

Waggoota 130 ta'uuf pirezidaantoonni Ameerikaa wayita aangoo gadhiisan adabbiin du'aa akka dhaabbatu taasisu.

Pirezidaantii haaraan Ameerikaa Joo Baayidan Amajjii 20 dhufu kana aangootti darbu.

Baayidan wayita seenaatar Daalweer turanii qabee adabbii du'aa mormaa turanis, akkuma aango qabataniin addabbii kun akka dhaabbatuuf akka gaafatan himaniiru.

Manni murtis namni amma addabbiin du'aa akka irratti raawwatamu ta'e kunis intalasaa durbaa kan waggaa lamaa irraan erga miidhaa saalaa qaqabsiiseen booda ajjeesuu himeera.

Konkolaachisaa konkolaataa fe'umsaa kan ture Alfireed karaa Teeksaasiin wayita darbu gochicha akka raawwate ibse.

Abbaan alangaa akka jedheettis, osoo inni konkolaataa dhaabaa jiru waan mucaansaa konkolaataa keessatti dhagala'aa gadi naqxeef jecha foddaafi daash boordii konkolaataatti buusuun ajjeesee jedheera.

Abbookaatoonni isaa garuu rakkina sammuu (intellectual disability) waan qabuuf du'aan adabamu hin qabaatu jechuun mormanii ture.

Sirreeffamtoota biraa duuti itti murtaa'e:

  • Lisaa Montgomarii bara 2004tti miizurii keessatti dubartii ulfaa ukkaamsuun mucaa gadameessa ishee keessa ture fudhate jirti. Ishees Amajjii 12 du'aan adabuuf karoorfamee. Abbookaatoon ishee garuu daa'ima wayita turteetti reebicha irra gaheen kan ka'ee dhukkubbii sammuu cimaa qabdi jedheera. Isheenis erga bara 1953 as dubartii du'aan adabamtu kan jalqabaa taati.
  • Korii Joonsan ammoo kan himatamee dadabarsa qoricha sammuu adoochuun wal qabatee yakka namoota torba ajjeesuutiin. Abbookaatoowwan Koorii garuu dhukkuba sammuu qaba jechuun mormaafii turan. Innis Amajjii 14 du'aan adabamuuf karoorfameera.
  • Dastiin Joon Hiigsi ammoo bara 1996tti naanawa Waashingiton DCtti dubartoota sadi butee fudhachuun ajjeessun himatame. Haa ta'u malee dubartoota akka ajeessuuf nama isa waliin ta'u Wiilis Haayinees jedhamu ajajame malee ofiisaatiin hin ajjeefne ture. Hiigsi Ammajjii 15 du'aan adabuuf karoorfameera jedhame.