Biraandon Beernaard: Adabbiin du'aa aangoo Tiraamp kan dhumaa raawwatame

Manni murtii Olaanaa Ameerikaa iyyata dhiifama daqiiqaa dhumaa diduun Biraandon Bernaard kan murteen du'aa irratti darbee ture du'aan adabe.

Gaheessa waggaa 40 kan ta'e Bernaard wayita dargaggoo waggaa 18 ture yakka ajjeechaatiin bara 1999'tti himatame.

Kanaanis seenaa motummaa federaalaa Ameerikaa kan waggaa 70 keessatti dargaggoo du'aan adabame ta'eera.

Bernaard osoo lilmoon ittiin ajjeefamu hinkennamiin duras maatii haadhaafi abbaa warraa ajjeechaa irratti raawwatee dhiifama gaafateera.

Osoo aangoon Donaald Tiraamp hinxumuramiin duras addabbii ajjeechaa afuri kan biraas karoorfameera.

Yoo addabbiin du'aa shananuu kan raawwataman ta'e, Tiraamp pirezidaantii biyyattii tibba aangoosaatti addabbiin du'aa itti raawaatame ta'u. Kunis erga Hagayyatii asi addabii du'aa UStti raawwatame 13 taasisa.

Joo Baayidan Ammajjii 20 irraa kaasee pirezidantii ta'un muudamu.

Jecha dhumaa adabamaa du'aa

Bernaard du'aan akka adabamu kan murtaa'e Kamisa akka sa'aatii biyyaa 21:27 ykn Jimaata 02:27 GMT irratti mana hidhaa magaalaa Teeree Hawuuteetti ture.

Isaan duras maatii namoonni jalaa ajjeefamaniitti jecha isaa dhumaa akka dubbatuu himamee, tasgabbiidhumaan daqiiqaa sadiif haasa'e.

''Dhiifama. Jechiin ani jechuu danda'uufi kan ammaantaafi guyyaa sana maal akka natti dhagahame ibsu kanuma qofaadha,'' jechuusaa maddii oduu AP gabaaseera.

Erga abbookaatoon Bernaard adabbichi akka turuuf mana murtii gaafatanii boodas addabbichi osoo hin raawwatamiin sa'aatii lamaaf tursifame ture. Garuu gaaffiichi ni kufe.

Dhimmi Biraandon Beernaard maal ture?

Beernaard ajjeechaa haadhaafi abbaa warraa Todd fi Istaashiyaa Baagleey kan Waxabajjii bara 1999 irratti hirmaachuun adabbiin du'aa itti murtaa'e.

Innis dargaggoota shan Teeksaas keessatti erga haadhaafi abbaa warraa kanneen ta'aniin booda duuba konkoolaataa keessa akka seenaniif dirqisiisuun himatame.

Jarrii sunis dargaggoo waggaa 19n konkolaataa keessatti kan itti dhukaafame yoo ta'u, isaan booda Beernaard konkoolaatatti ibidda qabsiisuun himame.

Abookaatoon isaas jarri tarii osoo konkolaataan ibiddi itti hinqabsiifamiin dura du'anii ta'u danda'a jechuun mormeera.

Qorataan walabaa mindeeffamees Istaashiyeen osoo ibiddi konkolaataatti hinqabatiin dura ''wallaansaan du'aa'' turte jedheera.

Haata'u malee ragaa baatoonni motummaa kana mormuun, miidhaa rasaasaan osoo hintaanee aara ibidda konkolaataatti qabeen duute jedhan.

Abookaatoon Bernaard, yoo ajaja Vi'aalvaa kan Fulbaana darbe du'aan adabamee didee waan irra gahu sodaachuun kan raawwate jedhee ture.

Kanneen taatee sana keessatti hirmaatan kan hafan ammoo waan waggaa 18 gadi ta'aniif hidhaa umurii gutuutu itti murtaa'e.

Isaafilleen murteen hidhaa guutuu akka kennamuuf abbookaatoon isaan mormaniifii turan.

Kanaafis seenaafi amala gaarii tibba mana hidhaa keessa tureetti agarsiisee fi hojiiwwan namoonni yakka keessatti akka hin hirmaanneef hojjataa ture kaasanii ture.

Kana malees qaamolee adda addaas akka du'aan hinadabamneef Tiraamp gaafachuun duula gaggeessa turan.

Kanneen keessaa taatoofi miidiyaa gubbaa kan beekamtu Kim Kaardashaan tokkodha.