Ameerikaan bara 2003 as yeroo jalqabaaf namoota afur du'aan adabuufi

Waajirri Haqaa Ameerikaa adabbii du'aa hidhamtoota afur irratti raawwachuuf beellama qabateera. Adabbiin kun bara 2003 asitti yeroo jalqabaaf kan raawwatu yoo tahu falmii mana murtii dheeraa booda murtaa'e.

Abbaan Alangee Wliigalaa Wiiliyaam Baar adabbiin hidhamtoota afurii Adoolessa keessa akka raawwatu ajajan. Hidhamtoonni kunneen ajjeechaa ijoolleetiin himataman.

Hidhamtoonni immoo mootummaan adabbiif ariifachuufi adeemsa sirrii fudhataa akka hin jirre himatu.

Abbaan Alangee Baar garuu ''adeemsi seeraa marti raawwateeraa jedhan.''

''Paartileen siyaasaa lameen lammiilee Ameerikaa bakka bu'an karaa Kongireesiif Pirezidaantii namoonni yakka suukaneessaa raawwatan du'aan akka adabaman ajajaniirus,'' jedhu.

''Kana kan goonu yakka sukaneessaa miidhamtoota irra gahe gatii baasuufi murtoo sirna haqaa keenya raawwachiisuufis jecha dha,'' jedhan.

Hagayya darbe Abbaan Alangee Baar adabbii du'aa irra deebiin eegalsiisuuf waajirri mana hidhaa qoricha tokko akka fayyadamu ajajanii turan.

Adabbiin du'aa kun Mudde darbeef ture kan qabame. Haa tahu malee hidhamtoonni mormii seeraa dhiyeessuun tursiisan.

Manni murtii naannoo adabbii du'aa kana akka turu erga taasiseen booda, ol iyyannoo dhiyaateen waggaa kudha shanii oliin booda adabbiin kun raawwachuuf jedha.

Namni jalqabaa adabbiin du'aa kun irratti murtaa'e Daani'eel Lii kan jedhamu yoo tahu, olaantummaa warra adii kan deeggaruufi maatii miseensa sadii qaban ajjeese. Adabbiin isaa Adoolessa 13 dhaaf qabame.

Warreen hafan sadeen immoo Weezlii Parkii, Dastiin Haankaniifi Keet Neelsan jedhamu- adabbiin isaanis Adoolessaa fi Hagayya keessa raawwata.

Parkiin shamarree ganna 16 gudeeduu fi ajjeessuun,manguddoo ganna 80 ajjeesuu fi daa'ima butee, daafii kanaan daa'imni du'uun himatame.

Haankan immoo namoota shan ajjeesuun himatame, isaan keessaa lama daa'immani. Neelsan daa'ima ganna 10 butee gudeeduufi ajjeesuun himatame.

Abukaatoon hidhamtoota kanaa murtoo darbe mormuun manni murtii olaanaa akka gidduu seenu gaafataniiru.

Abukaatoon Parkii dhukkuba sammuu waan qabuuf maaliif akka ajjeefama jiruyyuu hin beeku jedheera.

Kan Haankan immoo adeemsa mana murtii irra rakkoon naamusaa gatii jiruuf irra deebiib ilaalmuu qaba jedheera. Abukaatoon Lii immoo mootummaan ragaa sobaa

Waajirri haqaa biyyattii hidhamtoonni hundi ragaafi iyyannoo hunda dhiyeessaniiru. Adeemsi seeraa murtoo kana boodatti deebisu hin jiru jedheera.

Waajirichi kana booda adabbiiwwan du'aa biroon dabaree qabatuu jedheera.