Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Indiyaa fi Chaayinaan rasaasa malee loltootni Indiyaa 20 du'an
Chaayinaafi Indiyaan erga daangaarratti walitti bu'anii booda wal-himachuutti jiru. Lola kaleessa naannawaa yeroo mara itti wal atakaran Himaaliyaatti dhalateen yoo xiqqaate loltootni Indiyaa 20 ajjeefamaniiru.
Humni waraanaa Indiyaa walitti bu'iinsa kanaan gama lamaaniinuu miidhamni qaqqabuu ibsus, Chaayinaan waayee miidhama loltootaa waan dubbatte hin qabdu.
Lolli biyyoota lamaanii Kibxataa kun dhukaasa meeshaa waraanaa malee dhagaa fi ulee fiixee furdatuun ta'uun beekameera.
Humni waraanaa Indiyaa loltootni isaa 20 ta'an du'uufi hedduun isaaniis miidhamuu beeksiseera.
Loltootni miidhaman kun teempireechara naannoo Himaliyaa zeeroodhaan gadi jiruun ittuu darararamaa jiraachuus ibsi baasan eereera.
Lolli naannoo Laadaakh jedhamutti gaggeefamee fi lubbuu walgalaafachiise kun seenaa biyyoota lameenii waggaa 45 keessatti kan jalqabaati.
Indiyaan, Chaayinaan haala naannoo daangaa jiru mariikoo malee jijjiiruuf yaalaa jirtii jechuun komatti. Chaayinaan ammoo Indiyaan loltoota koo na jalaa miite jetti.
Lola kanaan booda qondaaltotni waraanaa biyyoota lameenii muddama kana tasgabbeessuuf mariyataniiru.
Lola biyyoota lamaan kanaa dhukaasa irraa bilisa ta'een Indiyaan jalqaba loltootni ishee sadii ajjeefamuu gabaafte achiis reebicha dhagaafi ulee fiixee furdatuun loltootni dabalataa 17 akkaan miidhamanii du'uu beeksifte.
Biyyootni lameen naannoo daangaatti wal atakaraa turaniis, waggoota kudhan hedduuf rasaasa walitti dhukaasanii hin beekan.
Humni Waraanaa Indiyaa walitti bu'iinsa kaleessaa kanaaniis meeshaan waraanaa akka hin dhukaafamne mirkaneesseera.
Meeshaa waraanaa malee akkamiin loltootni hanga kanaa akka ajjeefaman ifa ta'uu baatus, miidiyaleen biyya Indiyaa garuu loltootni biyyattii akka malee reebamanii du'an jedhaniiru.
Dubbii himaan Ministeera Dhimmoota Alaa Indiyaa Anuraag Istirivastaavaa yaalii Chaayinaan haala naannichaa qofaa isheetti jijjiiruuf gootetu kana fidee jedhan.
Chaayinaan gama isheen loltoota ishee miidhaman ilaalchisee waahuu kan hin jenne yoo ta'u, loltootni Indiyaa dangaa ce'uun loltoota ishee miidhuun lola kanaaf sababa ta'uu beeksifteetti.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii biyyootni lameen of eeggannoo guddaa akka godhan gaafateera.
Garagaaraa dubbii himaan dhaabbatichaa Erii Kaneekoo biyyootni lamaan muddama kana tasgabbeessuuf wal haasa'uun waan gaariidhas jedhaniiru.
US gama isheen dhimmicha hordofaa akka jirtuufi rakkoon jiru nagaan furamuu qaba ejjennoo jedhu qabaachuu beeksifteetti.
Biyyootni lamaaan hanga ammaatti yeroo tokko qofa kan wal waraanan yo ta'u kanaaniis Indiyaan akka hamaatti injifatamte.
Indiyaa fi Chaayinaan naannoo gaarreen Himaaliyaafi Kaashmiir to'achuuf fedha qaban irraa kan ka'e yeroo hedduu naannichattu muddamni hin dhibamau.