Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saayinsii fi Teknooloojii: Saayintistoonni teleskooppii haaraa fayyadamuun 'kaartaa hawaa haaraa' qopheessan
Saayintistoonni Awustiraaliyaa teeleskooppii foyya’aafi haaraa gammoojji keessa jiru fayyadamuun gaalaaksiiwwan haaraa miiliyoona argachuusaanii dubbatan.
Dhaabbati saayinsii biyyaalessa CSIRO, teleskooppin haaraa kun yeroo gabaabaa keessatti odeeffannoowwan hedduun ''kaartaan hawaa haaraa akka uumamu,'' taasiseera jedha.
Hanga ammaatti galaksiiwwan miiliyoona sadii kaartaatti kan dabale yoo ta’u, suuraaleen argamaniis kan isa durii irra dachaa lama qulqullina kan qabu ta’uu qorannichi ni ibsa.
Ogeessonni qorannoo hawaa (astiroonoomii) suuraleen kun waa’ee hawaa irratti argannoo haaraatti nu geessa abdii jedhu qabu.
Dhaabbati CSIRO akka jedhutti kaartaa kana qopheessuuf sa’aatii 300 kan itti fudhate yoo ta’u, kana dura qorannoon hawaa akka kanaa waggoota fudhata ture.
Argannoon qorannoo kana uummataaf ifa waan ta’eef, saayintistoonni addunyaa irra jiran marti ''akkamiin urjiin uumame kan jedhu hanga galaaksiwwaan akkamiin guddatu kan jedhu,'' qorachuu danda’u jedha qorannoo kana kan durse Dr Deevid Makoneel.
''Gara fuulduraatti gaalaaksiiwwan haaraa miiliyoonaan ni arganna jennee yaadna,'' jedha.
Argannoon qorannoo kanaa jalqaba kan maxxanfame, Maxxansa Hawaasa Qorannoo Hawaa Awustiraaliyaa irrattidha.
Teleskooppiin haaraa kun maali?
Teleskooppin Askap jedhamu kun anteenaa diishii 36 waliin ta’uun suuraa samii kaasuuf hojjatan kan of keessatti qabatudha.
Teleskooppin kun kan argamu Lixa Awustraaliyatti yoo ta’u Buufata qorannoo CSIRO Murchison keessatti lafa km6 bal’atu irra jira.
Argannoowwan diishota xixiqqoo irraa argatu walitti qabuun, teleskooppin kun suuraa qulqullina qaban kan kaasu, gatii diishii guddaa irratti ba’u keessa xiqqoo qofa baasisuuni jedha CSIRO.
Hanga ammaatti maal argate?
Teleskooppiin Askap bara kana qorannoo samii hunda gochuun, samii mul’atu %83 qorachuun walummatti gaalaksiiwwan miiliyoona sadii argateera.
Kaartaan kun suuralee qulqullina guddaa qaban 903 irraa uumame.
Qorannoowwan kanaa dura suuraa samii xumurame baasuuf suuraalee kumaatamaan lakkaa’aman fayyadamu.