Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
New Shepard: Rokkeetiin Jeff Bezoos teknooloojii Addeessarra qubachuu dandeessisu yaalte
Rokkeetiin hundeessaa kampaanii Amaazoon, Jef Beezoosiin hojjetamte bara 2024tti namoota addeessarra deebistee qubachiisuuf yaalii teknooloojii goote.
Rokeetiin New Shepard kun, kaampaanii Blue Origin jedhamuun kan midhaaffamte oggaa tahu, hawaarraa deebiyuun ofumaan qubachuu dandeessi.
Rokkeetiin kun sensaroota, kompiyutaraafi softiweerii meeshaan kun pilaaneetota biroorra sirnaan qubachuu waan dandeessisu baattee turte.
Nasa’n gara Addeessa yookaan Ji’atti erguun dura, as lafarratti akkamiin akka dalagdu baruu fedha.
Yaaliin Kibxataa kun rokkeetii New Shepard kanaaf yeroo torbaffaa yogguu tahu, karoorri itti dizaayin godhameef ammo turistoota hawaa imaloota gaggabaaboo "sub-orbital" jedhamaniin deddeebisuuf.
Imaltoota yookaan turistoota beessee baasanii deemanii dandayan, rokkeetiin kun lafarraa olfageenya km 100 fudhattee ol bahuun, harkisa lafaa adda tahe ‘microgravity’ jedhamu akka argan godha.
Jarri kunis kaapsulii yookaan konkolaataa hawaa rokkeetii New Shepard waliin walitti maxxanuun gara hawaa imalu.
Akka kaampaanichi jedhutti, kaapsuliin kun foddaa guddicha seenaa keessatti gara hawaatti ergamu qaba.
Erga hawaa gahe booda, kaapsuliin nama baatuufi rokkeetii (booster) gargar bahuun, lamaanuu gara lafaatti deebiyuu ykn kufuu eegalu.
Yaalii guyyaa Kibxataa (NS-13 jedhameen), kaapsuliin saffisa barbaadamuun gara lafaatti wayita deebiyu, rookeetichis akkuma barbaadamuun irraan gadee (vertical) qubateera.
"Balaliin har’aa kan nama si’eessudha. New Shepard fayyadamnee Addeessarra qubachuu akkeessuun keenya, sagantaan Artemis waan Ameerikaaf fidee dhufuuf agarsiistuudha,’’ jedhan Gaggeessaa Olaanaan Blue Origin, Bob Ismiiz.
Rokkeetiin kunis dhaabbata Nasa’f waa baatee ture – kunis Splice (Safe and Precise Landing - Integrated Capabilities Evolution).
Teknooloojiin kun sensaroota lama qaba – kompiyutaraa fi algorizimoota ammayyaawoo tahan.
Sirni sensaroota Splice isaan jalqabaa kan hojjetaman dhaabbata qorannoo Draper jedhamuuni.
Jarri kun sirnicha kan midhaassan sirna imalaaf tolu "terrain relative navigation" jedhamu akka qabaatu gochuuni. Kanaanis kaameraawwan kaapsuliirraa teessuma lafaa jiru kallattiin ilaaluun, maappiiwwan amma dura irratti fe’ame wajjin walbira qabee ilaaluun, kaapsulichi eessa akka jiru murteessa.
Sababni isaas Nasa’n maappii yookaan danaa haala teessuma lafaa Addeessaa hagas mara qulqullina hinqabne 1960moota keessa kaafame qaba waan tureef, Nil Armistiroong fi Baz Aldiriin gaafa Appooloo 11 dhagaa waliin walitti bu’anii oolan.
Ejensiin hawaa kun taateewwan akkasii gara fuuladuraatti akka hin uumamne hambisuuf, sirni haaraa seensarootaa kun faayidaa guddaa akka qabu abdateera.