Koronaavaayirasii: Gareen Buufata Hawaa Idil-addunyaa dachee weeraramteetti deebi’an

Gareen yookiin miseensonni Buufata Hawaa Idil – addunyaa (ISS) dachee waggaa dura dhiisanii deemaniitti osoo hin taane kan waan biraa itti dagaageetti gaafa Jimaataa ganama deebi’an.

Kunneenif garuu adda of baasuun haaraa miti.

Lammiin Ruusiyaa Oleg Iskiraaypochkaa fi lammiin US Jeesikaa Meeyir dachee kana dhiisanii gara hawaa kan imalan Fulbaana darbe ture.

Kunis, osoo Covid-19 addunyaa hin weerariin dura jechuudha.

Lammiin Ameerikaa biraa Andiriiw Morgaan immoo erga Adoolessa bara 2019 eegalee hawaarra ture.

Weerarri koronaavaayirasii akkaataa kanneen hawaati dhufan dur ittin simataman jijjiireera.

‘’Dachee irratti wanti akkanaa uumamee argun waan keessummaadha,’’ jetteetti tibbana karaa viidiyoo dhaan kan dubbatte Jeesikaan.

‘’Asiitii, dacheen akkuma durii hawwattuudha. Garuu, erga nuti achiitii baane as wanta jijjiirame amanuun nama rakkisa.’’

Namoonni sadeen kuni gaafa Jimaataa akka Itoophiyaatti ganama sa’aatii 1:00tti lafa qubatu jedhamee eegama.

Kunis, Iskiraaypochkaafi Meeyir guyyoota 205 booda, Morgaan immoo guyyoota 272 booda ni ta’a jechuudha.

Akkamin simatamu?

Akka duriitti taanaan bakka wayii biyya Kaazaakistaan qubataniiti ergasii gareen isaan barbaacha bahu buufata xiyyaaraa dhihootti fidee ergasii biyya ofiitti balali’u.

Amma garuu Kaazaakistaan labsii yeroo muddamaa waan labsiteef buufataaleen xiyyaaraa cufaadha.

Kanaaf, kanneen isaan simatan yeroo ammaa adda of baasanii jiru. Kanneen hawaatii qubatan fiduu dura qoratamuu qabu. Kunis, keessummoonni akka koronaavaayirasiin hin hubamneefi.

Gareen lammiilee Ruusiyaa lamaafi Ameerikaa tokko Ebla bultii 9 gara hawaatti imalanis of eeggannoo guddaa godhaniiru.

Osoo hin balali’in dura ji’a tokkoofi walakkaaf adda of baasanii turani. Kunis, vaayirasicha gara hawaa akka hin geessineefi.

Bakki gara hawaa deemuuf irraa ol furguggifamaniifi Baayikonur jedhamee waamamu Kaazaakistaan keessatti argama.

Lafni kuni liiziidhaan Ruusiyaatu Kaazaakistaanirraa kireeffate. Bakki kuni ammallee dalagaa jira. Kanneen hawaarraa dhufanis achitti qubatan.

Lammiileen Ruusiyaa kallattiin xiyyaaraan biyya ofiitti qajeelu. Kan Ameerikaa garuu Kibba Baha Kiyiziyilordaatti sa’aatii sadii konkolaataan imalan.

Achiitii xiyyaarri Nasa’n gara Ameerikaatti isaan geessa.

Yeroo deebi’an maal godhu?

Gareen astironotaafi kosmonaatotaa erga hawaa irraa deebi’anii booda torban muraasaaf deeggarsi ni taasifamaaf.

Bakkee harkisa dachee zeeroo qabutti yeroo dheeraa turan waan ta’ef qaamni isaanii akkuma durii lafarra jiraachuuf akka haaraatti madaquu qaba.

Yeroo kanatti garuu koronaavaayirasiin akka hin qabamne doktoroonni isaan gargaaru.

‘’Yeroo turtii dheeraa boodaa maatiif hiriyyaa nagaa fuudhanii hammachuu dhabun baay’ee ni ulfaata,’’ jette Meeyir.

Meeyir bara darbe Kiristiinaa Kooch waliin ta’un dubartoota jalqabaa hawaarratti tarkaanfatte ta’un seenaa dalagde.

‘’Hawaa caalaa dacheerratti qophummaan natti dhagaham. Asitti hojiidhaan ko’oomna, qofaa ta’u keeyyuu hin yaadattu,’’ jechuun himte Meeyir.

Buufanni Hawaa Idil-addunyaa erga bara 1998 eegalee lafa naanna’aa jirti.

Yunaayitid Isteet, Raashiyaa, Jaappaan, Kaanaadaafi Eejansiin Hawaa Awurooppaa qooda keessaa qabu.