Astiranootonni US imala seena-qabeessa gara hawaatti eegalan

Dhaabbati dhuunfaa Spacex astiroonaatota Nasa lama gara hawaatti ergeera.

Imalli kun erga rokkeetonni hojii dhaabbanni waggaa sagal booda imala yeroo jalqabaaf gartuun Ameerikaa biyya US irraa imala gara hawaatti taasisedha.

Daag Hurliifi Boob Behenken ogeessota qorannoo hawaa ykn astiroonaatota imala kana gaggeessanidha.

Imalli kun mala daldalaa haaraa Nasaaf kan uumudha.

Dhaabbati qorannoo hawaa Nasa rokkeettota fayyadamu waan hin qabneef tajaajila geejjibaa dhaabbata SpaceX irraa bita.

Dhaabbatti geejjiba qilleensaa Booyingis Nasa waliin kontiraata qabatee jira.

Hundeessaafi hogganaan SpaceX, Iloon Mask meeshaan isaa gara hawaatti imalu yeroo argu miirri cimaa akka itti dhaga’ame hima.

Imala kana daawwachuuf Pireezdaant Doonaald Tiraamp Filooridaatti argamaniiru.

Rookkeetin 'Falcon-9’ jedhamu Haarliifi Dehenkeniin qabate Sanbata sa’aatii galgala 19:22tti dacheerraa ka’e.

Harliifi Behenken Buufata hawaa idil addunyaa [ISS] Dilbata ga’u jedhame eegama.

Saayintistonni kun yeroo hangamiif ISS akka turan beekamuu baatus, ji’a tokko hanga afurii ta’uu danda’a jedhame yaadama.

Yeroo gara lafaatti deebi’anitti Atlaantikirraa nagaan qubatu jedhamee kan yaadamu yoo ta’u, hariiroon Nasa fi SpaceX gidduu jiru guutummaan itti fufa jedhame eegama.

Dhaabbatti kun gartuu astiroonaatoota jaha biroo gara ISStti erguuf Nasa waliin kontiraata doolara biiliyoona 2.6 qabatee jira.

Imalli kun kan taasifame yeroo weerarri koronaavaayirasii biyyattitti tatamsa’aa jiruttidha.

Naannoo Kennedy Complex’tti namootni akka walitti hin qabamneef kan gorsaman yoo ta’u, Nasa’nis wiirtuu hawaa kanatti imala kana dawwaachuuf keessummoota affeere xiqqeesseera.

Astiroonatoonni immoo imala eegaluu dura adda ofbaasanii turan. Dabalataan ammoo imala kana torban dursee Nasa’n lakkoofsa namoota astiroonatoota kanaa waliin hariiroo qabaachuun danda’an hir’isuun, warri hariiroo qaban ammoo ofeeggannoo akka taasisan godheera.