Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Osiris-Rex’: Xiyyaarri NASA Asterooyidiirra turte rakkoo ishee mudateen gara lafaatti deebi’uuf
Xiyyaarri NASA Asterooyidiirra turte rakkoo ishee mudateen gara lafaatti deebi'uuf jirti jedhame.
Anga’oonni maashina ‘Osiris-Rex probe’ jedhamtu kana hogganan akka jedhanitti, dhagaan balbala koonteeyinara achirra jiruu banee waan tureef yaadda’uu ibsanii, xiyyaarittiin jalqaba torbee kanaarra ‘Benuu’ gubbaa qubattee turte jedhan.
Kana jechuunis saamudni dhagaa sassaabamee xiyyaarittii keessaa harca’aa ture jechuudha.
Akka eejansiin hawaa kun jedhutti, koonteenarichi milkaa’inaan saamsamee xiyyaarittiin gara lafaa akka dhuftuuf qophiin dhumeera.
‘‘Har’a asitti kan argamne hojiin suphaa kun milkiin xumuramuu isinitti himuufi.’’ Jedhani hogganaan piroojektichaa Riich Barnis.
Saamudni sassaabame yaaliin kan irratti taasifamu erga xiyyaarittiin imala dheeraa gara lafaatti taasiftu xumurteen boodadha, Fulbaana 2023 yoo lafa qubattu jechuudha.
Osiris-Rex sekondii muraasaaf Bennu (qaama dhagaa xiqqoo) meetira 500 bal’atuufi lafarraa kiiloomeetira 320 ta’u fagaatee jirurra qubattee turte.
Xiyyaarittiin saamuda caccabaa dhagaa giraama 400 ta’u funaantee kan turte yoo ta’u, balbala baname sanaan caccabaan dhagaa harca’aa ture.
Balbala kana cufuuf hojii rakkisaa guyyaa lama fudhatetu hojjatame. Xiyyaarri kun hedduu fagaattee waan jirtuuf odeeffannoon achii lafa ga’uuf daqiiqaa 18 fudhata.
‘Solar System’ akkamiin waggoota biiliyoon 4.5 dura akka eegale baruuf nigargaara jechuun saayintistoonni abdatu.
Xiyyaarri kun 2016’tti garasitti kan imalte yoo tau, Bitootessa dhufu gara lafaatti imaluu eegalti.