Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bishaan Addeessarratti argame dhala namaa achirra jiraachisuuf ooluu danda’a
- Barreessaa, Viktooriyaa Giil
- Gahee, Gaazexeessituu Saayinsii, BBC News
Guyyootii dura "waa'ee Baatii argannoo haaraa" argachuu isaa kan hime dhaabbatti qorannoo hawaa US Baatii[ addeessa] irraa bishaan jiraachuu isaaf ragaa mirkana'aa argamuu isaa beeksise.
"Moleekiyuuliin bishaanii argamuun isaa kun" abdii Nasa'n baatii irratti buufata ijaaruuf qabu ni dabala.
Karoorri isaanii madda bishaanii Ji'a yookaa Addeessarra jiru wiirtuu sanaaf fayyadamuudha.
Argannoon kun maxxansa Nature Astronomy keessatti akka maxxansa lamaatti ba'eera.
Kanaan dura bishaan bakki Baatichi guutummaan gaadiddessee jiru irratti argamee ture. Garuu, bakki kuni bakka gutummaan ifa aduu qabu irratti argame.
Haasaa karaa interneetaan taasisan irratti Wiirtuu Balalii Hawaa Godaard Nasa Meeriilaand irraa barreessituun Keesii Honibool "Hammi bishaanii kun lafa kubik meetirii Baatiichaaf liitira 0.3 kan ta'udha,'' jedhaniiru.
Nasa irraa Jaakoob Biliicher ammoo, qorattoonni ammayyuu uumama bishaan kanaa sirritti qorachuun irra jira jedhaniiru. Kun ammoo qorattoonni Baatii eegereef bishaan kana akkamiin akka fayyadamuu danda'an adda baasuuf fayyada.
Kanaan dura Baatii irraa bishaan jiraachuu mallattooleen agarsiisan jiraatanis, argannoon ammaa kun kan duraan yaadamerra hammi isaa kan baayyatudha.
"Kun madda bishaanii Baatiif filannoo dabalataa nuuf kenna," jechuun saayintistiin pilaaneta Yunivarsitii Open, Haanaa Sarjeenti BBC'tti himteetti.
"Baatii irratti wiirtuu eessatti haa ijaarru kan jedhuuf bakka bishaan jiru kan jedhu xiyyeeffannoo isa duraadha."
Dhaabbati qorannoo hawaa US kun bara 2024tti dubartii jalqabaa fi dhiiraa itti anuu gara Baatiitti erguuf jira. Kunis ammoo gara qorannoo Maarsii dhala namaan jalqaba bara 2030n keessa taasifamuuf jiruutti ce'uuf tarkaanfii guddaadha.
Kana jechuun "mala mijataa itti qorannoon hawaa gaggeessinu" guddisuudha jechuun Dr Sarjeenti ibsiteetti.
"Sana keessa tokko ammo madda bakkichaa - keessumaa bishaan fayyadamuu jechuudha," jechuun BBC'tti himte.
Saayintistoonni Baatii irratti bishaan akkamiin argatani?
Argannoon inni jalqabaa teleskooppi qilleensa keessa jiru Sofiyaa jedhamuun taasifame. Teleskooppiin qorannoo kun xiyyaara Boeing 747 addatti hojjatamee atmoosferii lafaa olitti balali'uu irra ta'uun suuraawwan Solaarii kan kaasuu dha.
Qorannoo biraan ammoo saayintistoonni bakka gaadidda'aa Baatii irratti bishaan argataniiru. Akka argannoo kanaatti "bakki Baatiirraa kiilomeetir iskuweerii 40,000 ta'u bishaan qabachuu danda'a.''
Argannoon kun hiikkaa akkamii qaba?
Dr Sajeenti kun " filannoo bakkeewwan wiirtuu keenya itti ijaaruu dandeenyu baay'isa," jetti.
Waggooti dhufan keessatti imaloonni qorannoo gara Baatiitti taasifaman jiru. Karoorri inni dheeraan garuu, Baatii irratti wiirtuu ijaaruudha.
"Kun dhiibbaa ni qabaata. Qorannoo keenya akka hojjannuuf yeroo nu keenna," jetti qorattuun Yunivarsitii Open.
"Yeroo dheeraa nuuf hin kennu sababiin isaa ijaarsa wiirtuu Baatii fi iddoo kamitti kan jedhu irratti hojjachaa jira garuu abdii dabalataa nu kenna."
"Gara Baatii deemuun keenya kan hin oolle ture. Argannoon kun garuu filannoo dabalataa kan keennuufi imalicha caalatti gammachiisa kan godhudha."
Ogeessotti akkamiin akka fayyadamnu erga barree booda diinagdee Baatii egereef bishaan akka cabbiitti gochuun gaariidha jedhu.
Boba'aa rokkeetti lafa irratti hojjatanii gara Baatiitti erguurra achuma Baatiirratti hojjechuun irraa baasii xiqqeessa.
Kanaaf saayintistoonni Baatiirraa booda yeroo gara Lafaatti deebi'uu barbaadan ykn gara iddo biraatti imaluu barbadan, bishaan sana gara annisaa meeshalee geejjibaa hawaaf fayyaduu haaydiroojinii fi oksijiiniitti geddaruu danda'u.
Achuma Baatii irratti boba'aa qopheessuun baasii imala hawaa hir'isuun gatiin wiirtuu Baatiirraa kaanis akka hin daballeef gargaara.