Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Meeshaaleen 'balfa hawaa' samiitti ol ergaman walitti bu'insarraa tasa oolan
Meeshaaleen hawaa keessaa caccaban lama fageenya dhiyoon walbira dabruun, walitti bu'uurraa ooluu, kaampaaniin kana hordofu beeksise.
Dhaabbanni LeoLabs, raadaarii fayyadamuun meeshaalee pilaaneetii marsan hordofa.
Saatalaayitiin Raashiyaa hojiin ala taheefi rokeetiin Chaayinaa gatame, walitti dhiyeenya meetira 25 marsuun walbira dabruu LeoLabs ibse.
Ardii Antaarktikaarra haftee caccabaa samii gubbaarraa gadi bu'an ilaallee hin arganne jedhu.
Ogeeyyiin biroo garuu Kosmos-2004 fi rokkeetiin ChangZheng fageenya ibsameen walbira hin dabarre, fagoodha jedhu.
Meeshaaleen kunniin waliigalatti toonii 2.5 yookaan kiloogiraama 2500 kan ulfaatan oggaa tahu, sekoondii tokkotti km 14.66 saffisuun naanna'u.
Otoo akkasiin saffisuun walitti bu'anii silaa balaa guddaa uumu - caccabaa hedduutu gara dachee gadi bu'a
Olfageenyi meeshaaleen kunniin irra jiran km1,000 ammoo, caccabaan kunniin achuma gubbaa yeroo dheeraaf akka turan taasisuun, saatalaayitoota hojjetan biroof balaa biraa uuma.
Astiroodaayinaamistiin Yunivarsiitii Teksaas Dr Moriba Jah, fageenyi meeshaaleen lamaan walbira dabranii meetira 70 tahuu bira gaheera jedhu.
Korporeeshiniin Aerospace jedhamuufi maqaa gaarii qabu bu'aa walfakkaataa argachuusaa ibseera.
Saatalaayitoonni hedduun gara hawaatti yeroo yeroon furguggifamuun, sodaan walitti bu'uu guddachaa dhufeera.
Akka namoota tokko tokkotti meeshaaleen namtolchee seentimeetira tokko caalan dachee marsan 900,000 tahantu jiru jedhu.
Kunniinis rokeetii nama baatuufi gara hawaatti ergamu, saffisa kanaan yoo itti bu'an balaa dhaqqabsiisuu danda'u sodaan jedhu jira.
Torbe dabre keessa gabaasa waggaa waggaan Ejensii Hawaa Awurooppaan baasuun, sodaa meeshaalee hawaa keessa jiranii eera.
Isaanis boba'aa fi baatiriiwwanii kanneen rokeetiiwwan duriirra jiranii dhoohuun sodaawwan jiran keessaa isa tokko jedha.
Giddugaleessaan waggoota digdamman darban keessa, waggaatti balaawwan 12 caccaba meeshaaleen qaqqabaniiru. ''Adeemsi kunis dabalaa dhufe malee, hin hir'anne,'' jedhe ejensichi.
Dhiyeenya kanas, gareen ogeeyyii onlaayinii 'International Astronautical Congress' jedhamu, meeshaalee balaafamoo pilaaneetii marsan (orbit) 50 jechuun tarreesseera.
Kanneen keessaas garri caalan, rokeetiiwwan durii Raashiyaa, kan Soviyetiin ol ergaman Zenit jedhamanidha.