Ameerikaatti siidaan sibiilaa hin beekamne gammoojjii keessatti argame gaaffii tahe

Siidaan sibiilaa tokkichi qofaa dhabbatee jiru gammoojjii Yutaah keessatti warra helikooptaraan imalaniin argame, anga’oota naannichaatti gaaffii ta’eera.

Qondaaltonni kunuunsa bineensotaa bulchiinsa kibba-baha UStti helikooptaraan hoolota lakkaa’aa osoo jiranii wanta 'hinbeekmane' kana argani.

Siidaan kun dhakaa diimaa gidduu kan dhaabate ta’uu dubbatu.

Siidaa (monolith) meetira 3.6 dheeratu kana eenyu akka achi dhaabe hin beekamu.

Paayileetni heelikoptarichaa Bereet Hachingi gaaffiif deebii KSLTV waliin gaggeessen ''waggootii hojii balali’uukoo keessatti waantootan arge keessaa kun waan dalga namatti galudha,'' jedheera.

Hachingi akka jedhetti baayolojisti hilikooptaricha keessa taa’ee hoolota gaanfa gurguddaa qaban lakkaa’aa turetu, samiirraa jalqaba siidaa kana arge jedha.

''Turi turi ofirra deebi’i naan jedhe. Animmoo ‘maalii?’ jedheen. Deebisee 'waatu duuba sana jira - deemnee ilaalla’ naan jedhe,'' jedha Hachiingi.

Hachiing siidaan kun tarii ‘artiistii haaraan’ ykn ammoo nama filmii 2001: Space Odyssey jedhamu jaallatuun dhaabame jedhee yaada.

Waajjiri Eegumsa Uummataa Yuutaah torban darbe suuraa siibilaa boca reektaangilii qabu kanaa miidiyaa irratti ifa taasisaniiru.

Gabaasi kun anga’oonni “kun qorannoo dabalataa taasisuun” barbaachisaa yoo ta’e ni murteessu jedha.

“Siidaa ykn artii kamuu eeyyama malee lafa uummataa feederaalaan hogganamuurra ijaaruun hin eeyyamamu, pilaaneeta kamirraa yoo taateyyu,'' jechuun wajjirri kun himeera.

Yaaddoo namootni ilaaluuf deemuu yaaluu jedhuun aanga’oonni bakka sirrii siidaa kanaa ifa hin goone.

Hanga ammaatti siidaa kana bakka sana dhaabuu isaaf namni itti gaafattamummaa fudhate hin jiru.

Deebii barbaacha anga’oonni Yuutaah Instaagiramii irratti ''Baruu barbaanna, wanti kun maali? Namni beeku jiraa?'' jechuun gaafatan.

Namootni hedduun siidaan kun ogeessa siidaan dhaabame jechuun tilmaamu, kaan ammoo hojii artiisti amma lubbuun hin jirree Joon Makireekan jedhamu fakkaata jedhu.

Kaan ammoo akka qoosaatti tarii waan pilaaneeta biraarra dhufedha jechuun deebii kennaniiru.