Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siidaan Mukaa Pirezedantii Ameerikaa Donaald Tiraampif biyyaa Isloovaaniyaatti dhaabame
Siidaan mukaa pirezedantii Ameerikaaa Donaald Tiraamp biyya haadha warraasaa Islovaaniyaatti dhaabameef gargaagarummaa yaada achumatti uume.
Siidaan 8m dheeratu lafa nama dhuunfaarratti kan ijaarame yoo ta'u,Tiraamp mataa iskuwerii fakkeessuuni ,maddii fi aboottifatee wayita dhaabatu fakkeesse hojjate.
Artistiin siidaa kana hojjate AFP tti akka himetti qeeqa siyaasaa warra 'populist' qeequufi jedhe.
Qarqara magaalaa haatii warraa Tiraamp Melaaniyaanin keessatti dhalatte Seveernikaattis hundee jirma mukaa gubarratti kootii cuquliisa itti uwwisaanii bobbocni harka gara samiitti ol wayita qabdu agarsiisuus hojjatame.
Jiraattoonni magaalitti muraasni giifti duree Ameerikaa hin fakkaattu, kabajaa dhorkachuuf kan hojjatame jedhani.
Siidaa haaraan Pirezedantii Ameerikaa Tiraampiif mandara 'Sela pri Kamniku' jedhamu 30km kaabaa dhiha magaala guddoo biyyatti Lubliyaanatti argamu.
'' Yeroo jalqabaatiif erga waraana addunyaa lammaffaatii 'namoonni inni ilaalcha 'populism' qabu jedhuun kanneen akka MM Biritsh Booris Joonsan, MM Hangaarii Viktor Orban fi hoogganaan biyyasaanii aangootti dhufu hime. ''Addunyaan garamitti qajeelaa jirti? '' jedha.
Siidaan Tiraamp suufiii cuquliisaa fi Karabaataa diimaa wayita uffatu agarsiisa.
Mr. Iskuleg sararri muka kanarra jiru miirri fuulasaatii ''torban tokkoo miira hiriyummaa agarsiisa , torban itti aanuu garuu nama rifaachisa'' kuni mallattoo namoota warra 'populist 'ta'aaniiti jedha.
Siidaan ijaarame kun garaagarummaa yaada uumeera.
AFP'n akka jedhutti jiraatan naannichaa tokkoo siidaa kanatti tiraaktara kan hoofe sambata duraa otoo eebbifamuuf qophiin taasifamaa jiruti.
Namoonni karaa toora intarneetii qeeqa dhiyeessaan ''siiidaan kun hin ijaaramne ,muka gatame wayii ta'uu hin oolle'' jedhan.
Pirezadantiin Ameerikaa Tiraamp namoonni gartokkeen Isloovaniyaatti ni jaalatu gartokkeen immoo ni jibbu.
Biyyii haati warraan isaa itti dhalatte erga bara 2016 filatame iddoo turistoonni daawwiif itti deddebi'an taateetti.
Daawwattoonni gara jalqabaarratti jiruun ishii maal akka fakkaatu baruu barbaadu, jiraattoonni silipparii, keekii fi Bargarii maqaa Tiraampin moggafaman daawwattootaaf dhiyeessu.
Siidaan haadha warraa Tiraamp ji'a qeeqa cimaa kaasus jiraatan tokkoo'' hojiin aartii yaada gaaridha jedhe AFP tti hime.
''Melaaniyaan goota, Ameerikaatti iddoo ol aanaa gahu dandeesseetti'' jedhu Kaatiriin namni ganna 66.