Waldhabdee hojjettuu Waayit Haawusiifi Giftii Duree taa'umsaa xiyyaara keessatti uumame hojiirraa hariisisuu geessise

Gorsituun Itti-aantuu Nageenya Biyyaalesaa Waayit Haawus Miraa Rikaardel Giiftii Duree Yunaayitid Isteet Melaaniyaa Tiraamp waliin waldhabani jennaan aangoo gad-lakkisan.

Dubbii himtuun Waayit Haawus akka jedhanitti Aadde Miraan masaraa keessaa gadhiisanis bulchiinsuma Tiraamp keessa hojjetu.

Torban kana, ''Aadde Rikaardel kabaja Waayit Haawus keessatti tajaajiluu hinqabani,'' jechuun Melaaniyaa Tiraamp dubbataniiru.

Lamman isaanii ji'a darbe imala gara Afrikaa taasifame irratti waldhabani jedhame.

Dubbii himtuun Waayit Haawus Aadde Rikaardel 'Pirezidantii bira dhaabbachuu itti fufu' jedhaniiru.

Turtii ABC waliin taasisaniin Giiiftiin Duree immoo namoota hin amanne akka qaban dubbatani ture.

Miidiyaaleen Yunaayitid Isteet torban kana akka gabaasanitti, lamman isaanii toora xiyyaara Meelaniyaa keessa ta'an irratti waldhabani.

Gaazexaan 'The Wall Street Journal' jedhamu ''oduuwwan hamaa'' Giiftii dureefi hojjettoota ishee duuba Aadde Rikaardel akka keessaa qabdu Melaaniyaan himani ture.

Minsitira Ittisaa US Jemis Maatis waliin illee akka waldhabaa turan gaazexaan kuni himeera.

Aadde Rikaardel waggoota dheeraaf mootummaa Yunaayitid Isteet keessatti hojjetaa jiru.