Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siidaan seexanaa ayyaanaaf jedhame mana mootummaa Illinois keessatti dabalame
Bakki Sagadaa Garee Seexanaa ayyaana tibba kana kabajataniif siidaa seexanaa kutaa bulchiinsa Illinois keessatti dhaabbatan.
Siidaan seexanaa isaan amma dhaabbatan kun kan kanaan dura gamoowwan mootummaa keessa US kutaa biyyaa Illinois keessatti walitti aansuun agarsiifataa turanitti aansee kan dhaabbatedha.
Siidaan abbaa miilla afurii kun muka qilleefi teessuma ibsaa gidduu kaa'amee kan mul'atu yommuu ta'u harka appilii qabatee hiixatee jirutti bofti maramee mul'ata.
Agarsiifni yeroo jalqabaa isaa kun kan ispoonsara ta'e Bakka Sagadaa Seexanaa Damee Chikaagootiin jedhameera.
Mootummaan kutaa biyyichaa akka jedhetti bakka sagadaa Seexanaa kun akkuma garee amantii warra kaanii mirga agarsiifachuu qaba.
"Heera Mootummaa Keewwata kan 'First Amendment' jedhamuun beekamu jalatti, namoonni waan isaanitti dhaga'ameefi waan yaadan ibsachuu qabu. Kunis kanumaaf beekamtii kennuudhaaf," dubbi himaan kutaa biyyaa Illinois himan.
Tarkaanfiin kun miidiyaalee hawwaasummaa irratti Ejjennoo Maatii Illinois (Illinois Family Action) tiin qeeqameera.
Bakki Sagadaa Seexanaa Maalidha?
Bara 2012 Saalem-Maasachuseeti keessatti kan hundeeffame yommuu ta'u, bakki sagada warra Seexanaa kun garee warra uumaan akka jirutti amananii hin taanetti of ibsu. Gareen amantaa kun "namoota gidduutti garaa waliif laafuufi waliif yaaduun akka jiraatu jajjabeessu," ofiin jedhu.
Gareen kun akka jedhutti fakkiiwwan seexanaa kan fayyadamuuf waldaan mana sagadaafi mootummaan akka adda ba'u beeksisuufi "miiraafi haqni akka qabatamaan jiraatu" duula taasisas, jedhu.
Ameerikaa keessatti dameewwan seera qabeessa ta'an 15 kan qabu yommuu ta'u, inni guddichi Michigaan keessatti argama.
Bakki sagadaa warra Seexanaa kun kan jalqabame nama Yunvarsiitii Harvaadirraa eebbifame Doug Mesne, akkasumallee "Lucien Greaves" fi nama biraa "Malcolm Jerry" jedhamuun beekamuun ture.
Haasawaa isaa keessatti Obbo Greaves kan jedhan erga Pirezedaanti Doonaald Tiraamp bara 2016 filatamanii gareen isaa namoota miseensummaadhaaf iyyatan "kumaatama" arganneera.
Bara kana gara jalqabaas, miseensonni bakka sagada Seexanaa siidaa bifa reettii qabu kan waaqa warra Seexanaatti fakkeeffamu Baphomet jedhamu balbala mana mootummaa Arkansaas guyyaa hiriira deggersa First Amendment agarsiifatanii turan.
Gareen kun himannaa mana murtii irratti dhaabbata Netflix fi Warner Bros himateen akka dolaara miliyoona 150 isaaf kaffaluuf ji'a darbe keessa gaafatee ture. Kunis kan ta'eef, siidaan Baphomet jedhamu kun diraamaa TV 'Chilling Adventures of Sabrina' irratti waan fayyadamaniif ture.