Covid-19: Talaalliin Covid-19 %90 ol nama irraa ittisuu danda'a jedhame argame

Talaalliin koronaavaayirasii namoota vaayirasiin akka hin qabamne irraa ittisuun isaa 90% ol milkaa’uu, yaaliin jalqabaa jalqabaa gaggeeffame mul’ise.

Kaampanoonni qoricha kana hojjatan Pfizer fi BioNTech jedhaman ‘saayiinsii fi namoomaaf guyyaa guddaadha’ jedhaniiru.

Talaallin kun namoota 43,500 irratti biyyoota jaha keessatti kan yaalame wayita ta’u, namarraan miidhaa qaqqabsiisurratti yaaddoon uume hin jiru.

Kaampanoonni talaallin kun atattamaan eeyyama argatee xumura ji’a kanaatti tajaajilaaf akka oolu gaafataniiru.

Wal’aansa sirnaan maddiitti, talaalliin tooftaa uggura sababa weerara vaayirasichaan addunyaa mudate keessaa bahuuf akka fayyadutti ilaalama.

Talaalliin hedduun yaalii gara xumuraa irratti kan argaman wayita ta’u, sadarkaa 3ffaa- firiin yaalii isaanii itti baramurra jiru.

Talaalliwwan kunneen guutummaatti yaaliitti kan hundaa’anii fi sirna madinummaa qaamaa leenjisuus of keessatti kan qabuudha.

Yaaliwwaan duraan gaggeeffaman akka agarsiisanitti, talaalliin qaamni farreen alagaa akka oomishu fi seelota-T koronaavaayirasiin akka lolan leenjisa.

Kanaaf dooziiwwan lama garaa garummaa torbanoota sadii keessatti nama tokkoof barbaachisu jedhameera.

Talaallichi biyyoota Ameerikaa, Biraazil, Arjentinaa, Afrikaa Kibbaa fi Tarkiitti kan gaggeeffame yoo ta’u, talaallichi dooziin lammaffaan erga kennamee torban tokko booda dhibicha 90% namarra ittisa.

Kaampaniin Pfizer xumura bara kanaatti dawaa talaallichaa kennamu doozii miliyoona 50 akka dhiyeessuu karoorsee fi xumura bara 2021tti immoo doozii biliyoona 1.3’n akka qaqqabsiisu amana.

Ta’us, rakkoo akkaataa dhiyeessii irratti mudatu kan rakkisaa taasisu, qorichi kun iddoo qorriinsa negatiiva 80C qabu tti kuufamuu qabaata.

Kana malees, madinummaan talaalli kanaarra argamu yeroo hagamiif akka turu gaaffiin kan kaasaa jiru yoo ta’u, namootaaf umriisaarratti hundaa’uun akkaataa bu’aa qabeessa ta’een kennamurratti kaampanoonni kunneen hin ibsine.

Hojii gaggeessaan Pfizer Dr. Albertn Bohurla, muddama karaa fayyaa addunyaarratti uumame akka akka goolabuun danda’amuf, tarkaaanfii murteessaarra qaqqabneerra jedhan.

Hundeessitoota kaampanii BioNTech kessaa tokko kan ta’an pirofesaar Ugur Sahiin ‘’firiin argame kan ‘bu’uura’ jedhan.

Amma nageenyummaa isaarratti ragaan to’attootaarra hanga argamuttii duulli talaalli kana kennuu akka hin eegalamne ibsamera.

UK’n talaallii kana doozii miliyoona 40 namoota miliyoona 20 talaaluuf fayyadu ajajjeetti.

Ogeessi yuunvarsiitii Oksfoord pirofeesar Piitar Horbii jedhaman ‘’oduu kana yeroo dhagahu nan seeqe’’ jedhan.

Jijjirama qabatamaa fiduun kana danda’amu otoo talaallliin kun hin eegalamiin, adeemsa dheeraa adeemamu qabutu jira jedhan ogeessi kun.