US fi Afriikaa- Tiraamp fedhii akkamii Afriikaarraa qabu?

Bara 2017 irraa kaasanii aangoo kan harkaa qaban Pirezidaantiin US Doonaaldi Tiraampi, Afriikaarraa tasuma dhimma dhabuunsaanii nama hedduuf gaaffii ta'eera.

Imaammati isaan Afriikaa dabalatee biyyoota alaa biroo irratti qaban qeequmsai kallattii garaagaraan akka irratti ka'u godheera.

"Doonaaldi Tiraampi Afriikaarraa tuffii guddaa qaba. Garana imalee hin beeku. Yoo irra-deebiin filatames waan dhufu natti hin fakkaatu'' jedhan Afriikaa Kibbaatti barsiisaan Yuuniversitii Witwatersrand Pirofeesar Joon Stremlau.

Kan isaan dura turan lameen, Baraak Obaamaa fi Joorji W Buush wayita aangoorra turan Afriikaa daawwataniiru, Pirezidaanti Tiraampi garuu sagantaasaanii keessa galfatanii gara Afiikaa imaluuf hin dandeenye.

''Kun xiyyeeffannaasaa akka hin taane ibseera'' jedhan Pirofeesar Stremlau.

Namoonni hedduun ilaalchi Tiraampi bara bulchiinsa isaanii keessa calaqqisiisaa turan, ejjennoon US Afriikaarratti maal ta'uu akka qabu waan barbaadan kan mul'iseedha jedhu.

Waggoota muraasa as hariiroon daldalaa US fi Amfriikaa garmalee gadi bu'eera.

Dhugaan jiru garuu biyyoonni Afriikaa Sahaaraan gadii addunyaarratti guddina diinagdee saffisaa fi fooyya'aa galmeessisaa jiraachuu mul'isa.

Haata'u malee US bulchiinsa Tiraampi jalatti naannwa kanaaf xiyyeeffannaa hin kennine.

Walumaagalatti gama fayyaa, daldalaa, dippiloomaasiitiin Waashingitan duubatti jetteetti.

Hariiroon US fi Afriikaa ija shakkiin ilaalamuu eegale kun filannoo Sadaasaa boodas waan ta'u hin beekamu.

Haalli kun ammoo deemee deemee tajaajila fayyaa biyyoonni Afriikaa akkaan US irraa barbaadan addaan kutuuf deema.

'Dawaa karoora maatii argachuu hin danda'u'

Biyyoota Afriikaa murtee Waashingitanitti darbuun dhiibbaan irra ga'u keessaa Leesootoon jalqabarra jirti.

Biyyoonni Afriikaa hedduun imaammata US'n dhiibbaan irra ga'us, wanti Leesootoorra ga'u garuu biyyoota Afriikaa kaan kan bakka bu'uudha.

Biyya Leesootoo ganda Ha Mojela jedhamtu keessa manni yaalaa tokkittiin jirtu kan gargaarsa US irraa argattu amma cufamteetti.

Meeshaaleen fayyaa galaa hin jiran, dawaan karoora maatii mirkaneessuuf fayyadu hin jiru, of-eeggannoon yeroo saal-quunnamtii hafeera, kondomiin galaafii hin jiru. Dubartoonni gara deeman dhabaniiru.

Dubartiin umrii waggaa 36, Malerato Nyai akkas jette: ''Duraan ji'a ji'aan deemeen mana yaalaa kanaa qoricha da'umsa ittiin to'adhu argadha ture.

Amma manni yaalaa kun waan cufameef, barbaadee bituuf dirqameera. Kanas akka duraanii ji'aan bitachuu waanan hin dandeenyeef fedhii kiyya malee ulfaaf saaxilameera''

Ollaanshee hedduun yaada walfakkaataa qabu, ijoolleen sababa hanqina qorichaan umriisaanii malee ulfaa'uuf saaxilamaa jiraachuu himu.

Mootummaan federaalaa US dhaabbilee miti-mootummaa ulfa baasuu, gorsa kennuu fi barsiisuu irratti hojjetan irraa baajata kutuun sababoota ulfa hin barbaachisne babal'isaa jiraniidha jedhu namoonni kunneen.

Imaammati kun bara 1984 ba'e, ergasii wayita paartii rippaabilikaanotaarraa namni pirezidaantii ta'u qofa hojiitti hiikamaa ture.

Kanaaf Pirezidaanti Tiraampi bara 2017 irraa kaasanii hojiirra oolchuu eegalan.

Dhaabbilee miti-mootummaa karoora maatiirratti hojjetan irraa baajata kutuun irra-jireessaan biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii miidheera.

Naannawa kanatti dhibeen lubbuu dhala namaa galaafachuun balaafamaa ta'e AIDS'dha.

Jijjiirama imaammata daldalaa

Damee fayyaan qofa osoo hin taane, hariiroon daldalaa biyyoota Afriikaa fi US illee daran gadi bu'eera.

Carraan daldalaa US biyyoota Afriikaaf mijeessite, AGOA, jedhamu bara 2025 booda haaromuu dhiisuu danda'a sodaa jedhutu jira.

Waggaa 20 dura seera ta'ee kan ba'e waliigalteen daldalaa kun Ameerikaan biyyoota 40 keessaa akka meeshaalee daldalaa gara biyyashee galchituuf gargaara.

Dameen Indastirii Oomisha Huccuu Leesootoo saba AGOA dandamatee of danda'ee dhaabbate.

Namoonni 46,000 caalanis sababa kana carraa hojii argatan.

Waliigalteen daldalaa guddichi kun hin haaromfamu taanaan lammiileen Afriikaa kumaa-kitilli hojii malee hafu.

Pirezidaanti Tiraampi waa'ee Afriikaa dhimma dhabuu...

Biyyoonni Afriikaa hedduun, investaroota US garasaanii waamuurraa fedhii dhabaniiru, kunimmoo Indiyaa. Tarkii, Raahsiyaa fi Chaayinaaf karaa saaqeera.

Yeroo ammaa ardii Afriikaa keessatti olaantummaan invest gochaa kan jiran kubbaaniyyaawwan Chaayinaati.

Hojiiwwan investimentii kunneen irra jireessaan maallaqa Beejiingirraa kallattiin dhufuun hojjetamu, kanarraas biyyoonni Afriikaa ni fayyadamu.

Sochii investimentii Chaayinaan Afriikaa keessatti agarsiistu namoonni hedduu fayyaidaa gar-lameeti jechuun ija gaariin ilaalu, kaan ammoo Chaayinaan biyyoota Afriikaa koloneeffachuuf jechuun ija shakkiin ilaalu.

Daldala addunyaa to'achuurratti kan walqoccolaa jiran Waashingitanii fi Beejiingi, gama kanaan waraana hololaa walirratti bananii jiru.

''Ameerikaa ammas biyya jabduu ni taasisna'' dhaadannoo jedhuun Tiraampi ilaalchi ana malee jedhu addunyaarratti fe'aa jiru.

Bulchiinsi isaanii biyyoota saffisaan guddataa jiran waliin hariiroo uumuurraa qoollifateera.

Filannoon dhufu Afriikaaf maalqabatee akka dhufu garuu kan yeroon deebisu ta'a.