US: Chaayinaafi Raashiyaan Afiriika keessatti "malaammaltoota

Dhiibbaa uumuu isaanii baballifachuuf jecha shaakala Chaayinaafi Raashiyan Afiriikaa keessatti taasisaa jiran "dalgaa"fi hojii "malaammaltummaadha" jechuun US himachaa jirti.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa John Bolton akka jedhanitti biyyoonni kunneen lamaan "ta'e jedhanii humnaan" ardii Afiriikaa keessatti faayidaa dinagdee US irratti argachuudhaaf yaalii taasisu.

Tarsiimoon haarawaa bulchiinsa Tiraampis Afiriikaa waliin qabaatus dhimma daldalaafi farra shorokkeessummaa irratti kan xiyyeeffatedha jedhu Gorsaan kun.

US kanaan booda humna nagaa eegsisuu "buhaa hin buufne" fandii hin gootus jedhan.

Imaammanni haarawaa kun ol-aantummaa Chaayinaafi Raashiyaan addunyaa irratti qabaataa dhufan dura dhaabbachuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Ameerikaan akka jettutti tarsiimoon haarawaa isheen Afiriikaadhaaf qabattee kaate kun dhiibbaan Chaayinaafi Raashiyaa dabalaa kan deemu yoo ta'e sakatta'uu irratti fuulleffachuufidha.

Akka aanga'aa kanaatti, biyyoonni kunneen lamaan sochii Afiriikaa keessatti taasisan sirrii akka hin taane qeeqan. Akka aanga'aan kun jedhanitti biyyoonni lamaanuu "amala kakaatuu agarsiisaa jiru" kanans kan godhan biyyoota Afiriikaa baasii liqaa rakkisaa keessa akka galan gochuu, akka dingadeen isaanii hin guddanne quucarsuufi faayidaawwan Ameerikaa ammoo yaaddoorra buusuudha.

Ameeirkaan hojiin invastimentii, sochii waraanaafi nageenya biyya ishee dhiibbaa Chaayinaafi Raashiaan Ardii Afiriikaa keessatti qabaataa dhufaniin yaaddoo keessa galeera jetti.

Hojii akkasii kanaaf fakkeenyi tokkoffaan kan Jibuutii keessatti ta'aa jirudha. Jibuutii keessatti Chaayinaan buufata humna waraanaa kan Ameerikaa biyyuma sana keessatti argamu itti dhiyeenyatti banattee ulaa galaanaa guddaadha jedhamellee gaggeessuudhaaf karoora qabdi.

Obbo Bolton amma gargaarsi US taasiftu dorgommii kana dura dhaabbachuudha jedhan. Biyyattiinis bu'aawwan saffisaafi irra caalaa qabatamaa ta'e barbaaddi jedhu.