Seraaliyoon karoora liqii Chaayinaan buufata xiyaaraa ijaaruu haqxe

Seraaliyoon waliigaltee duraan Chaayinaa waliin liqaan pirojektii ijaarsa daandii xiyyaaraa akka ijaartuuf walii galanii turan hin barbaadu jette.

Waliigaltee pirojektii doolaara miliyoona 400 gaafatu kana ji'oota dura kan mallatteessan filannoon mo'anii kan aangoo gadi dhiisan pirezedaantii duraanii Ernestii Bahii Kormaa turan.

Yeroo waliigaltee mallatteessan sanatti Baankiin Addunyaafi Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa liqiin humnaa oliitu biyyattiitti fe'ama jechuun akeekkachiisanii turan.

Murteen Seraaliyoon fudhatte kun yeroo gabaasni liqaa biyyoonni Afirikaa Chaayinarraa fudhatan akka malee dabaluun sadarkaa yaaddessaa irra ga'eera jedhame ba'aa jiruttidha.

Ministirri Aveeshinii biyyattii Kaabineh Kaaloh BBC'tti akka himanitti Seraaliyooniif yeroo ammaa kanaa kan barbaachisu buufata xiyyaaraa haarawaa ijaaruu osoo hin taane kan duraan qabdu haaromsuudha jedhan.

Seraaliyoon buufata xiyyaaraa magaalaa gudditti biyyattii Firii Tawon jedhamtutti dhiyeenyaatti argamtu tokkicha qabdi.

Buufata xiyyaaraa sanarraa gara magaalattii seenuuf ammoo helekoobterii ykn bidiruu fayyadamuun dirqamadha.

Ministirichi BBC'tti akka himanitti karoorri aanu buufata xiyyaaraa sanarraa gara maagaalaa guddittiitti riqicha ijaaruudha.

Ambaasaaddarri Chaayinaa Seraaliyoon jiran Wii Peeng BBC'tti akka himanitti waliigalteen pirojektii ijaarsa buufata xiyyaaraa addaan cituun hariiroo biyyoota lamaanii gidduutti mufii uumu hin qabu jedhan.

Adeemsa Chaayinaa kana ogeessonni dhimma kanaa akka jedhanitti Chaayinaan ta'e jettee biyyoota Afirkaa baasii liqaa keessaa ba'uu hin dandeenye keessa galchaa jirtu jedhu.

Chaayinaan garuu kana hin fudhattu.