Itoophiyaa: Imala loltootaa gara masaraa mootummaa 'push up'n xumurame

Tibbana dirqama hojiif magaalaa Finfinnee fi naannoosheetti ramadamuun hojjechaa kan turan miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa Dr. Abiy Ahimed waliin mari'atan.

Loltoonni lakkoofsaan 240 ta'an kunneen meeshaa isaanii hidhatanii gara masaraa mootummaa akka imalaniifi meeshaa isaanii akka hiikkatanii seenan gaafatamanii seenuu isaanii poolisiin federaalaa beeksiseera.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kunneen dirqama biyyaa nuuf kenname haala gaariin bahannus jireenya dhuunfaa keenyaa gaggeessuuf garuu haalli mijataan nuuf hin uumamne jechuun komachuus miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Haalli itti loltoonni kunneen gara masaraa mootummaa imalan namoota hedduu kan rifaasiseefi sodaa keessa kan galche ture.

MM Dr. Abiy Ahimad maricha booda ibsa miidiyaaleef kennaniin gaaffiin isaanii gaaffii faayidaa akka ta'eefi marii bareeda booda milkiin goolabamuu dubbataniiru.

Haa ta'u malee dubbichi namoota hedduu hin amansiifne.

Miseensonni kunneen yeroo dirqama isaaniirraa deebi'anidha gara masaraa mootummaa deemuun gaaffi isaanii kan dhiyeessan.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kunneen kutaa waraanaa garagaraa irraa kan walitti babahan akka tahes ibsameera.

Marii kana irratti miseensonni humna addaa raayyaa ittisa biyyaa kunneen galiin keenya gadi bu'aa tahuu irraa kan ka'e jireenya keenya itti fufinsaan gaggeessuu hin dandeenye jechuu isaanii EBC'n gabaaseera.

Dabalataan miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kunneen manneen hojii isaaniis irra deebiin akka ilaalamuu qabus kaasuu isaanii gabaasera.

Dr Abiy Ahimed gaaffii miseensota raayyaa ittisa biyyaa kanneen ilaalchisee yeroo dirqama naannoo Buraayyuu irra turan uummatni deegarsa gochaafii akka ture kaasuun itti fufinsaan garuu jireenya isaanii gaggeesuu akka hin dandeenye ibsuu isaanii dubbatan.

Dr. Abiy miseensonni raayyaa ittisa biyyaa kunnen 'ana argachuu barbaadanii ture' jedhan. ''Loltuus waanan tureef natti fakkata'' jedhan Dr Abiy.

Xumurri marii kanaas ispoortii push-up MM loltoota waliin hojjetan ta'eera.