MM Dr. Abiy Ahimad: "Dhimmi hidhannoo hiikkachuu waan nu yaaddessu miti"

Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad hidhannoon barbaachisu kan yaadaa, tarsiimoofi imaammata mo'ataati jedhan dhimma hidhannoo hiikkachuu dhaabbilee mormitootaa ilaalchisuun gaaffii gaafataman yoo deebisan.

Addi Bilisummaa Oromoo hidhannoo hin hiikkadhu ejjennoo qabu qaba jedhee hin amanu, dogoggora jechootaa ta'uu mala jedhan.

"ABOs ta'e paartileen biroo waliin walitti dhiyaannee mari'anna, waliinis ni hojjenna biyya biraa hin qabnu" jedhaniiru.

Kun waan nama yaaddessuu qabu miti kan jedhan MM Dr. Abiy, muddama bifa duulaatiin miidiyaalee hawwaasummaa irratti deemu dhaabuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Hidhannoon paartileen siyaasaa morkataa jiraniif hin barbaachisu kan jedhan Dr. Abiy, dandeettii sababii qabatamaa dhiyeessuufi karaa saayinsaawwaa ta'een morkachuudha malee kan barbaachisu kilaashii miti jedhan.

" Eenyuun rukkutuuf? nuti waamicha kan taasifne wal ajjeesuun kan yeroo itti darbe jenneeti" jedhan.

"Humnaafi qabeenya yoo qabaanne isa walitti qabnee walabummaa biyyattii eegsisuudha malee wal ajjeesuun hin barbaachisu." Ammas kan ta'aa jiru haaluma sanaan waan ta'eef waanti nama yaaddessu hin jiraatu.

Paartilee gara biyyaatti deebi'an biroo ilaalhisuunis "enyuyyu kan Itoophiyaa seene kan hidhannoo hin hiikkatiin hin jiru. Paartiin morkataa hidhannoo osoo hin hiikkatiin gale hin turre, ammas hin jiru" jedhan.

Ministirri Muummichaa akka jedhanitti, Itoophiyaa keessa hidhannoon seeraan alaa hedduudha. Meeshaaleen hidhannoo seeraan ala galan magaalaas baadiyaas ni jiru waan ta'eef kana ammoo kan biyya alaatii gale ykn kan biyya jirus qabatee kan jiru ta'uu danda'a jedhan.

Kana ammoo seera baasnuun hidhannoo hiikuun barbaachisaa ta'a jedhan.

"Biyya tokko, mootummaa tokkoofi waraana tokko qabna. Kana jajjabeessuun lammilee hundaaf eyyamamadha. Karri hundumtuu lammilee hundaaf banaadha garuu karaa seera qabeessa ta'e qofaan," jedhan.

Duula tokko tokko gadi qabanii tasgabeessanii ilaaluun gaarii akka ta'e kaasanii yeroo dhiyootti waan walarginuufis walmariyannee ni furra waan ta'eef baayyee nama hin yaaddessu jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo gara biyyaatti kan gale hidhannoo hiikkateeti, ammas kan hafe hiikkachuu qaba jechuun dubbi himaa itti aanaan Itoophiyaa Obbo Kaasaahun Gofees ibsa Roobii kennaniin dubbatanii turan.

Ibsi kun hayyu dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa hidhannoo hiikkachuu irratti mootummaa waliin walii hin galle jechuu isaaniin kan kenname.

ABO wayita gara biyyaa galu loltoota isaa 1300 hidhannoo hiikkachiisee akka galeefi loltoonni kunneen wayita ammaa jiddu-gala leenjii Aardaayitaa keessatti leenjii fudhataa akka jiranis Obbo Kaasahuun himaniiru.

Loltoonni ABO kunneen wayita ammaa harka mootummaa jiru jedhan Obbo Kaasaahun.