Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: MM Abiy Ahimad ibsa gaazexeessitootaa irratti maal jedhan?
MM Abiy Ahimad erga gara aangootti dhufanii yeroo jalqabaaf gaazexeessitoota biyya keessaafi kan alaaf ibsa kennanii jiru.
Ibsa waajjira Ministira Muummeetti kenname kanarratti gaazexeessitooti 150 ol kan hirmaatan yoo ta'u, gaaffileen hedduunis gaafatamanii jiru.
Dhimmoota MM dubbatan keessaa qabxiilee muraasni kan armaan gadiiti.
Afaan Oromoo
Afaan Oromoo Afaan Amaaraatti dabalataan afaan hojii mootummaa Federaalaa haa ta'u gaaffii jedhu akka gaariittan ilaala jedhan.
Oromoon Itoophiyaan biyya kooti, Afaan koo afaan hojii biyyattii naaf haa ta'u yoo jedhu hedduu na gammachiisas jedhaniiru.
Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa Federaalaa gochuun heera mootummaa jijjiiruu barbaada, kanaafis yeroo akka barbaadu himan.
Ta'us lammiileen biyyattii afaanota lama sadii akka dubbatan, biyyattiin biyya afaan-daneessa akka taatu ni hojjenna jedhaniiru.
Kanas fakkeenya biyyoota Afriika fi addunyaa hedduu eeruun himan.
Asuma ollaatti, kan nurraa foxxoqxe Eertiraan afaan Arabaa fi afaan Tigiree afaan hojii gootee itti fayyadamti jedhaniiru.
Naannoo Somaalee
Haalli Naannoo Somaaleetti umame tokko tokko kan fiilmiin dhagaahamu malee dhugaa kan Itoophiyaatti raawwatame hanga hin fakkaanneetti balleessaan raawwatameera jedhan.
Namoonni kan beekan qofa osoo hin taane kan hin beekne akka himaniif jecha waraabeessa, leencaafi qeerransa waliin hidhamaniiru jedhu.
Qabeenyi saamame, namoonni gudeedaman, kaan ammoo ajjeefamuu himaniiru.
Tarkaanfiin mootummaan fudhate of eeggannoon osoo ta'uu dhabee, dubbichi naannoo Somaalee qofa osoo hin taane biyyoota ollaallee jeequu akka danda'uun kan qindaa'e ture jedhan.
Gochi raawwatame kan baayyee nama qaaneessuudha, tarkaanfiin wayita aangoo irra jirru fudhannu hundi kan seera hordofe yoo hin taane, guyyaa aangoorraa bu'ame kan dhagahamu, abbichaafis ta'e kan dhagahu kan sodaachisu waan ta'uuf, namoonni amma taayitaarra jiran kanarraa barachuu qabu jedhan.
Adeemsi yakkamtoonni adda baafamuun seeratti dhiyaatan jalqabameeras jedhaniiru.
Hiree pireezidantii naannichaa duraaniis seeratu harkaa qaba jedhan.
Hidhannoo hiikkachuu
Paartileen qabsoo hidhannoo irra turanii waamicha dhiyeenya kana mootummaan taasiseen gara biyyaatti deebi'an akka hidhannoo itti hiikkatan kan mijeessu komiishinii tokko dhaabnee jirra jedhan Dr. Abiy.
Hidhannoo isaanii waliin deebi'u erga ta'ee maal gocha dhufu jechuunis gaafataniiru.
Ammatti wanti qawwee nama kaasisu hin jiru, yaadaan wal morminee wal injifachuu dandeenya jedhan.
Kan walii galles paartileen siyaasaa gara biyyaatti deebi'an karaa nagaa akka qabsaa'anidha jedhaniiru.
Hidha Haaromsaa
Waggaa shan keessatti ni xumurama jedhamee kan ture Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa haala amma jiruun yoo itti fufe waggoota kudhan qofa osoo hin taane sanaa ol keessattillee xumuruun ni rakkisa jedhan.
Kunis kan ta'eef dhaabbanni hojicha hojjechuuf fudhate METEC muuxannoo hojii sana hojjechuu waan hin qabneefi jedhan.
Namoonni METEC keessa jiran, hidha haroomsa ijaaruu osoo hin taane hidha akka kanaa ijaan arganii warra hin beeknedha jechuunis dubbataniiru.
Hidhi kun yoo ijaaramee xumurame akka biyyaatti kan ittiin boonnu yoo xumuramuu dhabe ammoo kan nu yeellaasisudha jedhan.
Kanaaf hojii isaa METEC harkaa fuunee dhaabbilee muuxannoo qaban kan hojicha xumuruu danda'aniif kennina jedhan. Piroojektiiwwan warshaalee sukkaaraas akkasuma.
Duuti hogganaa piroojektichaa injinar Simmanyawu Baqqalaa waan isaan dubbataniin akka wal hin agarreefi qoratamaa akka jiru yeroo dhiyoottis uummataaf ifa akka ta'u himaniiru.
Filannoo
Yeroon filannoo akka dheeratu kan jedhu akka dhunfaatti sirriidha jedhee hin amanu jedhan.
Ani uummata Itoophiyaa kanan tajaajiluu barbaadu filannoo itti aanu irratti yoon injifadhe qofadha jedhan.
Osoo hin filatamiin tajaajiluuf jecha yeroo filannoo dheeressuuf anis ta'e dhaabni koo fedhii hin qabu jechuun deebisan.
Gara fuulduraa yaadichi kan dhufu yoo ta'e, mari'annee uummata beeksifna jedhan.
Kaayyoon mootummaas ta'e kan dhaaba isaanii yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti filannoon haqa qabeessa akka jiraatu mirkaneessuudha jedhan.
ADWUI'n filannoon yoo injifatame mataa osoo hin mariin aangoo gadi dhiisuun dhaaba diimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessuu qabas jedhaniiru.
Waa'ee 'TPLF'
Dhaabni naannoo Tigiraay bulchaa jiru Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay TPLF, jijjiirama amma deemaa jiru akka mormutti fudhachuun sirrii miti jedhan Dr. Abiy.
Paartilee afran miseensa ADWUI keessaa tokko guutummaatti jijjiirama fudhateera, tokko ammoo guutummaatti hin fudhanne jechuun hin danda'amu jedhan.
Paartilee hunda keessa namooti dhunfaa jijjiirama deeggaran akka jiran kan mormanis jiru, kan TPLF sanarraa adda miti jedhan.
Tarii namoonni soorama bahanifi kanneen aangoo irraa kaafaman yaada qaban irraa kan ka'e jijjiirama kana hin deeggaran ta'uu mala, uummanni Tigiraay fi TPLF garuu jijjiirama kana ni deeggaru jedhan.
Yakkamtoota seeratti dhiyeessuu
Namoota kutaalee biyyattii gara garaa keessatti yakka hojjetan to'atanii seeratti dhiyeessuuf hojiin jalqabameera jedhan.
Kanaan dura shakkamtoota hedduu qabanii hojii qulqulleessuutu hojjetama ture, amma garuu hanga danda'ame dursa qorannee seeratti dhiyeessuuf yaalaa waan jirruuf yeroo fudhatee jira jedhaniiru.
Yeroo fudhata malee, yakka dalaganii dhokachuun hin danda'amu jedhaniiru.
Dhaabbilee hojii kana hojjetan gahoomsuunis hojii dabalataan hojjetamaa jiru ta'uu dubbataniiru.
MM Abiy Ahimad dhimmoota hedduu irratti yaada kan kennan wayita ta'u gaaffilee gaafatamanii osoo deebii hin kenniin hafanis jiru.
Sirna bulchiinsa biyyattii gara pireezidaantummaatti jijjiiruuf yaada qabduu kan jedhu akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda'ama