Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidha Haaromsaa: Maatiin Injiinar Simmanyaw Baqqalaa poolisii komatan
Hogganaan pirojektii Hidhaa Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Injinar Simmanyaw Baqqalaa erga Addabaabaayii Masqalaa konkolaataa isaanii keessatti lubbuun isaanii darbee torban lama ta'eera.
Torban lamaan kana keessatti saffisni qorannoo taasifamaa jiru harkifachuusaatiin akka mufatan maatiin dubbata.
"Dhimma isaanii mana murtiitti dhiyeessuuf poolisiin saffisa barbaannuun nuuf deemaa hin jiru," jechuudhaan obboleessa quxisuu haadha warraa Injinar Simmanyaw Aadde Imuun Geetaahun kan ta'e Akaaluu Geetaahun dubbateera.
''Poolisoota waliin yeroo baay'ee walargina garu hanga ammaatti waanta ifa ta'e nutti hin himne, ragaa hospitaalarraa isaaniif kennamellee ifatti waan nutti himan hin jiru," jedha.
Kanaanis maatiin muffii guddaa qabaachuu dubbata.
Duuti Injinarichaa namoota hedduu biratti naasuu guddaa uumaa ture.
Bu'aan qorannoo lafarraa harkifachuun poolisii haa komatan malee, deeggarsi gama mootummaan taasifamaafi jiraachuu Geetaahun himeera.
Sirna awwaalchaa dabalatee baasiiwwan garagaraaf motummaan maallaqaan akka isaan deeggaraa jiru himeera.
"Ilmi Injinar Simmanyaw kan hangafaa qormaata kutaa 12ffaa fudhatee akka Yuunvarsiitii Finfinneetti ramadamuuf nu gargaaraa jiru," jedheera.
Haati warraa injinar Simmanyaw, aadde Imuun Geetaahun barumsaaf biyya alaa akka turaniifi "waan hunda itti dhiistee dhufuuf turte, dhufuun isheellee hin hafu," jedheera.
Haati haadha warraa injinar Simmanyawu aadde Manbere Makonnin warreen yeroo gadda nu jajjabeessan ni galateeffanna jedhan.
Injinar Simmanyaw haadha warraa isaanii waliin "wal hiikaniiru jedhamee kan odeeffamu dogoggoradha. Oduun akka kanaa nu yaaddessaa jira," jechuunis himaniiru.
"Haadha warraafi abbaa warraa jaalalaan waliin jiraatan turani," jedhu.
Haati warraa injinarichaa erga duuti isaanii dhagaa'amee booda biyyatti deebi'uu dhabuun isaanii hamiif isaan saaxilee jira.
Injinar Simmanyaw Baqqalaa lubbuun isaani kan darbe rasaasaan rukutamee akka ta'e Komishinariin Poolisii Federaalaa Jeneraal Zayinuu Jamaal ibsanii turan.
Ibsa gadi-fageenyaa akkaataa ittiin du'e ilaalchisees qorannoon gaggeeffamaa jira jechuun isaaniis ni yaadatama.
Injinar Simanyaw osoo lubbuun isaa hin darbiin guyyaa tokkoon dura gaaffii BBC Afaan Amaaraa haala Hidhi Haaromsaa itti jiru isaan gaafateen ijaarsi pirojektichaa sadarkaa gaarirra akka jiru himanii turan.