Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaan hidha Abbayyaa Injinar Simmanyaw Baqqala eenyu turan?
Obbo Simmanyaw Baqqala (Injinar) Gondar naannoo Maaksanyit jedhamtutti ALI bara 1957 dhalatan.
Dhuma 1970 fi jalqaba 1980 keessa Giddugala Leenjii Korporeeshinii Humna Ibsaa Itoophiyaa duraaniitti barnoota eegalan. Qabxii olaanaa galmeessisuunis achumatti barsiisummaan itti fufan.
Yeroo muraasaaf barsiisaa erga turanii booda, waldhabdee uumameen gadhiisanii bahaniiru. Boodas gosa barnootaa Siviil Injinariing barachuun irradeebiin hojii eegalan.
Achiis hojii gaggeessaa ittaanaa Piroojektii Gibee 1ffaa akkasumas hojii gaggeessaa Piroojektii Gibee 2 tahun tajaajilaniiru.
Simmanyaw Baqqala (Injinar) bara 2007'tti Badhaasa 'Baggoo Saw' jedhamurratti, damee itti gaafatamummaa mootummaa gahumsaan bahachuu jedhuun kaadhimamanii turan.
Hanga du'aan boqotanitti bara ALI 2003 eegale hogganaa pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa tahuun tajaajilaa turan.
Hidha Haaromsa Itoophiyaa
Ijaarsi isaa yeroo xumuramu hidha Afrikaa keessatti guddaa taha jedhame kan yaadame ture Hidhi Abbayyaa dheerina 1,800m fi bal'inni isaa metir kiyubii 74,000 dha. Ijaarsi isaa yeroo xumuramu waggaatti meggaa waatti 6,00o ol ni akka maddisiisu yaadameera.
Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Bitootessa 2011 kan eegale ijaarsi isaa qarshii biiliyoona 80'n baasii itti taha kan jedhame. Lammiileen biyyattii gama hedduun ijaarsa kanaaf qarshii walitti buusaniiru.
Turtii waggaa shan booda ijaarsi isaa ni xumurama jedhamus hin xumuramne. Odeeffannoowwan akka agarsiisaniitti, ijaarsi isaa dhibbantaa 60 irra gaheera.
Yeroon hidhi suni humna maddisiisuu eegalu baramu baatus hangi tarbaayinii hidha Abbayyaa yeroo gabaabaa keessatti humna maddisiisuu akka danda'u ibsame ture.
Ijaarsi hidha kanaa biyyoota suluula Abbayyaa keessa jiran, Itoophiyaa, Gibxii fi Sudaan gidduutti waligalteen akka dhibamu taasise ture.
Mariin itti fayyadama laga Abbayyaa irratti taasifama tures waggoota torban darban takka adda citaa takkammoo itti-fufee gaggeeffamaa ture.
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad erga aangootti dhufani biyyoota daawwatan keessaa kunneen turani.