Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Imaammatoonni Tiraampiifi Baayidan maalfaadha?
Lammiileen US guyyaa filannoo nama isaaniif ta'u Doonaaldi Tiraampi fi Joo Baayidan keessaa kam akka ta'e sirriitti adda baafatu. Guyyaan filannoo ga'uuf torban lamatu hafa, haga ammaatti lammiileen Ameerikaa miiliyoona 20 caalan sagaleekennaniiru.
Qondaaltonni lameen ejjennoonsaanii maal akka ta'ee fi dhimmoota saddeet armaan gadiirratti imaammata akkamii akka qaban walbira qabnee dhiyeessineerra.
Koronaavaayirasii
Pirezidaanti Tiraampi garee addaa dhimma duula farra koronaavaayirasii irratti hojjetu dhuma Amajjii darbee keessaa hundeessuu himu, Amma nageenya uummataa fi uggura kaasuurratti xiyyeeffachuu ibsaa jiru.
Maallaqa doolaara biiliyoona 10 ramaduun wal'aansa dhibee Covid-19 irratti xiyyeeffatanii akka hojjetaa jiranis himu.
Joo Baayidan nama vaayirasichaan qabamee fi hin qabamne adda baasuuf mala dandeessisu akka biyyatti diriirsuu fedhu.
Qondaalli kun giddu gala qorannoo 10 tokkoon tokkoon kutaalee biyyaa US keessatti hundeessuu fi tajaajila qoratamuu bilisaan kennuuf karoora qabu.
Akka biyyaatti maaskiin yookiin haguugduun funyaanii fi afaanii dirqama ta'uu qaba jedhu.
Of-eeggannoowwan godhamuu qaban irratti rincicuun Tiraampi namoota 250,000 galaafateera jedhanii amanu.
Haala qilleensaa
Pirezidaanti Tiraampi jijjiirama qilleensaa wanti jedhu hin jiru, dhara jedhu. Maddeen anniisaa hin haaromfamne babal'isuu fedhu.Boba'aa fi gaazii baasuuf karoora qabu, haala kanaan eegumsa hojii eegumsa naannoo dura dhaabbatu.
Walii galtee jijjiirama qilleensaa Paaris keessaa ba'uuf fedhii guddaa akka qaban ibsaniiru, US bara kana gara xumuraa seeraa keessaa baati.
Joo Baayidan yoon filatame hatattamaan walii galtee kanatti deebina jedhan. Hanga bara 2050tti US aara gubataa qilleensatti gadi lakkistu zeerootti gadi buusti jedhu, karoora boba'aa fi gaazii baasuu haquuf deemu, anniisaa madda haaromu irraa misoomsuuf ammoo doolaara tiriiliyoona lama nan ramada jedhan.
Diinagdee
Pirezidaanti Tiraampi ji'oota 10 keessatti carraa hojii miiliyoona 10 nan uuma, hojii biizinasii miiliyoona tokko banuun carraa nan diriirsa jedhu.Gibira kubbaaniyyaawwan gurguddoo irraa hir'isuun akka bilisa ta'anii carraa hojii bal'aa uuman nan godha jedhu.
Joo Baayidan kanneen galii guddaa argatan gibira guddaa kaffaluun hawaasi invastimentiirraa tajaajila ga'aa akka argatu gochuu fedhu.
Daballiin gibiraa kun namoota galiin isaanii doolaaraa 400,000 caalu qofa ilaallata jedhan.
Galiin guyyaan lammiileen argatan inni xiqqaan sa'atiitti kan amma jiru doolaara 7.25 irraa gara 15 akka guddatu nan hojjedha jedhu.
Fayyaa
Pirezidaanti Tiraampi imaammata fayyaa Obaamaa gonkumaa hin fedhan. Balleessuu barbaadu. Akkaataa labsii 'Affordable Care Act' jedhamuun mootummaan federaalaa dhaabbilee fayyaa tajaajila kennan ni to'ata. Dhaabbileen tajaajila fayyaa kennan namni rakkoo fayyaa qabu yoo tajaajila gaafate diduu hin danda'an akka labsii kanaatti.
Tiraampi garuu waan 'Obama Care' jedhamu kana cicciree gateen kan biraatiin bakka buusa jechuun dhaadatu.
Gatiin qorichaa kan amma jirurraa akka hir'atu nan godha, biyyoota biroorraa dawaan gatii rakasaan akka biyya seenu nan iyyamas jedhan.
Joo Baayida imaammata fayyaa Obaamaa 'Obama Care' ittan fufsiisa jedhu. Namoonni umriin jaaran carrraa ittiin tajaajila wal'aansa fayyaa argatan nan mijeessa jedhan.
Lammiileen Ameerikaa hundi tajaajila fayyaa hawaa argachuuf galmaa'uu akka danda'an haala nan mijeessa jedhu.
Imaammata alaa
Pirezidaanti Tiraampi loltootasaanii biyya alaa jiran lakkoofsa hir'isuufi biyyasaaniif akka tajaajilan gochuu fedhu. Taarifa olaanaa daldala Chaayinaarratti nan fe'a jedhu.
Joo Baayidan hariiroo biyyoota alaa tiraampi balleesse nan sirreessa, biyyoota Ameerikaan mufachiifte nan kiisa jedhan. Dhimma Iraan fi Chaayinaa irratti imaammatisaanii kan Tiraampiin faallaadha.
Sanyummaa ilaalchisee
Pirezidaanti Tiraampi caasaa qaamolee nageenyaa keessa rakkoon sanyummaa hin jiru jedhu. Poolisiin seera kabachiisuu qabaata, seer-maleessummaan akka dagaagu iyyamuu hin qaban jedhu. Poolisii osoo hin taane kan balaaleffatamuu qabu warri hiriira ba'aniidha. Namoota hiriira ba'aniin 'wanbadee' jedhuun, Tiraampi.
Joo Baayidan caasaalee nageenyaa keessatti sanyummaa hundee gadi jabeeffateera jedhanii amanu.Kana balleessuuf nan hojjedha jedhu.
Meeshaalee waraanaa ilaalchisee
Pirezidaanti Tiraampi heerri mootummaa Ameerikaa lammaffaa fooyya'ee ba'e lammiileen biyyattii meeshaa waraanaa hidhachuu akka danda'an iyyama jechuun hiika itti kennu.
Namoonni meeshaa waraanaa bitatan duubi isaanii akka qoratamu jedhamee ture, haata'u hanga yoonaa waan kana hojiirra hin oolchine.
Joo Baayidan meeshaa waraanaarratti seerri cimaan akka jiraatu fedhu. Namoonni bitan duubni isaanii akka qoratamu, namni tokko ji'atti tokko qofa bitachuu akka danda'u, dhaabbilee maal-na dhibdeedhaan meeshaa waraanaa oomishanii gurguran itti gaafatamtoota gochuu fi gosa meeshaa waraanaa lammiileen bitachuu danda'an seeraan murteesuuf akka hojjetan himan.
Abbootii seeraa mana murtii walii galaa ilaalchisee
Pirezidaanti Tiraampi mirga heerri mootummaa naaf kenne fayyadamuun bakka abbaa seeraa mana murtii walii galaa nama biraa muuduu nan danda'a jedhu. Asirratti akkuma jedhan dubartii Eemii koonii Baareet jedhamtu kaadhimamummaan dhiyeessanii turan.
Dubartiin kun akkuma muudamteen murtee kan kennite dhimma ulfa baasuurratti. Kanaan dura Tiraampis ta'e Baareet ulfa baasuun Ameerikaa keessatti seeraan ala akka ta'u fedhu.
Joo Baayidan muudamni kun filannoo booda ta'uutu irra ture, pirezidaantiin yeroon turtii isaa hobba'aa jiru fedhii lammiilee Ameerikaa irratti murteessuun irra hin jiru jedhu. Mirgi ulfa baasuu seeraan akka eegamus barbaadu.