Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Tiraamp moo Baayidanituu filannoo US mo'ataa? Tilmaamaa
Filannoo pirezidaantii Ameerikaa bara kanaa murtee argachuuf bulchiinsawwan murteessoo ta'an muraasa keessatti qabxii argamutu adda baasa.
Bulchiinsiwwan irra caalaanis karaa adda addaatiin akka sagalee kennaniif yaadni kennameefiira.
Kanaafuu, filattoonni 188 akka Mr Tiraampiifi kanneen 233 ta'an ammoo Baayidaniif akka sagalee kennan ramadnee jirra.
Joo Baayidan aangoo pirezidaantummaa argachuuf haala gahaa ta'een socho'uu danda'aa? ykn Tiraampiitu ammas marsaa lammaaffaaf mo'ata?
Kunis kan murtaa'uu dorgommii kennitoota sagalee filannoo 270 argachuuf taasifamuun- kan wayita ammaa kanatti murtaa'ee jiru jechuudha.
Bulchiinsawwan kanneen akkamiin filannaa?
Sirna filannoo US keessatti, bu'aawwan sadarkaa-bulchiinsaatu lakkaa'ama. Tokkoon tokkoo bulchiinsaa baayyina filattootaa, kan baayyina ummataa irratti hundaa'ee qabu.
Maddeen Ameerikaa walabaa lama; 'Real Clear Politics' fi The 'Cook Political Report' kan jedhaman halkan filannootti attamiin sagaleen akka kennamu ilaalchisuun tarreewwan garee bulchinsootaa maxxansaniiru.
Bulchinsoonni baayyeen akka dakaa-oliitti (''toss-ups'') jechuunis garee tokkoon mo'amuu kan danda'uutti qoodamaniiru.
Nutis bulchiinsawwan murteessoo sagalee filannoo argachuu gahaa ta'aniifi bakka itti dorgommichi haalaan cimuu danda'u torba fulanneerra.
Pirezidaant Tiraamp bara 2016tti hunda isaaniittuu mo'atee ture.
Kaadhimamtoonni maaliif sagalee walfakkaataan eegaluu?
Erga bulchiinsoonni hundinuu akka karaa tokko ykn karaa gara biraatiin filataniif itti himamee jecha, sagalee isaanii akka waan tokko tokkoon isaanii filataniitti yaaduun ramadneerra. Kana jechuunis taphichi sagalee filattootaa 188 Tiraampiifi 233 ammoo Baayidaniifiin eegala.
Sagalee walqixa argachuu danda'uu?
Gama teeknikaatiin eeyyee. Waliigalatti sagalee Elektiroo Kolleejjii 538tu jira.
Kanaafuu, kaadhimamtoota lamaanifuu bulchiinsoota keessatti tokkoon tokkoosaanii sagalee 269 argachuun mo'achu ni danda'u.
Akkasumas, kaadhimamaan kamiyyu sagalee caalmaa argachuu dhiisuu danda'a.
Mo'ataaa tokko murteessuuf, Bakka Bu'oonni Mana Maree US pirezidaantii itti-aanuuf sagalee kennuun Seenaatarri US ammoo Pirezidaantii Itti-aanaaf sagalee kannu.
Kunis ta'uu kan danda'u baayyee gadaanaadha. Seenaa Ameerikaa keessatti yeroo muraasa qofa kun kan ta'e. Erga jaarraa 19 as ammoo mudatee hin beeku.
Waa'ee filannoo US gaaffiiwwan maalii qabdu?
Haalli adeemsa filannoo Ameerikaa bitaa kan namatti galu ta'u danda'a. Akka isiniif galu gochuuf ammoo BBCn kunoo asitti argama. Maaloo gaaffii keessaan asiin gadiitti galchaa.
Gucicha arguu kan hin dandeenyee yoo ta'e, marsaritiin deesktop irratti saaquu qabaattu ta'a.
Haala muraa keessatti ammoo, yoo isini kan dhorkitan ta'e malee gaaffiiwwan keessan maqaa, umuriifi bakka jireenyaa haaluma isin galchitan waliin mullachuu danda'a. Ibsi waa'ee odeeffannoo keessanii garuu hin mullatu. Maaloo terms & conditions fi privacy policy (twaliigalteewwan fi haalawwan fi imaammata qofummaa) dubbifachu keessan mirkaneeffadhaa.