Filannoo US 2020: Tiraamp moo Baayidanituu filannoo US mo'ataa? Tilmaamaa
Filannoo pirezidaantii Ameerikaa bara kanaa murtee argachuuf bulchiinsawwan murteessoo ta'an muraasa keessatti qabxii argamutu adda baasa.
Bulchiinsiwwan irra caalaanis karaa adda addaatiin akka sagalee kennaniif yaadni kennameefiira.
Kanaafuu, filattoonni 188 akka Mr Tiraampiifi kanneen 233 ta'an ammoo Baayidaniif akka sagalee kennan ramadnee jirra.
Joo Baayidan aangoo pirezidaantummaa argachuuf haala gahaa ta'een socho'uu danda'aa? ykn Tiraampiitu ammas marsaa lammaaffaaf mo'ata?
Kunis kan murtaa'uu dorgommii kennitoota sagalee filannoo 270 argachuuf taasifamuun- kan wayita ammaa kanatti murtaa'ee jiru jechuudha.
Isteetiiwwan murteessoo keessatti pirezidaantii US itti aanu raaguuf bu'aa waami
![]()

Wiiskonsiin
Sagaleewwan filannoo: 10
Bara 2016tti Donaald Tiraampi Wiiskonsiin keessatti mo'icha hineegamnee mo'ate ture, keessattuu qalbii warra baadiyaafi dubartoota adii hojjattoota ta'an hawwachuun ture. Haata'u malee gareedhumti kun waggaa lamaan booda bulchaa isteetii Dimokiraatoota irraa akka filatamu gargaaran- akkasumas Mr Baayideen amma sagaleen dursaa jiru.
Warri Wiiskoonsiin sababa waraana daldala biyya alaa akka omisha aannanii alatti ergamu danqamuun gatiin kufee omishini akka cufamu taasiseetiin Tiraampiin filachu diisu danda'u ta'a.
Akkasumas istitiin erga namni gurraachis polisiin itti dhukaafamee magaalaa Kenoshaa keessatti ajjeefameen booda hiriira mormiitiin gutamte turte. Riippablikaannoonnis yoo Dimokiraatoonni mo'an seera maleessuummaafi jeequmsa gara biraa fida jechuun akeekkachisan. Garuu filattoonni Wiiskonsiin kakaan amansiifamu laata?

Ariizoonaa
Sagaleewwan filannoo: 11
Donaald Tiraamp bara 2016ti isteetii aadaadhaan kan Riippablikaanootaa taateetti hammaarrate ture, garuu filannoowwan dhiheenyaatiin oggnsi isaa %4 kan kaadhimamtoota Riippablikaan argatanii baayyee gadi. Ammattis, Mr Tiraampi Mr Baayideeniin akka dhabu filachiiftoonni raaganiiru.
Issteetii Guddichi Kaaniyaan kan ummanni Laatinoo fi durreessooni magaalaa itti baayyataa jiru, Dimokiraatota filachi fedhu. Istetiittiin koronaavaayirasiin baayyee kan hubamte yoo ta'u, filattoonni pirezidaantichi balicha sirriin hinto'annee jechuu yaadan yaada saanii jijjirachu danda'u.
Garuu xiyyeeffannaa Mr Tiraampi kan Istatichatti karaa kaabaa Meeksikootiin dallaa ijaaruufi dhorkaan viizaa hojjattoota lammiilee biyya biraa ammalleen filattoota biratti bakka qabaachu mala.

Kaaba Kaarolinaa
Sagaleewwan filannoo: 15
Osoo bara 2008tti Baaraak Obaamaan garaa garummaa xiqqoon hinmo'atiin dura Kaaba Kaaroliinaa jidduugala Riippablikaanotaa gaarii ture. Mallattoon cuquliisaa sunis ammalleen seenaa fiattootaa keessatti injifannoon Dimokiraataa caardiiwwaniin gutummaatti akka hinhafne agarsiisa.
Bakka Baayideen sagaleen itti dursaa jiruu kanattis, Mr Baayidaniifi Mr Tiraampi lamaanu iseeticha qabachu yaaliif beeksiisaan miliyoonota kakaasaniiru.
Kaaba Kaarolinaan karaa poostaatii filachu eegaluufi gaaffiiwwan karaa poostaatiin filacha baayyee galmeesste kan jalqabaa yoo taa'u, wallakaa isaaniitiin ol Dimokraatoowwan galmeessan. Yoo filattoonni karaa poostaan filatan kan bu'aa dhumaa geeddaran ta'e, haalli Mr Tiraampiif baayyee kan gammachisu hinta'u.

Miichigaan
Sagaleewwan filannoo: 16
Tirampi bara 2016tti Hilaarii Kilintan %0.3 qofaan dursuun asitti mo'ate. Aadaan Dimokraatonni, warra kutaa hojjattoottaa erga inni waliigalteen daldalaa omishtoota akka fayyadu waadaa galee booda adeemsa waggaa 28 tureenTiraampi filatan.
Jooy Baayidan, kan abbaansaa daldalaa konkolaataas, Detroyit waliin dhidhata dhuunfaa cimaa akka qabu fi akka itti aanaa pirezidaantiitti yeroo baayyee Miichigaan dowwachu hima.
Akkasumas Bulchaan Miichigaan beekamaa Giretcheen Waayitmar akka dorgomaa isaatti filate. Baayidan, akka dorgomaa hammayyaa cimaa, kan yeroo hunda Miichigaan keessatti sirriitti hojjateetti ilaalama.

Peensiilvaaniyaa
Sagaleewwan filannoo: 20
Waggaa afur dura, warra lixa Peensivaaniyaa haala jireenyaa isaanii, kan industirii annisaa irratti hundaa'ee eeguuf jecha isteetii aadaan kan Dimokraatotaa ta'e Donaald Tiraampiif gargalchan. Innis waadawwan Dimokiraatotaa irraa omishaa fi adeemsa kasalaa haaroomsuu eegsiisuuf waadaa gale. Garuu Tiraamp raawwateeraa?
Erga weerarichi mudatee kaasee hojii-dhabummaan dachaa lamaan dabaleera. Mr Baayidan, kana magaalaa baha Iskraantan (Kan Baaccoo Biritich The Office isa kan US keessatti akka mana Kubaaniyaa Waraqaa Dunder Mifflin ta'un beekamu)iitti dhalatan, fuula baramaa waan ta'aniif, eenyummaan isaanii kun mo'achuu isaan qaqabsiisu danda'a.

Filooridaa
Sagaleewwan filannoo: 29
Filooridaatti wanti tokko haqa: filannoowwan yeroo hunda dhihoodha. isteetiin ifa aduu tunis mana lammaffaa Donaald Tiraamp guddifamte ta'u dandeessi, garuu ammoo mo'ichisaa filannoo yeroo darbee cimaa hinturre.
Sababii ummanni isaa sabdanneessaa fi jijjiramaa ta'eef, bu'aa Filooridaa waamuun rakkisaadha. Ummnni iseetichaa Laatiinoo irra caalaan Riippablikaaniif oogu, garuu ammoo kaawuntiiwwan Dimokiraatoonni itti baayyatan keessa jiraachu jaalatu. Maanguddoonni isteetiiwwan gara biraa Filooriidaa keessatti soorama bahuu itti fufuun, baayyinaan filannoo bahan. Filattoonni dargaggoon, kannen Dimokiraatoota deeggaran, baayyataniiru. Isteetittii keessatti filattoonni wallakkaan magaalaa waljalaan paartii Riippablikaan irraa garagalaa jiru.
Alkana finnoo bu'aa Filooriidaatiif ijja keessan banaa eegadhaa: erga 1964 as dhugaa filannoo hunda keessaa tokko, kaadhimamaan pirezidaantummaa Filoodiraatti mo'ate Waayit Hawuusiif ni mo'ata.

Joorijiiyaa
Sagaleewwan filannoo: 16
Joorjiyaa erga 1960 kaasee yeroo lamaaf malee filannoo pirezidaantummaa hundaan cimsanii Riippablikaanii filatu. Garuu bara kana, gareen duula Mr Baayidan caalmaa akka qabaatu amanu. Isaaniis deeggarsa filattoota warra guraachaa, kan kanneen isteetichatti filachuuf galmaa'an keessaa yoo xinnaate tokko sadii ta'aniin ni caalu.
Dhimmoota sanyiin- walqabateen, sagaleen Baayidan kan Tiraamp baayyeen caala. Bara kana moormiin duulli Black Lives Matter oduuwwan biyyaaleessaa hawwateera. Yeroo baayyees magaalootta gurguddoon alatti dargaggoota Joorjiyaatu hiriirawwan kanneen oggana.
Garuu ammoo Tiraamp akka ''dorgomaa seeraa-fi- tasgabbii'' tti of dhiyeessaa jira; kunis warra adii, mankaraareessitoota Joorjiyaa kanneen yeroo hunda bu'aa istetichaa qajeelchan biratti madaallii kaasuu danda'a.
Hundinuu guyyaa filannootti eenyuu akka dhiyaatee filatu irratti kan hundaa'udha.
Bulchiinsawwan kanneen akkamiin filannaa?
Sirna filannoo US keessatti, bu'aawwan sadarkaa-bulchiinsaatu lakkaa'ama. Tokkoon tokkoo bulchiinsaa baayyina filattootaa, kan baayyina ummataa irratti hundaa'ee qabu.
Maddeen Ameerikaa walabaa lama; 'Real Clear Politics' fi The 'Cook Political Report' kan jedhaman halkan filannootti attamiin sagaleen akka kennamu ilaalchisuun tarreewwan garee bulchinsootaa maxxansaniiru.
Bulchinsoonni baayyeen akka dakaa-oliitti (''toss-ups'') jechuunis garee tokkoon mo'amuu kan danda'uutti qoodamaniiru.
Nutis bulchiinsawwan murteessoo sagalee filannoo argachuu gahaa ta'aniifi bakka itti dorgommichi haalaan cimuu danda'u torba fulanneerra.
Pirezidaant Tiraamp bara 2016tti hunda isaaniittuu mo'atee ture.
Kaadhimamtoonni maaliif sagalee walfakkaataan eegaluu?
Erga bulchiinsoonni hundinuu akka karaa tokko ykn karaa gara biraatiin filataniif itti himamee jecha, sagalee isaanii akka waan tokko tokkoon isaanii filataniitti yaaduun ramadneerra. Kana jechuunis taphichi sagalee filattootaa 188 Tiraampiifi 233 ammoo Baayidaniifiin eegala.
Sagalee walqixa argachuu danda'uu?
Gama teeknikaatiin eeyyee. Waliigalatti sagalee Elektiroo Kolleejjii 538tu jira.
Kanaafuu, kaadhimamtoota lamaanifuu bulchiinsoota keessatti tokkoon tokkoosaanii sagalee 269 argachuun mo'achu ni danda'u.
Akkasumas, kaadhimamaan kamiyyu sagalee caalmaa argachuu dhiisuu danda'a.
Mo'ataaa tokko murteessuuf, Bakka Bu'oonni Mana Maree US pirezidaantii itti-aanuuf sagalee kennuun Seenaatarri US ammoo Pirezidaantii Itti-aanaaf sagalee kannu.
Kunis ta'uu kan danda'u baayyee gadaanaadha. Seenaa Ameerikaa keessatti yeroo muraasa qofa kun kan ta'e. Erga jaarraa 19 as ammoo mudatee hin beeku.
Waa'ee filannoo US gaaffiiwwan maalii qabdu?
Haalli adeemsa filannoo Ameerikaa bitaa kan namatti galu ta'u danda'a. Akka isiniif galu gochuuf ammoo BBCn kunoo asitti argama. Maaloo gaaffii keessaan asiin gadiitti galchaa.
Gucicha arguu kan hin dandeenyee yoo ta'e, marsaritiin deesktop irratti saaquu qabaattu ta'a.
Haala muraa keessatti ammoo, yoo isini kan dhorkitan ta'e malee gaaffiiwwan keessan maqaa, umuriifi bakka jireenyaa haaluma isin galchitan waliin mullachuu danda'a. Ibsi waa'ee odeeffannoo keessanii garuu hin mullatu. Maaloo terms & conditions fi privacy policy (twaliigalteewwan fi haalawwan fi imaammata qofummaa) dubbifachu keessan mirkaneeffadhaa.