Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Tiraamp erga Covid-19'n qabamanii torban lamatti duula na filadhaatti deebi'an
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi koronaavaayirasiin qabamanii torban lama osoo hin ta'iin duula na filadhaatti deebi'an.
Duula na filadhaa pireezidantichi Filooriidaatti gaggeessan irratti namoonni kumaan lakkaa'aman maaskii osoo hin uffatiin argaman.
Tibbana koronaavaayirasiin qabamanii irraa dandamachuusaaniitti gammachuusaanii kan ibsan Tiraampi, deggertoota isaaniif jaalala qaban ibsaniiru.
Pirezidaanti Tiraampi morkataasaanii Joo Baayidan gadi xiqqeessanii dubbachuun duulasaanii eegalan.
Waa'ee dhibamanii fayyuusaanii wayita dubbatanis,''Madinummaan koo cimaa ta'uu natti himaniiru. Baay'een jabaadhe. Amma isin keessa deemee isin haammachuu; isin dhuungachuu nan danda'a. Dhiiraa fi dhalaa mara dhuungadhee jaalalan qabu ibsachuu nan danda'a.'' jedhan.
Gama kaaniin ammoo Ohaayoo keessatti duula na filadhaa kan gaggeessaa jiran Joo Baayidan maal na dhibdee fi ofittummaa Tiraampi erga koronaavaayirasiin qabamanii as agarsiisaa jiran qeeqaniiru.
Kaadhimamtoonni lameen kunneen filannoo Sadaasa 3 gaggeeffamuuf yeroo torbee sadii hafte kana keessatti sagalee caalmaa argachuuf tattaafachaa jiru.
Filannoo pireeziaantummaa US'f hanga ammaatti sagalee namootaa funaanameen akka biyyaatti Joo Baayidan qabxii kudhaniin Tiraampi dursaa jiru.
Kutaalee biyyaa filannoo US'f murteessoo ta'an kanneen akka Filooriidaa keessatti garuu qabxiin caalmaa Baayidan qaban guddaa miti.
Filooriidaa keessatti warri dimokiraatotaa qabxii 3.7 qofaan dursaa jiru akka ragaa marsariitii dhimma ragaa siyaasaa fi daataa qopheessuu 'RealClear Politics' jedhamuutti.
Filooriidaa fi Ohaayoon filannoo US keessatti iddoo falmii jabaan itti gaggeeffamuu fi filannoo mo'achuuf iddoo murteessaadha.
Namni siyaasaa gameessi umrii waggaa 74, Doonaaldi Tiraampi guyyaa 12 dura koronaavaayirasiin qabamanii, hospitaala seenanii turan.
Erga hospitaalaa ba'anii garuu doktarri isaanii, pirezidaantichi irra deddeebiin ilaalamanii vaayirasicharraa bilisa ta'uu ibsuun hojiisaaniitti yoo deebi'an yaaddoon uumamu akka hin jirres himaniiru.
Haala kanaan Waayit Haawusitti kan deebi'an Tiraampi, osoo baay'ee hin turin ammoo duula na filadhaa eegalaniiru.