Filannoo US 2020: Amantoonni warra wangeelaa Afrikaa Tiraamp filannoo akka mo’atuuf kadhachaaf jiru

Wa’ee Afrikaa yaadota gaarii hin taane haa dubbatuyyuu malee Pireezidaantiin Ameerikaa Tiraamp amantoota warra wangeelaa irraa filannoo irratti akka milkaa’uuf kadhannaa argachaa jira.

‘’Isaaf kadhadhaa yeroo Waaqni ijoolleesaa aangoorra kaa’u hamaan immoo balleessuuf waan hunda hojjeta,’’ jedhe paastariin Naayijeeriyaa Paastar Kiriis Oyaakilihoomee tajaajila Waxabajjii keessa kenneen.

Warreen pireezidantii Rippaabilikaanaa kana qeeqan illee akeekkachiiseera paastarichi.

‘’Isaan Tiraamp Kiriistaanota ijaa deeggaruuf isa jibbu, kanaaf kan isaan jibban Kiristaanota dha jechuu dha,’’ jedha paastariin sagantaan TV inni dabarsu Ameerikaafi akka addunyaatti ilaalamu

Tiraamp pireezidantii akka addunyaatti falmisiisaa yoo tahu biyyoota Afrikaa kanneen akka Naayjeriyaa fi Keeniyaa keessatti beekamaa dha.

Biyyoota kanneen keessatti Tiraamp Afrikaa bara 2018tti ‘’boolla balfaa’ jedhee arrabsuun homaa isaan hin yaaddessine jedha Qorannoo dhimma filannoo dhaabbata Piiw’n adeemsifame.

Naayijeeriyaa fi Keeniyaan lameenuu biyyoota amantiin hundee jabeefate dha. Kibba Naayijeeriyaa keessatti waldaaleen Kiristaanaa gurguddoo tahan baay’inaan faca’aniiru jiru. Keeniyaatti immoo qondaaloti mootummaa tajaajila waldaa deemuun deeggartoota isaanitti haasa’u.

Kiristaanoti warra wangeelaa baayyee Afrikaa jiran ulfa baasuu kan morman, mirga jaalattoota saala wal-fakkaataa kan hin deeggarree fi Israa’eliin deeggarani dha. Kanumaafu Obaamaan hundeensaa Afrikaa tahus badaa isa jaalachaa hin turre.

‘’Bulchiinsi Obaamaa ajandaa warra Libiraalaa as Afrikaa keessatti oofaa ture sunimmoo hoggantoota Kiristaanota yaaddessaa ture. Yeroo Tiraamp aangoo fudhate isaaniif haaragalfii ture,’’ jedha Richaard Chogoo Keeniyaatti Waldaa huura bahuu ‘Deliverance Church’ jedhamu hoggana.

Tiraamp dhaabbata Maarii Istoops tajaajila ulfa baasu kennurraa deeggarsa qarshii kutuusaaf ni leellisaan.

Warreen tola ooltummaa irra hojjetan immoo bara 2017 keessa deeggarsa qarshii kana kutuun jireenya dubartootaa balaaf saaxileera jedhu.

Paastarichi Keeniyaa keessatti ulfa baasuun seeraan ala dha. Seeraan akka deeggaramu gochuun ajandaa ittiin baay’ina uummata to’atani dha jedha.

Dhimmi ulfa baasuu wiirtuu ajandaa siyaasaa Ameerikaa erga tahee waggaa 40 darbe.

Amantoonni adii warra wangeelaa tahan sochii farra ulfa baasuu kana gara dhiibbaa siyaasaatti geeddaruuf tokkummaa uumaniiru.

Bara 1973tti Ameerikaan ulfa baasuu erga seera qabeessa taasisteen boodatti amantoonni adii ejjennoo siyaasaa hin qabne Rippaabilikaanota kanneena akka Roonaald Reegaaniin jalqaban. Hogganaa warra Dimookiraatii Jiimii Kaartar immoo mormaati turan.

Kaartarillee warra wangeelaa tahus sagalee isaanii garuu Reegaaniidhaaf kennaniiru.

Eragasii dhimmi kun kan amantoota warra adiifi warra wangeelaa tahaniif utubaa sagalee isaanii itti kennan tahe.

Haa tahu malee Ameerikaa keessatti amantoonni gurraachaa pirooteestaantii tahan Deemookiraatiifi qeeqxoota Tiraamp akka tahan qorannoon Piiw kun agarsiisa.

Veneereebil Emeekaa Ezeejii waldaa Kiristaanaa Naayijeeriyaatti luba yoo tahu ilaalchi siyaasaa isaa waan kitaabni qulqulluu jedhuun qofa murteeffama jedha.

‘’Amantiin kan dhuunfaati, ani jireenyan deeggara. Kiristiyaanoti Afrikaas Rippaabillikaanoti Ameerikaafi Afrikaaf gaarii dha jedhaniia amanu,’’ jedha.

Tiraamp Joo Baayidaniin akka mo’atuufi vaayirasiin yeroo qabame immoo akka fayyuuf kadhachaafi akka ture dubbata lubni kun.

Lubni kun warraaqsa Black Lives Matter jedhutti hin amanu. Warraaqsa Tiraamp ‘mallattoo jibbaa’ jedheen kana kaayyoo isaa duraa irraa kaateera jedheetu amana.

Tiraamp gurraachota Ameerikaaf waggaa jalqabaa sadii keessatti hojii uumuun jireenya isaanii foyyeesseera jedheetu isaan leellisa.

Waajjirri Hojjetaa Ameerikaa, hojii dhabdummaan gurraachotaa gad-aanaa tahe bara 1970 asitti Fulbaana darbe keessatti galmaa’ee jedheera.

Haa tahu malee weerara Koroonaavaayirasiin wal-qabatee lakkoofsi kuni gadi bu’eera.

Lubni Izeejii ‘’Tiraamp Waaqaan kan filatame dha. Qiroos bara keenyaa dha jedha. Mootii Parshiyaa Baabilooniin weeraruun Israa’elaota Yeruusaalemitti deebise jechuun kaasa.

‘’Waaqni inni tajaajilaa kooti jedha, isaan hojii koon hojjedha jedha,’’jedha Luba Imeekaan. Akkasuma tajaajiltuun Juuliyeet Imoofee Biniitiinis kanummatti waliigalti.

Deeggartuun Tiraamp kun tajaajila waldaashee keessatti taasifamuun Tiraamp akka lammata filatamuuf ni kadhatti.

Bara 2016tti akka Tiraamp filatamu Waaqni ergaa isheef kennuu himti Kiristaanummaa haleellaa jala jira jettee amantus bilisa baasa jetti.

‘’Waaqni nama ejjennoofi ija jabina qabun barbaada naan jedhe. Namoota gaariin qofti hojii hin hojjetamnetu jira’’ jetti Beentiin.

‘’Nuti nama mirga amantootaa tiksu barbaanna, sochiiwwan jijjiirama qilleensaaf taasifamuun jireenya namaa to’achuu fedhu,’’ jetti.

Hojii dippiloomaasii Israa’eliif biyyoota Arabaa araarsuuf taasiseen kabaja isaaf malu hin arganne jetteeti amanti.

Paastar Choogoonis,’’Saadaam Huseenis tahi, Mu’ammar Gaadaafii waan lama yookiin gaarii tokko uummata ni dalagda.’’

Warri Wangeelaa maaliif Tiraamp deeggaru?

Kallattiin dubbata, hoggantoota Afrikaa immoo biyya isaanii irratti akka hojjetan itti hima jedha paastarichi

Mana Murtii olaanaa Ameerikaattis haadha murtii Emii Kaanii Baareet filachuu isaa leellisa.

Siyaasaafi barnoota libaraalaa akka malee babala’chaa jiruun namni warra wangeelaatti amanu haleellaa jala jira jedha paastarichi.

Baaydeen waldaa haa deemuyyuu malee, filannoo namootaa kabajuyyuu malee paastar Choogoofi amantoota waldaasaa dhufan muraasaan ala Tiraamp Kiristaanummaa tiksa jedhanii amanu.

‘’Kuni waldaa deemuu dhiisuu dandeessa garuu waan waldaan raawwattu jajjabeessu dha.’’ Jedha.